Iloon Maask qooda dhaabbatasaa Teslaa doolaara biiliyoona 4 tahu gurgure

Iloon Mask

Madda suuraa, Reuters

Hogganaan dhaabbata konkolaataa elektiriikii Teslaa Iloon Mask qooda dhaabbatichaa miiliyoona 19.5 tahu kan doolaara biiliyoona 3.9 baasu gurguruu sanadooti faayinaansii US agarsiisan.

Sooressi addunyaa kanarraa sadarakaa 1ffaa irra jiru, miidiyaa hawaasaa Tiwiitar doolaara biiliyoona 44 bituun torbee lama keessatti oduun kuni dhagahame.

Gatiin qooda Teslaa jalqaba waggaa kanaarraa kaasee harka 50’n gadi bu’eera.

Gama kaaniin immoo dhaabbatichi konkolaataawwan 40,000 tahan rakkoo qabu jedhamuun deebisanii funaanamaa jiru.

Gurgurtaan qoodaa miilanaa kuni gatii waliigalaa qooda Teslaa doolaara biiliyoona 20 taasiseera.

Kunis erga Iloon jalqaba waggaa kanaa irratti Tiwiitar akka bituu beeksiseen booda dha.

Ebla keessa qooda Teslaa doolaara biiliyoona 8.5 baasu, akkasumas Hagayyaatti kan doolaara biiliyoona 7 gurgureera. 

Waamicha irra deebii konkolaatawwan elektiriikiif taasifame

Teslaan konkolaataawwan 40,000 Ameerikaatti gurguraman caasaan isaanii sochii konkolaataa ajaju rakkoo qaba jechuun deebisee walitti qabuuf waamicha dhiyeessaa jira.

Dhaabbati konkolaataawwan elektiriikii oomishu kuni sirni ‘power steering’ jedhamu karaa dhooqa qabu ykn bu’aa bahii irra deemuu rakkachuu mala jedhe.

Bulchiinsi Karaa Saffisaa Ameerikaa caasaan kuni rakkoo qabaachuun balaa konkolaataa dabaluu danda’a jedheera.

Teslaan sirna kana sirreesuuuf jecha sooftweerii haaraa gadhiiseera.

Rakkoo konkolaatichaan miidhaan qaqqabe jiraachuu hin beeku jedheera dhaabbatichi.

Hojjettoota Tiwiitar arii’uu

Iloon baatii darbe Tiwiitar bituun booda hojjettoota harka 50 tahan hir’iiseera.

Tiwiitar guyyaatti doolaara miiliyoona 4 dhabaa waan jiruuf lakkoofsa hojjettootaa hir’isuun alatti ‘filannoo biraa hin qabu’ jedheera.

Kana malees ‘’rogeessonni warra beeksisa himsiifatan akka hir’isanii dhiibbaa godhaniiru,’’ jechuun komateera.

Kana malees namni akkaawuntiinsaa sirrii tahuu mirkaneessuuf mallattoo cuquliisaa argate doolaara saddeet kaffaluu qaba jedheera