Itoophiyaatti hir'inni dhiigaa mudatee, arjoomtotaaf waamichi dhiyaate

Dhiiga arjoomame

Madda suuraa, Ethiopia Blood Bank

Itoophiyaatti hir'inni kuufama dhiigaa waan mudateef arjoomtonni dhiiga akka arjooman waamichi godhamu Baankiin Dhiigaa Itoophiyaa beeksise.

Kuufamni dhiigaa baankichi qabu erga ji'a tokkoo as guyyaa gara guyyaatti haalaan hir'achaa jira jechuun direektarri olaanaa Baankii Dhiigaa fi Tiishuu Itoophiyaa Obbo Yaaregaal Bantee BBC'tti himaniiru.

Ammatti hir'inni dhiigaa kan mudate naannolee Kibbaa, Hararii fi Finfinnee keessatti ta'uu himu.

Hir'inni dhiigaa mudate kun waraana Kaaba biyyattii keessatti adeemaa jiruun kan wal-qabatu akka hin taanes dabalanii himan.

Wayita waraanni jiru hir'inni dhiigaa mudachuun isaa baratamaadha kan jedhan Obbo Yaaregaal, sodaa hir'inni mudachuu danda'a jedhu qabaachaa akka turan himu.

Haata'u malee waraanichi eegalee baatii tokko keessatti qofa arjoomtonni dhiigaa kuma 40 ta'an dhiiga arjoomuu himan.

"Dhiigakoo raayyaa ittisaatiif" dhaadannoo jedhuun duulli dhiiga arjoomuu gurguddaan godhamuu himan.

Duulawwan gurguddoo akkasiin booda baatilee muraasa itti aanan lakkoofsi namoota dhiiga kennanii ni hir'isa kan jedhan Obbo Yaaregaal, sababa waraanaatiin fedhiin dhiigaa guddaan nu hin mudanne jedhan.

Dabaluunis bakka waraanni jiru magaalota naannoo Amaaraa akka Deessee, Baahirdaar, Gondar, Matammaa fi Dabrataabooritti hir'inni dhiigaa mudate akka hin jirres himan.

Sababni kun ta'eefis naannolee kanatti uummanni baay'inaan bahee dhiiga arjoomuu isaatiini jedhan.

Harar aadaan dhiiga arjoomuu uummataa laafaa ta'uufi, naannoo Kibbaatti ammo arjoomtota argachuuf salphaa ta'us, hojiin gahaan waan hin hojjetamneef hir'inni dhiigaa akka mudate ibsan.

Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa mata mataatti baankii dhiigaa 10ntu jira. Tigraay 3, Affaar 2, Somaalii 3, Beenishaangul Gumuz 2, Gaambeellaa, Hararii, Dirree Dhawaa fi Finfinnee ammoo baankii dhiigaa tokko tokkotu jira.

Walumaagalatti Itoophiyaa keessa baankiin dhigaa 43 jiraachuu himu aanga'aan kun.

Baankileen dhiigaa kunneen arjoomtotarraa dhiiga sassaabuun erga qoratanii booda, dhaabbilee fayyaaf raabsu.

Hir'inni maaliif uumame?

Itoophiyaa keessatti namoota 1000 keessaa nama lama ykn sadi qofatu dhiiga arjooma kan jedhan Obbo Yaaregaal, namoonni kun Adoolessaa fi Hagayya keessa dhiiga arjoomuun isaanii Fulbaana keessa har'inni akka mudatu godheera jedhu.

Dabalataan maneen barnoota turanii banamuu fi hojiin tola ooltummaa xumuramuu akka sababaatti kaasan.

Sababni biraa ummanni Qaam'ee irraa eegalee qalbiin isaa ayyaanaa fi qophiilee gurguddoo akka biyyaatti godhamanirra waan jiruuf dhiiga arjoomuu akka hin dhaqne himu.

Hir'inni dhiigaa akkanaa yeroo mara baatii Fulbaanaa fi baatilee lamaan hordoftoonni amantaa Ortodoksii laama ykn soomarra turan akka mudatu himu.

Bara kana garuu hir'inni dhiigaa baatii Fulbaanaarra taree gara Onkoloolessaatti cehuu himu.

Haala amma jiruun yoo itti fufee torbanoota muraasa itti aanan keessatti "gaaga'ama olaanaa" uumuu danda'a jechuun yaaddoo qaban ibsatu Obbo Yaaregaal.

Yoo dhiiga homaatuu arjoomtotarraa hin argannu ta'e, kuufamni amma jiru torbee tokkoo ol nu hin gahu jedhan.

Baankichi yeroo idilee yoo xiqqaate kuufama torbee afuriif isa gahu qabaata jedhan.

Aadaa dhiiga arjoomuu

A.L.I bara 2010 Waxabajjii 15 yaalii ajjeechaa MM Abiy irratti dirree Masqalaatti taasifameen booda, sosochiin dhiiga arjoomuu guddaan uumamuu yaadatu aanga'aan kun.

Sana booda MM Abiy itti fufuun yeroo shanii ol dhiiga arjoomuun isaanii hordofee seenaa baankichaa keessatti yeroo namootni hedduun dhiiga arjooman ture jedhu.

Weerara koronaavaayirasii hordofees Itoophiyaan Burundiitti aanuun biyya dhiiga hedduu arjoomte turte jedhu.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa dhiiga hedduu arjoomtotarraa walitti qabdu keessaa tokko yoo taatu, sababa fedhiin dhiigaa jiru guddaa hin taaneef garuu hamma WHOn gorsu walitti hin qabdu.

Kunis sababa wal'aansawwan fayyaa akka kaansarii hin babal'atiin fi yaaliiwwan baqaqsanii wal'aanuu hedduun hin jiraatiinif akka ta'e dubbatu.