Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibiddi waraanaa baha giddu galeessatti qabate yoom dhaamuu danda'a?
Hanguma Lolli Baha Giddu Galeessaa keessatti babal’achaa deemuun yaadni nagaa xiqqaachaa deema.
Waggaa tokko dura, Baha Giddu Galeessaa keessatti gaaga'amni akka kanaa dhufuuf akka deemu kan tilmaame muraasa.
Waldhabdeen Israa’el fi Filisxeem giddutti callisa hin baratamne keessa ture. Miidiyaaleenis haala ammaa kanaan guyyaa guyyaan waa'ee isaanii tamsaasaa hin turre.
Garuu guyyaa tokko waraanni akka hin oolle sodaan jiratus, sun hanga tokko nagaan ba'anii galuun lammileef boqonnaa guddaa ture.
Nama hunda bira haala jechuun danda'amuun ajaa'ibsiifannaa guddaatu ture. Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Jaak Suulivaan haleellaan Israa’el fi Filisxeem utuu hin jalqabin dura “Naannoon Baha Giddu Galeessa waggoota kurnan lama darban caalaa amma callisee jira,”jechuun dubbate ture.
Baatii tokko utuu hin guutiin naannichatti abiddi qabate. Waggaa tokko keessatti qe'een Gaazaa golgaloofte.
Lammiileen Filisxeem kuma 41 ol du’aniiru. Gaazaa keessaa namootni miliyoona lama buqqa'aniiru. Westi Baankiitti ammoo lammiileen Palaastayin biroo 600 ajjeefamaniiru.
Libaanos keessatti namoonni miliyoona tokko kan biroo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru, kanneen 2,000 ol ta'an ammoo ajjeefamaniiru.
Israa’elis taanaan waraana fi halleellaa seenaa ishee keessatti isa hamaa ta’een raafamaa jirti.
Guyyaa jalqabaa Onkoloolessa 7,2023 sana qofaa lammiileen Israa’el 1,200 ol ajjeefamaniiru. Ergasii as Israa'el loltoota dabalataa 350 Gaazaa keessatti dhabdeetti.
Lammiileen Israa’el kuma dhibba lama ta’an qe’ee isaanii Gaazaatti dhihoo fi daangaa kaabaa Libaanos waliin jiru irraa baqachuuf dirqisiifamaniiru.
Loltoonni fi namoonni nagaa 50 ta’an rookkeettii Hezbollaahatin ajjeefamaniiru.
Guutummaa Baha Giddu Galeessaa keessatti warri kaanis lola kana keessatti hirmaataniiru.
Rakkoon kun akka hin hammaanneef tattaaffiin gama dippilomaasiin taasifamu, Lubbuu nmaaa baduu fi qabeenyi manca'u daangessuu hin dandeenye.
Amma waraana Gaazaa caalaa, kan Hizbollaah fi Israa'el giddutti taasifamu jabaateera.
Iraaq fi Yaman irraas rookkeetiin fagootti dhukaafameera.
Diinota walii kan ta'an Israa'elii fi Iraanis haleellaa wal jijjiraniiru.Kanneen biroollee waraana kanatti makamuu akka danda'antu shakkama.
Dhiibbaan Ameerikaan Baha giddu galeessaa kana dhaabsisuuf taasisaa jirtu xiqqaadha.
Waldhabdeen kun akkuma babal’achaa dhufee fi kanneen biroo illee faalaa deemun,nageenyi fi araarri naannawa sanaa fagaataa deema.
Jireenyi lammiilee Gaazaa, Onkoloolessa 7 duraa fi booda, maal akka fakkatu tilmaamuun hin ulfaatu. Amma waa'een isaaniyyuu dagatamaa jira.
Lammiileen Israa’el jireenyi isaani akka hin taane ta'es haala wal fakkataa keessa jiru.
Namni kana dura booji'ame bahe tokko kan Yehuda Cohen jedhamu, “waraana bu’aa hin qabne kan diina Israa'elitti baay'isuu nu irratti bocame kanaaf Netaaniyahuun itti gaafatamu"jechuun dubbate.
Ministirri muummee kun garuu ''taatee Waxabajjii 7 gara taatee xiqqaatti jijjiiruuf waan hunda hojjechaa jira, wanti amma argames milkaa'ina guddaadha,'' jedha.
Lammiileen Israa’el hundi ilaalcha addaa Mr. Cohen irraa adda ta'e hin qaban.
Amma namoonni hedduun haleellaa Hamaas waggaa tokko dura raawwatame duula bal’aa diinonni Israa’el Yihudootaa balleessuuf geggeessaniif balbala kan bane akka ta’etti ilaalu.
