Aannaan hin danfiin fayyinaaf miidhaamoo bu’aa qabaataa?

Aannaan hin danfiin ykn 'pasturalized' kan hin taanee dhuguun, dandeettii qaamni keenya dhukkuba ofirraa ittisuu qabu dabaluun alatti, alarjikiiwwan garaa garaa ittisuufi sirni nyaataa qaama keessaa akka socho'uuf dabaluuf akka fayyadu himama.
Haata'u malee, sababii aannaan danfisanii fayyadamuun barbaachisaa itti ta'u mataasaas qaba. Kunis baakteriyaawwan aannan hin danfiin keessatti argaman ajjeessuufi aannanichis osoo hin badiin yeroo dheeraaf akka turu taasisuuf ni fayyada.
Biyyoota akka Ingliiz, Iskotlaand, Weelsiifi Kaaba Ayirlaandiitti gurgurtaan aannaan hin danfiini suuqiiwwan xixxiiqqoo kaasee supparmarketoota gurguddaa keessatti seeraan dhorkamaadha.
Ofii isiiniif aannan hindanfiin soorataa murteessaadha moo, miidhaa qabaata?
Baayyeen keenya aannan kan dhugnuuf waan dhimmoota qaama keenyaaf fayyadan hedduu of keessatti waan hammateefiidha.
Haata'u malee vaayitaminoonni aannan keessatti argaman tokko tokko ho'a dandamachu hindanda'an.
Kana jecuunis wayita danfiisnutti bu'aan isaan qaama keenyaaf qabaataan hamma ta'een ykn gutummaan baduu danda'u jedhuudha.
Qorannoo biyya Kaanadaatti gaggeefamee tokkoonis carraan bu'aasaa dhabuu gadaanaadha jedheera. Haata'u malee, qabiyyeen vitaaminii B2 jedhamuu sababii ho'aatiin baduu danda'a jedha.
Namoonni tokko tokkoo ammo aannan hindanfiin soorachu kan filatan, baakiteriyaawwan qaama isaaniif barbaachisan ni qabata jedhanii waan amananiifiidha.
Danfiisuun baakiteeriyaawwan bu'aa qabeessaafi kanneen miidhaa qaqqabsiisan lamaanu ni ajjeesa.Haa ta'u malee, aannan ho'aa sawwa keessaa elmamu keessaa baayyinni baakiteeriyaa argamu hedduu miti.
Sirriiyyu aannan osoo hindanfiin yoo guyyootaaf turee itiitee ykn hojjatamun gara gosa nyaata adda addaatti geeddarame bu'aanni qaamaaf qabaatu niidabala jedha qoranichi.

Gama alarjiikiifi dhukkuboota ittisuuf dandeettii dabalutiinis, aannan hindanfiin bu'aa baayyee qabaachuun isaa himamullee, hanga ammaatti bu'aa quubsaan hinargamne.
Qorannoon maatii hojii qonnaatiin bulan tokko irratti gaggeefame, miseensoonni maatii sanaa dandeettiin dhukkuba ofirraa ittiisu olaanaafi haalli alarjii isaanii gadaanaa ta'u mul'iseera.
Garuu ammo kun kan ta'uu danda'e waan isaan aannan hindanfiin dhugaaniif haa ta'u ykn haa dhiisuu ragaa qabatamaa argachu hindandeenye.
Dhaabbanni Sadarkaawwan Nyaataa Inglizii ammo baakteriyaawwan aannan hindanfiin of keessaa qabu, summaa'u nyaataatiif nama saaxilu danda'a jedha.
Itti-dabaluunis, namoota dandeettiin dhukkuba ofiirraa ittisu isaanii gadaanaa ta'e, kan akka dubartoota ulfaa, daa'immaniifi maanguddootni aannaan hindanfiin dhandhamachuullee yaadu irra hin jiru jedheera.
Aannaan hindanfine baakteriyaawwan miidhaa qabaniifi Saalmolenaa, Ikolaayiifi Kaampiilobaaktar jedhaman ofi keessaa qaba.
Yunivarsitii Inglizii Sareey jedhamu keessatti barsiisaa 'Microbiology' nyaataa kan ta'an, Dr Yorig Guterezaan akka jedhaniitti, aannan hindanfiin soorachuun miidhaa fayyaa qaba.
Baakteriyaawwan aannan hindanfiin keessatti argaman dhukkuba marriimaaniif madda ta'uun alatti du'aaf nama saaxilu kan danda'an ta'u himu.


















