#JusticeForSheila: Lammiileen Keeniyaa ajjeechaa jaalattuu saala walfakkaataaf haqa gaafachaa jiru

    • Barreessaa, Esther Akello Ogola
    • Gahee, Gaazexeessituu Dhimma Dubartootaa, BBC News Africa

Gareeleen mirga namaaf falman aanga'oonni Keeniyaa ajjeechaa jaalattuu saala walfakkaataa kornayaa hin himanne (non-binary lesbian) akka qoratan dhaaman.

Ajjeechaa Shiilaa Lumumbaa hordofee miidiyaa hawaasaaratti haashtaagiin #JusticeForSheila jedhu eegaleera.

''Namni kamuu haalli akkasii hin maluufi. Shiilaan dhukkuba kana hunda keessa darbuu hinqabduyyu,'' jechuun Amnesty Kenya tiwiit tolche.

Akka gareeleen LGBTQ jedhanitti reeffi Shiilaa guyyootaan dura argame.

Ajjeechaa kana hordofes falmiin waa'ee mirga LGBTQ Keeniyaa keessaa onlaayinii irratti eegaleera. Keeniyaatti walqunnamtiin saalaa kanneen saala walfakkaataa qaban gidduutti godhamu seeraan aladha.

Miseensonni hawaasa jaallattoota saala walfakkaataafi kaan (LGBTQ) loogiifi qoolliffannaan irra gaha. Dhimma seeraan ala jedhame kana seeratti deebisuuf yaaliin godhames kufeera.

Bakka taateen kun raawwate Kaawuntii Nyeeriitti waanti Lumumbaa mudate maal akka tahe beekamuu baatus, gabaasaaleen garuu gudeedamte* jechuun himu.

Reeffi Shiilaa guyyootaan booda kan argame oggaa tahu, kunis erga waahillan ishee wajjiin hojjetan dhabamuushee erga himanii boodadha jechuun miidiyaan biyyattii K24 TV gabaaseera.

Keeniyaatti namoonni LGBTQ tahaniifi deeggartoonni isaanii loogii fi rakkoo isaaniirra gahu miidiyaa hawaasummaarratti himan.

Rogeettiin mirga namoomaa Njeri wa Migwi hiriyyaa Shiilaa wajjiin gaafa Kamisaa haasofneerra jechuun: ''Wajjiin boonye,'' jechuun Facebook gubbaa maxxansite.

''Lubbuun kee dhimma baasa,'' jette.

Namni biraan ammoo ''Anaafi Shiilaan ganna 25 oggaa taanu, lamaan keenyayyuu leezbiyaanota. Kuni boqonnaa na dhorka, maaliif jennaan anillee lakkoofsa biraa tahuuf carraan eeggadha.''

Poolisiin biyyattii haga ammaatti sababni ajjeechaa Shiilaa maal akka tahe bira hin geenye.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Gay fi Lesbian Biyyaalessaa (NGLHRC), wanti Lumuumbaarra dhaqqabe waan haaraa miti jedha.

''Kuni waanta al tokko qofa raawwate qofa miti. Waanti kun qaama haleellaa namoota LGBTIQ+ irra walitti fufiinsaan biyyagttii keessatti gahuuti.''

Bara 2021 keessas haashtaagiiwwan #JusticeForErica fi #JusticeForJoash jedhan erga rogeettiin 'trans-woman' Erikaa Chaandiraa fi rogeettiin LGBTQ Joash Mosoti ajjeefaman duuba bal'inaan qoodamaa turan.

* Ibsa dabalataa bakka mallattoon kun kaa'ame - namoonni non-binary' ofiin jedhan kornayaa yookaan saala hin himatan - kanaaf isa yookaan ishee jechuun hin danda'amu.