Rakkoo gabaa jimaa fi komii qonnaan bultoota Harargee

Dubartii jimaa baattee jirtu

Obbo Ahimad Muummee Imar Godina Harargee Bahaa Magaala Maayaatti qonnaan bulaa yoo ta’an wanni isaan omishan jimaadha.

Maatii isaanii nama sagal bulchanis hanga har’aa kan ittiin jiraachisan galii gurgurtaa jimaa kanarraa argataniin akka ta’e himu.

“Maatii kiyya nama sagali. Wanni ittiin jiraannu oomishuma jimaati. Oyiruu jimaa lafa hektaara tokko ta’un qaba. Duraan gurgurtaa jimaa kanaan maatii kiyya jiraachisa. Waan cufa galii keenya asumarraayi,” jedhu.

Ooyiruun jimaa isaanii kan mana jireenyaa isaanitiin duubatti bal’atee argamu miilana jimaa irraa hin murre. Mukumasaarratti dhiisanii jiru.

Obbo Ahimad Muummeen wayita hojiif qe’ee isaanii deemnetti oyiruu jimaa isaanii kan haalan lalisee jiru keessa nudaawwachiisanii sababa oomisha jimaa kanarraa sassaabuu dhiisaniif akkas jechuun dubbatan.

“Galiin nuti ni arganna jennu waan muka jimaa kanarraa argannu. Ammoo amma mukti jimaa kun homaa gatii dhabe. Amma gabaan jimaa badeera. Dadhabbii qofa. Waa takka irraa dhabuutti jirra. Kanaaf jimaa kana mukumarratti dhiisaa jirra,” jedhan.

Akka isaan jedhanitti, rakkoon gabaa jimaa barana mudate kun isaaniif haaraadha. Gaaffii isaaniis caasaa mootummaa naannoo isaaniitti iyyaachaa turuu kaasu.

“Yeroo wanni kun maali dhiiroo maalif akkana nurraa taha jennee hoggaa warra mootummaa gaafanne, ‘Daldalaatu akkana isin godha’ nuun jedhu. Ani amma oyiruu guddoo tana biraayin waanin ilmaanin guddisu, waanin ittiin jiraadhu hin qabu jechuudha,” jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaan jimaa akka duriirraa waan badeef jechas oomisha jimaa gabaatti geessuun kisaaraa malee bu’aan irraa argannu hin jiru jechuunis himu.

“Amma asii jimaa feetee yoo magaala geessite gatiin jimaa ati itti gurgurtu gatii geejjiba ittiin magaala fiddu hin caalu. Yeroo tokko tokko inumaa gatiin geejjibaa caalee kasaaraa qaba. Amma namni jimaa deemee namaaf gurguruyyuu hin jiru. Kisaarufan deemaa? jedhu”.

Oyiruu isaanii bal’aanjJimaan jirmarraa osoo hin guurin dhiisanis sabaabuma gabaan jimaa badeef kisaaraa sodaadhaaf ta’uu dubbatan.

“Amma namni alaa oyiruu jimaa kiyya kana arge ‘Oyiruu hangana gahu qaba, maallaqa hidhee irra taa’a’ naan jedhu. Nuti waan ittiin ifjiraachisnuu dhabne. Kiishni keenya duwwaadha. Gabaa hin qabnu, “jedhan Obbo Ahimad.

Sababa Gabaa jimaa kanaan jireenya fooyyee qaburraa hiyyummaa irraa dhufnetti deebi’aa jirra kan jedhan qonnaan bulaan jimaa kuni, mootummaan fala hataattamaa itti kennee nuqaqabuu qaba jedhan.

Haalli gabaa jimaa amma mudate kun yoo itti fufe garuu qonnaan bulaa hedduun rakkoo hammaataaf saaxilamuuf akka jiran yaaddoodhaan dubbatu.

