Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
COP26: Beezos uumama kunuunsanii bakkatti deebisuuf doolaara bln lama kenne
Hudeessaan Amazon Jeef Bezoos kan dhiyeenya kana gara hawaatti imalee deebi'ee, uumamni badinsaaf akka saaxilamte waan argeef uumama kana kunuunsanii bakkatti deebisuuf kan oolu dolaara biiliyoona lama gumaache.
Dureessa addunyaa kanaa fi hundeessaan Amazon Jeef Bezoos imala dhiyeenya gara hawaatti taasisee deebi'een kaka'umsa horachuu kora dhimma jijjiirama haala qilleensaa COP26 irratti hime.
Maallaqni Bezoos Earth Fund irraa argamu kun teessuma lafaa deebisuufi sirnoota soorataa jijjiiruuf kan oolu akka ta'e kora jijjiirama haala qilleenssaa COP26 Gilaasgootti taa'ameerratti dubbatan.
"Addunyaa kana bakkeewwan hedduutti, uumamni Kaarbonii ofitti fudhachuurraa gara madda Kaarboniitti jijjiirameera," jedhe.
Bezoos Earth Fund kun walumaagala jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf dolaara biliyoona 10 baasuuf karoorfateera.
Bezoos, Adoolessa darbe tibba rookeetiidhaan gara hawaatti imalee ture dachiin maal akka fakkaatu waan taajjabee ture Kora idil-addunyaa Gilaasgootti gaggeeffamaa jiru kanarratti dhugaa bahe.
Dhaabbanni Bezoos Amazon jedhamu kun maqaa bosona guddicha addunyaa kanaa Biraazil dabalatee Ameerikaa Kibbaa keessatti argamuun kan moggaafamedha.
Amazon kampaanii karaa toora interneetiin mi'a guutummaa addunyaatti gurguruu tokkooffaadha.
"Hawaa irraa yeroo Dachee gadi ilaaltu leensiin ittiin addunyaa ilaaltu akka jijjiiramu natti himamee ture. Garuu ani wanti sun hangam akka dhugaa ta'e fudhachuuf of hin qopheessine," jedhe.
Kora jijjiirama haala qilleensaa COP26
- Jijjiiramni haala qilleensaa rakkowwan hedduu addunyaa yaaddessan keessaa isa tokkodha. Mootummoonni ho'a addunyaa dabalaa jiru ittisuudhaaf taanaan gaazii qilleensatti gadhiisan caalaa hir'isuuf waadaa galuu qabu.
- Korri Gilaasgootti gaggeeffamaa jiru bakka jijjiiramni itti ta'uu danda'udha. Waadaa biyyoonni addunyaa faalama qilleensaa hedduu qaqqabsiisan akka US fi Chaayinaa taasisan hoedofuufi biyyoonni iyyeeyyii ta'an ammoo deeggarsa isaan barbaachisu argachuu danda'uu isaanii ilaaluu feesisa.
- Jireenyi keenya martinuu ni jijjiirama. Murteewwan asitti taasifaman kunneen hojii keenyarratti, akkamitti akka mana keenya ho'isnutti, maal akka nyaannuufi akkamitti akka imallurratti dhiibbaa ni qabaata.
"Achii yeroo Dachee gadi ilaalan, atimoosferiin haphattee jirti, addunyaan ammoo miidhaaf kan saaxilamte fakkaatti. Amma, bara murteessaa kana keessatti, hundi keenya addunyaa keenya eeggachuudhaaf walii wajjin dhaabbachuu qabna."
Fulbaana keessa, Bezoos Earth Fund uumamaafi uummata ganamaafi aadaa ganamaa kunuunsuuf kan oolu dolaara biliyoona tokko kenneera.
Bajata kunuunsa uumamaaf ramade kan kutaa itti aanuu dolaara biiliyoona lama kennu Kibxata kaleessaa yeroo beeksisutti, lafti Afrikaa bajjii omisha gaarii kennu harka sadii keessaa harki lama borqaa'eera garuu deebisuun ni danda'ama jedhe Mr. Bezoos.
"Kunuunsanii deebisuun bajjummaa biyyoo foyyeessuun danda'a, omishaafi wabii nyaataa guddisuuf ni gargaara, akkasumas bushaan caalmaatti akka jiraatu taasisa, hojiin akka uumamu, diinagdeen akka guddatu taasisa, Karboniinis akka xuuxamu godha," jechuun COP26 irratti hime.
Mr Bezoos, Sir Richaard Biranson fi Eloon Maask hundi isaanii hojii hawaa ijaaruu keessatti hirmaachaa jiru.
Ji'a darbe keessa, Ilmi Mootii Wiiliyaam, kan kalaqaafi hojii uumuu keessatti hirmaatan turiizimii hawaa caalaa Dachee baraaruu irratti osoo xiyyeeffatanii jechuun yaade kennee ture.
Odeessaalee walfakkaatan dubbisuuf: