Hariiroo Awurooppaafi Itoophiyaa bakka duraatti deebiyuuf fooyya'insa gahaan hin mula'nne -EU

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasa dhaabuu marii irratti hundaa'e, loltoonni Ertiraa Itoophiyaatii bahuu, akkasumas dhiyeessi gargaarsa namoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa addaan citan deebisuun hariiroo Awurooppaafi Itoophiyaa bakka duraan turetti deebisuudhaaf haal-dureewwan ka'aman akka ta'an Gamtaan Awurooppaa hime.
Dabalataan sarbama mirgoota namoomaa qaama lamaaniin raawwataman ilaalchisuun itti-gaafatamumman akka jiraatu gochuun dhimma barbaachisaa akka ta'e Gamtaan Awurooppaa mootummaa Itoophiyaatiif ifa godheera.
Dhimmoonni kunneen kora ministiroota dhimma alaafi nageenyaa Gamtaa Awurooppaa dhiyeenya taa'aman irratti kan ka'an akka ta'e pirezidantiin itti-aanaa Komishinii Awurooppaa Jooseef Booreel ibsaniiru.
Barreeffama mata-duree 'Time to stop the forgotten war in Tigray' jedhuun ejjennoo Awurooppaan qabdu maala akka ta'e agarsiisaniiru Jooseef Booreel.
Barreeffamni isaanii kun ammoo fuula marsariitii Gamtaa Awurooppaa irratti baheera.
Dhukaasa dhaabuun Bitootessa darbe labsameefi marii siyaasaa ilaalchisee fooyya'insi tokko tokko jiraatulleen, hariiroo Gamtaa Awurooppaafi Itoophiyaa gara bakka duraan turetti deebisuudhaaf ammallee gahaa miti jedhameera.
Sababa sarbama waraana waliin walqabatee uumameen hariiroon Gamtaa Awurooppaafi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru laafuu hordofee Gamtichi deeggarsa baajataa dhorkuun isaa ni yaadtama.
Akkas ta'ees Gamtichi "deeggarsa uummata Itoophiyaatiif taasisu hin dhaabne" kan jedhan Jooseef Booreel, kanaaf ammoo hawaasa sababa waraanaatiin miidhamaniif deeggarsa fayyaafi barnootaaf kan oolu Yuuroo miliyoona 80 kennuu dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoon Tigraay waggoota lamaan darban keessa beelaafi miidhaan saala irratti hundaa'e meeshaa waraanaa itti ta'an, haala hamaa keessa jirti jedhan aanga'aan Awurooppaa kun.
Qaamolee lamaan biratti mariin nagaa akka gaggeeffamu fedhiin akka jiru himamullee, "nyaata, qoricha, tajaajila ibsaa, telekoomiifi baankii dhorkuun akka meeshaatti hojiirra oolaa jiru," jedhan.
Jilli Ergamaa Addaa Gaanfa Afriikaa Awurooppaafi Ameerikaa, akkasumas Itoophiyaatti ambaasaadaroota Kaanaadaafi Xaaliyaan of keessa qabu Adooleessa 2, 2022 gara magaalaa guddoo Tigraay Maqalee imaluun aanga’oota TPLF waliin wali arguun isaanii ni yaadatama.
Dippilomaatoonni lixaa gara Maqalee imalauu isaanii hordofuunis ibsa waloo baasaniin: ‘‘walitti bu’insa Kaaba Itoophiyaa jiru furuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaadha,’’ jedhanii ture.
Kana malees, dhorkaan boba’aa, maallaqa callaafi xaa’oo irra kaa’amee ture ka’uu qabaatan kan jedhan yoo ta’u, tajaajilliwwan bu’uuraa naannichatti adda citanii turan deebiifamanii suphuuf nageenya hojjattootaa kan mirkaneessu xalayaa naannoo Tigraay irraa mootummaa Federaalaatiif qabatanii deebi’usaanii ibsanii ture.
Mootummaan Itoophiyaa ammaa gama isaatiin ergamtootaafi dippilomaatoota biyyootaa liixaa gara Maqalee imalanii turan irratti komii akka qabu ibsee ture.
Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee Ambaasaadar Reediwaan Huseen akka fuula Tiwitara isaanii irratti barreessaniitti, haala dippilomaatoonniifi ergamtoonni gara Maqalee imalanii turan dhimmicha itti qabatan ilaalchisee mootummaan Federaalaa komii irraa qabu hawaasa addunyaatiif ifa taasiseera jedhan.
Ambaasaadar Reediwaan jilichi marii nagaa irratti xiyyeeffachuun osoo irraa eegamuu, haal-dureewwan TPLF irratti xiyyeeffateera jechuun komate.












