'Kana caala boonni natti dhagaahamu hin jiru'- Leenjisaa Yargaan Kiloop

Liivarpuul kan lammii Jarman Yargan Kilooppiin leenji'u rukuttaa penaalitiin Cheelsii injifatee waancaa FA Cup erga injifatee booda Kiloop ''kanaa ol boonni natti hin dhagaahamu'' jedhan.

Gareen lamaan waancaa Kaarabaa'oof ji'a sadii dura wayita walfalmanii tures rukuttaawwan peenaalitii 22 booda Liivarpuul waancicha injifatee ture.

Kiloop BBC Sport waliin gaaffiifi deebii taasisaniin ''dhiirota koon boonera, jijjiirama taasisaniifi Cimina ittiin morkataniin'' jedhan.

''Tapha amanuun nama rakkisu, rukuttaan peenaalitii narvii si tuqa, qeensa koo fixeera.''

Namni ganna 54 Kiloop, leenjisaa lammii Jarman FA Cup injifatan kan jalqabaa ta'aniiru.

Akka isa ji'a sadii duraa rukuttaan peenaalitii hedduu osoo hin deemiin goolii eegaan Liivarpuul Alisan Beekeer yeroo lama kubbaa qolee gadda Maaneen carraa injifannoo harkaa baasetti abdii hore. Dargaggoon lammii Giriis Konistaantiinoos Timikaas carraa injifachuu Liivarpuul dhugoomse.

Kiloop Cheelsiin fiixee waancaa kana injifachuurra turee jechuun, adda addummaan gareelee lamaanii dhiphaa akka ture dubbatan.

''Cheelsiin akka gaariitti taphatan garuu dhumarratti injifataan tokko jiraachuu qaba, innis nu ta'eera.''

Injifannoon FA Cup galgalaa Liivarpuul carraa bara kana waancaa afur injifachuuf qaban akka itti fufu hiree baheera. Piriimiyeer liigii injifachuuf hireen jiru xiqqaa ta'us, Chaampiyoons Liigii injifachuuf garuu torban lamaa booda Paarisitti Riyal Maadriid waliin beellama qabu.

Kiloop waayee waancaa afur injifachuu gaafatamanii ''hin jirreedha garuu irratti dubbachuu dandeenya'' jedhan. ''Bara dorgommii jabaa keessatti kun dorgommii keenya 60ffaadha.''

Kiloop garee Cheelsii si'a lama waancaa harkaa fudhatan garee jabina sammuu qabuu jechuun jajaniiru.

''Cheelsiif nan gadda-yeroo lammataa, daqiiqaa 120 xaartee yeroo homaa dhabdu baayyee ulfaata. Garuu ammoo nuuf gammachuudha.'' Rukuttaa tokkotu jijjiirama uumas jedhan.

Kiloop leenjisaa Liivarpuul ta'uun waancaawwan jaha sassaabaniiru: Piriimiyeer Liigii, Kaarabaawoo, Chaampiyoons Liigii, Suppar Kaappiifi Kilab Warliid Kaappii.

Namotni kaan maal jedhan?

Taphataan sarara fuulduraa Ingilaand duraanii Alaan Shiraar garee attamiidha Kiloopp kan walitti qindeesse'' jechuun dinqiifanna aisaa BBC'tti hime. Akki itti waancaa lama injifatan kan amanuuf rakkisuufi amntaa horuudha'' jehdeera.

Taphataan sarara gidduu Tootenhaam, Jermeen Jenaas ''dhiibamaa turani. Qoramaniiru. Gaaffiin gaafatamuu eegalus garuu ammas irra aananii bahan'' jedha.

Tpaha kana irratti Mohaammad Saalaa miidhamaan tapha walakkaa jalqabaa osoo hin xumuriin bahe. Vaan Daayik miidhama xiqqoo qaba jedhamuun tapha daqiiqaa 30 dabalataa hin xumurre. Garuu lameenuu haala gaariirra jiruu jedhameera.

Dura bu'aan warra diddiimolii Henderson Moon bahuun miidhama guddaa ture jechuun BBC'tti himeera.

''Injifachuuf as jirra karaa ittiin injifannu mara barbaannas'' jedheera.

Amma Liivarpuul walumaagalatti taphoota sadiitu isa hafa. Henderson hunda isaa injifannee bara dorgommii kana olaantummaan goolabuudha jehda.

Piriimiyeer liiigiin injifannoo Maanchistar Siitiin xumuramee Liivarpuul Riyaal Maadriid yoo injifate seenaa bara 2001 irra deebi'a.