Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Falmii Waancaa 'FA Cup' Liiverpuuliif Cheelsii har'aa irratti wantoota beekuu qabdan
Cheelsii fi Liiverpuul dorgommii waancaa 'FA Cup' 141ffaa irratti Sanbata har'aa dirree guddicha beekamaa Weembilee irratti wal morkatu.
Liiverpuul waancaa Kaaraba'oo [Carabao Cup] barana gaggeefamaa tureen Cheelsii mo'achuun waancaa fudhateera.
Liiverpuul waancaa kana ji'a Guraandhalaa keessa injifachuun amma xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif darbuun Piriimer Liigiidhaan ammoo qabxii sadiin qofa caalamee lammaffaa irra jira.
Taphootni lama hafan waancaa PL kan murteessan tahee har'a kan Cheelsii mo'atu yoo tahe waancaa lammaffaa bara kanaa mo'achuu isaaniiti.
Cheelsiin waancaa 'FA Cup' kana yeroo saddeet injifateera. Waggoota sadiifis walitti aansuun xumuraaf gahuu isaati.
Bara dorgommii jaha keessatti ammoo yeroo shanaffaa xumuraaf gahan.Bara 2021 Leester Siitii waliin xumuraaf gahuun waancaa dhaban.Morkii jabaa taha.
Gahumsa Liiverpuul amma irra jiruun yoo ilaalle tapha cimaa taha,'' jedhan leenjisaan Cheelsii Toomaas Tuuhel.Yaada Peep Gaardiyoolaan "namni hundi biyyattii keessaa Liiverpuul deeggara'', jedhan irratti Tuuhel yoo gaafataman ''dhimmicha irratti isa mormuun ulfaataadha,'' jedhan.
''Biyyicha keessa namootni hedduun Liiverpuuliif gaddu. Kun waanuma tahudha. Jabaatanii hojjechaa turan, Kilooppi nama jabaa mo'achuun ulfaatudha,'' jedhan.
''Karaakoo inaaffaa hin qabu. Kilooppi nama addaati, nama taphataa fi leenjistoota jajjaboo adunyaa keessaa tokkodha. Boru yoo nama hamaa taaneef sana ni fudhanna. Rakkoo hin qbau sana ni fudhanna.''
''Gadda biyya guutuu miti kan barbaannu, dhumarratti waancaa injifachuu barbaanna.''Liiverpuul erga bara 2012 as yeroo jalqabaaf waancaa kanaan waancaaf gahe. Erga Liiverpuul waancicha bara 2006 mo'atee as Cheelsiin ammoo yeroo shan mo'ateera."Deeggartotni Liiverpuul haala akkasii kan mataa isaanii godhatu,'' jedhe Kilooppi.
''Waan akkanaa baay'een jaalladhha, garuu waan tokko nuyi mirkaneesuufii hin dandeenye guyyicha qabxii galmaa'uu danda'udha.Erga bara 2019 Maan Siitin Waatfoordiin 6 fi 0'n mo'atee deeggartootni 85,854 dirree guutuun daawwatanii as yeroo jalqabaaf dirree guutuudhaan gaggeeffamuuf jedha.
Liiverpuul kan mo'atu yoo tahe Kilooppi waancaa jahaffaa isaa Liivepuul waliin mo'achuu isaati.
Kilooppi leenjisaa jalqabaa xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii, FA Kaappii fi Liig Kaappiif bara dorgommii tokkotti gahedha.
Bara dorgommii sadii keessatti Liiverpuulii fi Cheelsiin yeroo 10ffaa wal arguu isaaniiti. Dorgommiin jaha Piriimer Liigii keessatti yoo tahu, gareen Kilooppi yeroo sadii mo'achuun lama qixa bahanii tokko mo'aman.
Leenjisaan Cheelsii Toomas Tuuhel waggaa tokkoo fi guyyoota 108 keessatti Chelsii xumura waancaa afuriif dhaqqabsiiseera.Isaan keessaa waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera.
Har'as leenjistootni lammii Jarman lameen kun falmii cimaa gaggeessu.
Waancaa Suuper Kaappii Awurooppaa fi 'Fifa World Cup' dabalataan mo'ataniiru.Kilooppi Toomaas Tuuhel gaggeessaa jabaadha jechuun jajeera.
''Yeroo ulfaataa kilabichi keessa gale keessatti hoggansa guddaa kennaa jira. Kabajaan isaaf qabu guddaa akka tahe ni beekama'' jedhe.
Waancaa FA Kaappii kun erga jalqabee waggaa 150ffaa isaa kabataa jira.