Biyya namni tokko karaa sadiin umurii lakkaawwatu, akkamiin?

Kooriyaa Kibbaa keessatti daa'imni tokko battaluma dhalatte umrii waggaa tokko taati, mootummaan haala kana jijjiiruuf jedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaa Kibbaa keessatti daa'imni tokko battaluma dhalatte umrii waggaa tokko taati, mootummaan haala kana jijjiiruuf jedha
    • Barreessaa, Sunyoung Jeong'n kan barreeffame
    • Gahee, BBC Kooriyaa

Gaaffiin ''Umriin kee meeqa?'' jedhu addunyaarratti gaaffii salphaafi deebii ifa ta'e qabudha. Kooriyaa Kibbaatti garuu gaaffii kanaaf deebii kallattiin argachuun ni ulfaata.

Biyya kana keessatti daa'imni battaluma dhalatu umrii waggaa tokko jedhamtee himamti. Dhalattee waggaa tokkotti ammoo waggaa lama taati.

Kana jechuun daa'imni tokko yoo ji'a Muddee keessa dhalatte torbanoota muraasa booda waggaa lama taati jechuudha.

Pireezidantiin biyyattii haaraa filataman Yoon Suk-yeol ''akkaataa lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa'' jaarraa hedduuf ture kana jijjiiruuf wixineessaniiru.

Koree ce'umsaa mootummaa bulchiinsa pireezidantii haaraa kan dursan Lee Yong-ho, haalli lakkoofsa umrii lammiilee Kooriyaa kan addunyaa biraa waliin akka walfakkaatuuf jecha tarkaanfiin kun ni fudhatama jedhan.

Akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa kan addunyaa kaaniirraa adda ta'uun ''burjaajii hamaa kan uumuufi miidhaa diinagdeefi hawaasummaaf kan biyyattii saaxiluudha,'' jedhan qondaalli kun.

Dhimma kanarratti jijjiirama mootummaa taasisuuf jedhu namoonni hedduun simataniiru, ogeeyyiin kaan ammoo hojiirra oolmaasaa shakkan.

Gaaffii tokko, deebii sadii

Warri Kooriyaa karaa sadiin umrii lakkaa'u.

Kan sadarkaa biyyaatti beekamtii qabuufi erga bara 1962 as biyyattii keessatti beekamu kan addunyaarratti beekamu, guyyaa dhalootaarraa kaasanii kan lakkaa'anidha.

Kan biraan sadarkaa biyyaatti beekamu ammoo daa'imni wayita dhalattu umrii 0'n dhalattus waggaatti ji'a Amajjii keessaa umriinshee waggaa tokko ta'a. Haala kanaan daa'imni tokko Muddee 2020 yoo dhalatte Amajjii 2022tti waggaa lama taati jechuudha, waggaa lama guutuuf dirqama Muddee 2022 eeguun hin barbaachisu.

Kuun ammoo mala lakkoofsa umrii Kooriyaati. Kun hawaasa biyyattii hunda biratti hojiirra oola, namni tokko akkuma dhalateen waggaa tokko jedhama.

Dhalatee waggaa tokkotti ammoo umrii waggaa lama jedhama.

Haala kanaan weellisaa beekamaan baandii muuziqaa K-pop, BTS Kim Tae-hyung (V), Muddee 30, 1995 kan dhalate yoo ta'u, umriinsaa akka mala lakkoofsa Kooriyaatti 28, akka idl-addunyaatti waggaa 26, akka mootummaa Kooriyaatti ammoo waggaa 27.

Baandii muuziqaa BTS Kim Tae-hyung (V), akkaataa nama gaafatuu irratti hundaa'uun umrii sadi qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baandii muuziqaa BTS Kim Tae-hyung (V), akkaataa nama gaafatuu irratti hundaa'uun umrii sadi qaba

Akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa kun maddi isaa Chaayinaa fi kutaalee Eeshiyaa adda addaati. Garuu hanga ammaa haala kanaan umrii lakkaa'uutti cichitee kan hafte Kooriyaa Kibbaa qofa jedhamee amanama.

Yoon Seok-yeol wayita duula filannoorraa eegalanii mala lakkoofsa umrii Kooriyaa kana haquuf yaada akka qaban dubbataa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yoon Seok-yeol wayita duula filannoorraa eegalanii mala lakkoofsa umrii Kooriyaa kana haquuf yaada akka qaban dubbataa turan

Aadaa fi duudhaa balleessuu?

Qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa mala lakkoofsa umrii Kooriyaa Kibbaa haquun haala kan addunyaan walfakkaatuun akka ta'u gochuuf hojii kan jalqaban amma miti.

Bara 2019 fi 2021 keessa seera-baastonni lama haala kana jijjiiruuf wiixinee seeraa qopheessanii turan, garuu Yaa'iin Waliigalaa Kooriyaa wiixinee kana mallatteessuun hin raggaasisin hafe.

Ogeeyyiinis tarkaanfiin fudhatamuuf jedhu dhiibbaa inni hawaasarratti qabu ilaalchisuun yaadaan walqoodaniiru.

Yuuniversitii Dankook Giddugala qorannoo Oriental Studies jedhamutti qorataa olaanaa kan ta'e Jang Yoo-seung, akkaataan lakkoofsa umrii Kooriyaa mul'istuu aadaa fi duudhaa uummatichaati jedhe.

Garuu wanti beekamuu qabu malli lakkoofsa umrii kan addunyaan irratti waliigalte Kooriyaa keessatti hojiirra oolus, lammiileen biyyattii garuu waan duudhaa isaanii, mala lakkoofsa umrii Kooriyaa- Korean age ni dhiisu jechuun waan yaadamu miti jedha qorataan kun.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Some South Korean families are abandoning Seoul in search of a new life in rural villages