Siidaan ganna 4,500 qonnaan bulaan Gaazaa argate maali?

Madda suuraa, BBC/Rushdi Abualouf
Siidaan dhakaa giiftii bareedinaa, jaalalaa fi waraanaa Gaazaatti argameera.
Arkiiyolojistoonni Paalastaayiin siidaan mataa ayyaantuu Kana’aan Anaat jedhamtuu agarsiisu kuni, ganna 4,500 kan lakkoofsise tahuu himu.
Siidaa kana qotee bulaa naannoo Kahaan Yooniis, Kibba Gaazaa jiraatutu otoo lafasaa qotaa jiruu argate.
Miidiyaa hawaasummaa irratti dhalattoonni Gaazaa dhugumaan giiftii waraanaa jechuun yaada kennaa jiru.
Jiraattonni Gaazaa lola hidhattoota Hamaasiifi biyya Israa’el gidduutti taasifamuun muddamaa fi hokkoraa wal-irra hin cinne argaa bahan.
Argamuun siidaa kattaa kanaa garuu naannoon lolaa kuni daandii daldalaa murteessaa qaroomina durii fi lafa ganamaa warra Kana’aan akka tahe agarsiise.
Siidaan seentimeetira 22 dheeratu fuula giiftii mataatti gonfoo bofaa fakkaatu keewwate kan agarsiisudha.
"Akkuma tasaa arganne. Dhoqqaa’ee gatii tureef bishaaniin irraa dhiqe" jedhe qotee bulaan siidaa kana argate Nidaal Abuu Iid,
"Waan gatii jabeessa tahuu hubanneerra garuu dubbii seenaa qabeessa tahuusaa garuu hin barre ture,’’ jechuun BBCtti hime.
"Lafa keenyarratti argamuusaatti Waaqa galateeffanna, yeroo warra Kana’aan irraa qabee lafa Paalastaayiin irra turuusaatiin ni boonna,’’ jedhe.
Siidaan Anaat- giiftiiwwan/ayyaantuuwwan Kana’aan beekamoo keessaa tokko kan taate- amma goodambaa Gaazaa Qaasir al-Baashaa jedhamu keessa kaa’ameera.

Hambaan seenaa kuni Kibxata agarsiisaaf banaa akka tahu miseensi Hamaas Ministeera Tuurizimiifi Hambaalee geggeessu himeera.
Siidaan kuni ‘’yeroon kan hin daangeeffamneefi ogeessotaan of eeggannoon kan ilaalame dha,’’ jedhe.
Dabaluunis dhimma siyaasaas kan akeeke dha jedhe.
‘’Abuurraawwan akkasii Paalastaayiin qaroominaafi seenaa akka qabdu agarsiisa, seenaa immoo eenyuyyuu haaluufi soba gochuu hin danda’u,’’ jedhe. ‘’Kuni qaroomina warra Paalastaayiinii fi uummata isaanii ganamaa kan warra Kana’aaniitii,’’ jedhe.
Argannoowwan arkiyoolojii Gaazaa keessaa bahan hundi dinqisiifannaa fi gatii isaanii malu hin arganne.
Hamaas- dhaabbanni hidhataa Islaamaa-kana dura hambaalee magaalaa Kana’aan durii Teel al-Sakaan barbadeessuun mana jireenyaa fi buufata waraanaaf oolchaa ture jedhamuun himatama.
Bara 2013tti sidaan waaqa tolfamaa Giriik Appooloo warra qurxummii qabaniin argamee, boodarra haala hin beekamneen badeera.
Haatahu malee, bara kana bataskaana Baazantaayiin kan jaarraa 5ffaa keessa ijaarame, qarshii arjoomtotaan erga suphamee booda Hamaas irra deebiin daawwannaaf banaa taasiseera.
Kaaba Gaazaatti siidaawwan awwaalchaa warra Roomaa durii 31, argamnaan hojii ijaarsa gamoowwanii dhaabbateera.
Iddoowwan seena-qabeessa akkasii daawwattoota kan hawwatan tahus tuuristiin gara naannichaa deemu garuu badaa hin jiru.
Israa’elii fi Masriin naannoo lammiileen Paalastaayin miiliyoona 2.3 jiraatan kanattii sababii nageenyaan namoonni akka garaa bahanii akka hin galleef dhorkaniiru.












