Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dibrooyinaa, Saalaa... kaadhimamtootni taphataa fi leenjisaa cimaa baranaa eenyu fa'a?
Piriimiyeer Liigiin Ingiliiz kan xumuramuuf taphootni lama qofa isa hafe kaadhimamtoota taphataa cimaa, leenjisaa cimaafi dargaggoo cimaa bara dorgommii kanaa ifa godhe.
Ramaddii taphataa cimaa bara dorgommii 2021/22 keessatti taphattootni saddeet kan kaadhimaman yeroo ta'u, kilabootni waancaa liigichaaf ammallee morkachaa jiran Liivarpuuliifi Maanchistar Siitiin taphattoota lama lama filachiisaniiru.
Liivarpuul jifataa isaa goolii bara dorgommii kana goolii 22 lakkoofsiisee kubbaa warqee injifachuuf falmatu Mohaammad Saalaa fi taphataa sarara duubaa kubbaa goolii ta'e hedduu mijeessee kennuu bara dorgommii kana qixxee hin qabu jedhame Aleksaader Arloond filatamaniiru.
Maanchisatar Siitii irraas akkasuma jifataan isaa guyyoota dura Woolvis irratti goolii afur lakkoofsise Keeviin Dubrooyinaa fi Je'oo Kaanseeloo filachiiseera.
Taphattootni hafan biroon afur Arsenaal irraa Bukaayoo Saakaa, Weestihaam irraa Jaarood Boowen, Tootenhaam irraa Soon Huwiing Min fi Saawuzaampiton irraa Jeems Waard-Proows filatamaniiru.
Taphataan cimaan liigichaa kan filatamu sagalee deeggartootaa kan qabxii waliigalaa keessaa dhibbeenta 10 qabatu, sagalee garee ogeeyyiifi dura buutota kilabootaani. Amma deeggartootni akka filatan marsariitiin sagalee itti kennan banaa ta'eera.
Badhaasa leenjisaa cimaa liigichaa bara kanaaf ammoo leenjistootni shan kaadhimamaniiru.
Yaarg Kiloopp Liivarpuul irraa, Peep Gaardiyoolaa Maanchistar Siitiirraa, Paatriik Viyeeraa Kiristaal Paalaas irraa, Edii Hoow Niiwkaasil Yunaayitiid irraa, Toomaas Firaank ammoo Bireentifoord irraa warra kaadhimamaniidha.
Dargaggoo cimaa bara dorgommii kanaa keessattis taphattootni saddeet kan kaadhimaman yeroo ta'u Bukaaoo Saakaa fi Aleeksaader Arloond irra deebiin kaadhimamaniiru.
Isaanitti dabalataan Kiristaalpaalas irraa Koonoor Gaalagiheeriifi Misheel Olisee hammatamaniiru. Cheelsii irraa Maasoon Maawunt, Maanchistar Siitiirraa Fiil Foodeen, Arsenaal irraa goolii eegaan isaanii Raamsdeel akkasumas Weestihaam irraa ammoo Deeklaan Raayis hammatamaniiru.
Bara dorgommii 2020-21 taphataa cimaa ta'uun injifatee kan ture taphataa ittisaa Maanchistar Siitii Rubeen Diyaaz, leenjisaa cimaa ammoo Peep Gaardiyoolaa turan. Dargaggoo cimaan barichaas achima Maanchistar Siitii keessaa Fiil Fooden ture.
Baranoow Siitiin akkuma bara kaanii injifannoowwan kana xaxatee fudhataa? Yeroon deebii itti kenniti.