Waajjiraaleen Paarlaamaa Awurooppaa malaammaltummaan shakkamanii sakatta'aman

Magaala Biraasils

Madda suuraa, Getty Images

Qorattoonni Beeljiyeem teessoo Parlaamaa Awurooppaa Biraasalsitti argamu malaammaltummaan shakkuun sakatta'an.

Sababni sakattaa kanaa ammoo miseensonni Parlaamaa Awurooppaa Kaatar Waancaa Addunyaa akka qopheessituuf matta'aa fudhatan jiru jedhamuun shakkaman akka jiran waan shakkameefi.

Erga gaafa Jimaataa Mudde 9 irraa kaasee hanga Mudde 12'tti Beeljiyeem keessatti si'a 20 sakattaan taasifameera.

Pirezidantin Paarlaamaa Awurooppaa Robeertoo Metsoola ''dimokiraasin yaaddoo keessa galeera" jechuun miseensota parlaamaa akeekkachiisan.

Poolisiin Beeljiyeem namoota malaammaltummaan shakkaman afur to'annaa jala oolchuu yoo beeksisu isaan keessaa tokko Ittaanaa Pirezidantii Parlaamaa Awurooppaa kan ta'an Ivaa Ka'iiliidha.

Ka'iiliin Giriik irraa filaman. Kaatar matta'aa homaatuu hin laanne jechuun haaltee jirti.

Miseensonni parlaamaa yakka malaammaltummaa irratti ka'e kana ilaalchisee har'a Mudde 13 falmii ni gaggeessu jedhameera.

Qorattoonni yakkaa Beeljiyeem akka jedhanitti yuuroo 600,000 ta'u mana shakkamaa tokkootti yoo to'atamu yuuron 150,000 ammoo mana miseensa parlaamaa tokkotti qabame.

Yuuroon kuma dhibbaan lakkaa'aman biroo ammoo Biraasalsi kutaa hoteelaa keessattis to'atameera. Kompiitaroonni fi bilbiliwwan heddus to'atamuutu himame.

Jimaata irraa kaasee meeshaaleen IT miseensota parlaamaa 10 uggurameera, kunis odeeffannoowwan qorannoof gargaaran akka hin haqamneefi jedhame.

Namoonni afran to'annoo jala oolan "dhaabbilee yakka hojjatan keessatti hirmaachuu, maallaqa waliin dhahuu fi malaammaltummaan" himanni irratti dhiyaate.

Ittaantuu pirezidaantii Parlaamaa Awurooppaa fi waggoota saddeetif miseensa parlaamaa kan ta'an lammiin Giriikii Ka'iilin hojiirraa ari'amaniiru.

Paartii biyya Giriikii Paasok jedhamu keessayis akka bahan taasifame.

Ivaa Kaa'ilii

Madda suuraa, Getty Images

Qorattoonni Giriikii qabeenya miseensa parlaamaa kana hunda ugguruu beeksisan.

Kaatar akka Waancaa Addunyaa qopheessituuf dhiibbaa akka godhaniif angawoota Gamtaa Awurooppaa matta'aa fudhatan jedhamanii shakkaman jaha Jimaata darbe to'annoo jala oolaniis isaan keessaa lama gadi lakkifamaniiru.

Namoota to'ataman keessaa hanga ammaa ebelu jedhamanii maqaan hin dhahamne, haa ta'u garuu ittaantuun pirezidaantii parlaamaa gamtichaa Kaa'iliin namoota to'ataman keessaa akka ta'an beekameera.

Kanneen hafan sadan namoota lammii Xaaliyaanii ta'uutu himame. Parlaamaan Awurrooppaa malaammaltummaadhaan shakkamuun namoota hedduu afaan qabachiisera.

Miseensonni parlaamaa BBC'tti dubbatan wanta mudatetti heddu akka gaddan himu.

'Dimokiraasii Awurooppaarratti haleellaatu raawwate'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa Ursulaa Von der Leyaan "himannaan dhiyaate baay'ee cimaa" ta'uu eerun qaamni namuusaa gamticha to'atu akka hundaa'uf waamicha dhiyeessan.

Pirezidaantin Parlaamaa Awurooppaa Metsolan tokkummaan parlaamichaa akka iddootti deebi'u miseensota parlaamichaatti dubbatan.

"Dimokiraasiin Awurooppaarratti haleellaan gaggeeffameera, ummata bilisaa fi dimokiraatawaa ta'e irrattis haleellaan gaggeeffame," jechuun dubbatan.

Qorattoonni akka jedhanitti biyyi galoo galaanaa taate murtee diinagdee fi siyaasaa paarlaaman Awurrooppaa murteessu irratti ji'oota hedduuf dhiibbaa gochaa turuu beeksisan.

Miidiyaaleen biyya keessaa biyyi galoo galaanaa jedhanii qorattoonni yakkaa ibsan kana Kaatar akka taate ifa godhan.

Kaatar garuu himannaa irratti dhiyaatu kana balaaleffatteerti.

Paarlaaman Awurooppaa qaama Gamtaa Awurooppaa kallattiin filatamuudha.

Biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa kan ta'an 27 irraa kan filataman miseensota 705 qaba.