Addunyaan rakkoo Covid, maaree-jaldeessaafi waraanaa keessa jirti - WHO

Harka namaa dhibeen Maaree-Jaldeessaa citteesse

Madda suuraa, Reuters

Addunyaan rakkolee “ciccimoo” kan akka Covid, waraana Yukireen fi dhibee Maaree-jaldeessaa (monkeypox) keessa akka jirtu, hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiiseera.

Dr Tedroos Adihanoom Gebreyyesuus kana kan dubbatan, ogeessonni fayyaa UN Afrikaan ala wa’ee tatamsa’ina dhibee maaree-jaldeessaa biyyootii 15 keessa jiru irratti yemmuu Jeneevaatti mari’atanittidha.

Awurooppaa, US, Kaanadaa, Awustiraaliyaa fi Israa’eel keessatti namoonni 80 ol dhibee kanaan qabaman adda baafamaniiru.

Ta’us garuu carraan uummata bal’aatti tatamsa’uu isaa akka xiqqaa ta’e himameera.

Maaree-jaldeessaa vaayirasii baayyinaan gidduugaleessaa fi Lixa Afrikaa keessatti argamu- dhibee namaa nama biraatti kan salphaatti darbuu kan hin taanee fi yeroo hedduu dhukkubbii giddugaleessa ta’e kan qabudha.

Akka Tajaajilli Fayyaa UK jedhutti, namootni dhibee kanaan qabaman hedduun isaani torbanoota muraasa keessatti ni bayyaannatu.

Saayintistoonni tatamsa’ina kana kan hin eegne yoo ta’u, qondaaltoonni fayyaa UK ammoo, dhibamtoonni dhibee maaree-jaldeessaa kanaa torban sadiif akka adda of baasaniif gorsa haaraa kennaniiru.

Beeljiyeem namooti dhibee kanaan hubaman turban sadiif akka adda of baasaniif Jimaata beeksisuun biyya ishee jalqabaadha.

Lakkoofsi namoota haaraa dhibee kanaan UK keessatti qabamanii Wiixata akka ifa taasifamu, gaazexaan the Guardian gabaaseera.

Hanga ammaatti UK keessatti namoonni 20 dhibee kanaan qabamuu isaanii Dhaabbati Eegumsa Fayyaa UK kan ibse yoo ta’u, gorsituun meedikaala dhaabbatichaa Dr Suusaan Hoopkiins akka BBC’tti himanitti, “guyya guyyaan namootaa dhibee kanaan qabaman haaraa argachaa jirra,” jedhaniiru.

Vaayirasichi amma hawaasatti akka tatamsa’aa jiru himuun, ta’us namoota qabaman keessa kan nama Lixa Afrikaa irraa dhufee waliin hariiroo hin qabani.

Ta’us garuu carraan dhibee kana uummata bal’aatti tatamsa’uu isaa “baayyee xiqqoo” akka ata’e Dr Hoopkiins himaniiru.

Dhibee maaree-jaldeessaaf talaalliin kallattiin qophaa’ee jiraachuu baatus, biyyootiin hedduu garuu talaallii dhibee smallpox, kan vaayirasii maaree-jaldeessaa %85’n ittisuu danda’u, bituu akka eegalan ibsaniiru.

Tatamsa’inni vaayirasii maaree-jaldeessaa amma maaliif akka uumameeru ammatti ifa miti.

Tilmaamni jiru tokko vaayirasii tarii hanga tokko geeddaramee ta’uu danda’a kan jedhudha, ta’us garuu gosi vaayirasichaa haaraan jiraachuu fi dhiisuu isaa irratti amma ragaa muraasa qofatu jira.

Tilmaamni biraan vaayirasichi tarii bakka itti wal horee baayyachuu danda’u keessatti argame ta’uu danda’a kan jedhudha.

Vaayirasiin maaree-jaldeessaa isa yeroo durii, yeroo talaalliin smallpox keessa turetti tatamsa’ina qabu ture caalaa amma salphaatti tatamsa’uu danda’a.