Israa’el humna ishee waraana gaazaa qofaan utuu hin taane, peejiroota fi raadiyoo qunnamtii dhodhoosun,ajjeecha qondaaltota waraana diinaa ishee, sakatta’iinsa fi ittisa waraanaa fageenya dheeraa fi gosa hojii basaasaatiin agarsiifterti. Amma ofitti amanamummaa biyyattiin waggaa tokko dura dhabde tokko tokko deebifatterti .
Netaaniyaahuun “Baha Giddu Galeessaa keessatti bakka Israa’el ga’uu hin dandeenye hin jiru,” jechuunis ofitti amanamummaa biyyatti dubbatan
Daawwannaan hogganaan ajaja Giddugaleessaa Ameerikaa (Centcom) Jeneraal Maayikeel Kurilla Israa’elitti taasisan qorannoo dippilomaasii karaa irraa fagaachuu caalaa muddama fakkaatee yoo itti dhaga’amu ta'u US ammallee harka keessaa qabdi jedha.
Filannoon pirezidaantii Ameerikaa amma torban afur qofatu hafe. Dubbiin Baha Giddu Galeessaan yeroo kamiyyuu siyaasa caalaa qormaata guddaa Ameerikaa waan ta'eef dhiibbaan Amerikaa eegamaa ture amma jijjiirama hin fidne.
Ammaaf tarkaanfiin hatattamaa Ameerikanaa fudhachuu dandeessu ibidda naannoo baha giddu galaa kana keessa laboobaa jiru ittisuu qofa.
Tilmaamni waliigalaa jira, michoota ishee biratti, Israa’el haleellaa misaa’ela balistikii torban darbe Iraan raawwatteef deebii kennuudhaaf mirga - dirqama illee qabdi.
Haleellaa kanaan lammiin Israa’el tokkollee kan hin ajjeefamne yoo ta’u, Iraan bakka waraanaa fi basaasaa irratti kan xiyyeeffatte fakkaata.
Garuu Netaaniyaahuun kanas ta’e sana deebii cimaa akka kennu waadaa galaniiru.
Torban hedduudhaaf haleellaa Israa'el Garee Hezbollaa Libaanos fi Huuti Yamen keessatti taasifte muummichi ministeeraa Israa’el kun milkaa'aa jiraachii isaanii himatu.
Inumaa jijjiiramni sirnaa Tehran keessatti dhufaa ummata Iraaniif akeekaniiru.
''Xumura irratti Iraan wayita bilisa baatu, yeroon sun ammoo kan namoonni yaadan caalaa ariifatee kan dhufuu fi wanti hundi ni jijjiirama,'' jedhan.
Taajjabdoota tokko tokkoof, dhimmi kun weerara Ameerikaan bara 2003 Iraaq irratti raawwatte hordofee dubbii balaa qabu kan leelistootni niwoo ykn niwo konsarvaatiivii Ameerikaa dubbatan kan irra deebisudha.
Sirni Iraan addunyaa Israa'el keessa hin jirre abjoochuu mala, garuu wayita gareen loltootaa Iraanin deeggaraman haleelama jiranitti, humna guddaa naannichaa tokkicha to'achuun salphaa ta'uu eerti Israa'el.
Akkasumas Israa’el balaa Iraan irraa dhufu qolachuuf tumsa barbaaddi, milkaa’ina dhiheenya kana argatte illee kophaa ishee gochuu akka hin dandeenye beekti.
Iraan keessatti jijjiirama sirnaa taasisuun ajandaa Joo Baayiden keessas ta'ee, kan itti aantuu pirezidaantii Kamalaa Haaris keessas hin jiru.
Doonaald Tiraamp yoo ilaalle, yeroo tokko Iraan haleeluuf waan qophaa'e fakkaatee ture keessumaa erga Tehran diroonii hordoffii Ameerikaa Waxabajjii 2019 kuffiftee booda . Garuu pirezidaantiin duraanii kun gduubatti deebi'uun ji'a torba booda jeneraal olaanaa Iraan Qaasem Soleimani akka ajjeefamu ajaje.
Kanas ta'ee san waggootni darban kun baha giddu galeessaaf yeroo ulfataa fi seenaa keessatti haleellaawwaan ta'anii hin beekne irratti rawwataman ta'uun goodaannisa kaa'era.
Waraanni kun yoom dhaabatee yaadni Gaazaan akkamitti akka deebitee ijaaramtuu fi lammileen ishee nagaan keessa jiraatan dhufaan abjuu fi hawwi warraa nagaa barbaadaniti.