Obbo Saabir Sheeraas kutaa Magaala Awwadaayitti qonnaan bulaa jimaati. Dhibdeen gabaa jimaa amma mudatte waan takkaa hin argini jedhu.

“Biyyi Harargee tun akka jirtutti wanni oomishtu jimaadha. Amma Gatiin jimaan ittiin bitamuu fi gatiin qaraxni kaffalamu qaraxattu irra guddate. Ammoo abbaa jimaa dhaabee omishuu fi abbaa qaraxa sassaabu gidduu, abbaa qaraxa sassaabutu irra buufata,” jedhan.

Adeemsi qaraxni ittiin sassaabamu bakka hedduutti jiraachuun ammoo daldalaarratti dhiibbaa waan fideef daldalaan jimaa qonnan bulaarraa bituu didaa jira jedhan.

“Amma Awwadaayirratti qarshii 17 yoo qaraxame, kaarnii sana qabattee yeroo Jijjigaa geessu kaarnii sana sirraa fuudhanii harka lama qaraxa mootummaan Somaalee. Gumuruukattis kaffaltii biraatu jira,” jedhan.

Biyya tokko keessatti oomisha tokkorratti qaraxni bakka adda addaatti qaraxamu daldala jimaa kana hedduu laaffiseera. Kana mootummaatti himnus hanga ammaa furmaanni hin argamne jedhan Obbo Saabir.

Rakkoon daldala jimaarratti mudate kun bu’aan isaa ammoo hundumarra qonnaan bulaa jireenyisaa Jimaarratti hundaa’e haalan miidhe jedhu.

“Gaafa duraa Jimaa Kiiloo tokko yoo gurgurate haajaa mana isaa ittiin guutata. Amma ooyiruun tun guutuun osoo guuramtee ooyiruma tanawuu hin akaafsisitu. Wanni asii achi gurgurru rakasee, wanni achii asbinnu qaalii ta’e,” jedhan.

Yeroo gareen gaazexessitoota BBC hojiif Magaala Awwadaay deemanii turaniitti rakkoo daldala jimaa irratti mudate kana daldaltoota irraas gaafachuuf yaalii goonus daldaltoonni muraasni gaafanne yaada kennuuf heeyyamamoo hin taane.

Ooyiruu jimaa

Deebii qaamoolee mootummaa

Gaaffii fi komii qonnaan bultoonni jimaa kaasan kanaaf Biiroo Daldala Oromiyaa irraas deebii argachuuf yaaliin taasifnes hin milkoofne.

Raakkoo gabaa jimaa irratti mudate kana miseensi mana marii bakkaa bu’oota Uummataa yaa’ii darberratti ministira muummee gaafatanii ture.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, rakkoon gabaa jimaa mudate jedhamuun gaafatame kun dhugaa ta’uu fi rakkoo kana furuuf qaama dhimmi ilaalu waliin mari’atamaa jiraachuu yaa’icharratti himan.

Ji’a tokkoon dura Deetaan ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahun Gofee dhimma rakkoo daldala jimaa ilaalen karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin akkas jechuun ibsanii ture.

“Qorannoo ministeera keenyaan taasifneen qaraxaa fi taaksiin baayyachuun, keellaawwan gumuruukni hin beekne heddummachuu fi daldaltoonni heeyyama al-ergii baafataniin hojii daldalaa hojjechuu dhabuu fi darbee darbee hojii seeraan alaatiif fayyadamuun madda rakkoo kanaati,” jedhan.

Komishinii Gumuruuka Itoophiyaa waliin mari’achuunis keellaawwan beekamtii gumuruukaatiin ala jiranii fi qaraxni iddoowwan garagaraatti omishaalee al-ergii irratti gatame haal-duree tokko malee akka ka’u murtaa’uus ibsanii ture.

Murtiin kun erga jedhamee ji’a tokkotti dhihaatulleen rakkinichi ammayuu waan hin furamneef gaaffiin qonnaan bultootaas deebii hin argatin jira.