Nageenya Itoophiyaa: 'Diina hidhatee socho'u mara hidhannoo hiikkachiisuun barbaachisaadha' - MM Abiy Ahimad

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad qondaaltota waraanaa biyyattiif qajeeltoo gara fuulduraa fi haala qabatamaa biyyattiirratti Kamisa Ebla 14, 2022 ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin kanaanis, raayyaan ittisaa dantaa biyyaaf waardiyyaa dhaabbachuun hojii ijoosaa ta'uu yaadachiisuun, diinota hidhannoodhaan ittiin morkan mara hidhannoo hiikkachiisuu akka qabu dhaaman.

Dubbiin MM Abiy kuni kan dhagahame mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota 'ABO-Shanee' jedhuufi humnoota 'finxaaleyyii' Faannoo jedhamanirratti dhihoo duula waraanaa eegalu yeroo himettidha.

Itoophiyaa keessatti booda kana goolamni siyaasaa sababa hidhattootaan walqabatee uumamu hammaateera.

Kana dura siyaasa biyyattii kan dhuunfatee ture TPLF, Waraana Bilisummaa Oromoo kan 'Shanee' jechuun mootummaan waamu, Faannoo fi hidhattootti Gumuuz meeshaa ol fuudhanii mootummaa lolaa jiru.

Sochiin hidhattoota kanaas nageenya biyyattiifi jiruufi jireenya ummataaf yaaddoo uumeera.

Beektoti siyaasaa BBC'n dubbise mootummaan 'monopoly of violence' qawwee ykn tarkaanfii humnaan fudhatamu irratti aangoo guutuu qabaachuu akka qabu himu.

Yoo hin qabaanne ta'e, olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hin dandeenyee fi finciltoonni qawwee hidhatanii kan socho'an yoo ta'e fayyaalummaan biyyattii gaaffii keessa gala jedhu.

MM Abiy hidhattoota biyya keessa socho'an salphisanii ilaaluun dogoggora jedhu. ''Qaamoolee diinoota dhihoo ergan yaaduun kan qophoofnu yoo ta'e ni guddanna,'' jedhan.

Kanaafuun, hidhamtoota rakkoo keenyaa osoo hintaanee kan mul'anni keenya nu fiigsisuu ta'u qabnas jedhan.

''Kallattiin Raayyaa Ittisaa inni jalqabaa kutannoodhaan dantaa biyyaaf dhaabbachuudha. Lammaffaan ammoo hidhannoo diinaa hiikkachiisuu (demobilize)dha,'' jedhan.

''Humnooti diinota mara hiikkachiisuutu barbaachisa. Shanee, ganee, banee, kanneen jedhaman hunda hiikkachiisuu barbaachisa. Hidhannoowwan qaamolee raayyaa ittisaan morkan harka jiran hunda hiikkachiisuu barbaachisa,'' jedhan.

Paartileen yaada siyaasaan walmorkuu qabu malee karaa hidhaannoo lubbuu gaaga'uun deemuu hin qaban jedhan MM Abiy.

Waraanni mootummaa humnootii TPLF waliin gaggeessaa ture tasgabbaa'us dhimmoota afur araara buusuuf rakkisoo ta'an keessaa tokko dhimma hidhattootaati.

Gama kaaniin, hidhattoonni naannoo Amaaraa 'Faannoo' jedhaman - kan qondaaltoonni Oromiyaa finxaalleeyyii ittiin jedhan hidhannoo haa hiikkatan jedhamuun isaa garee kana biratti komii kaaseera.

Akkasumas hidhattoonni walta'iinsa uuman TPLF fi WBO haala amma MM Abiy jedhan kanaan hiikkachiisuun motummaaf hangam salphaa akka ta'u wanti beekamu hin jiru.

''Raayyaan ittisaa eegduu biyyaa malee kan paartii ta'uu hinqabu''

Raayyaan Ittisaa cimee hojjechuun raayyaa sabummaa, gandummaa, hirkattummaa siyaasarraa bilisa ta'ee fi ogummaa loltummaa qofaan kan hoogganamu ijaaruu akka qabus dhaaman.

''Raayyaa mootummaa jijjiiramu waliin hin diigamne, kan ijaaruu malee hin diignes bu'uuressuu qabdu. Kana gochuuf ammoo gootummaa adda waraanaafi yeroo dhiphinnaatti agarsiiftan sun yeroo nagaatti irra deebii'uu qabu,'' jedhan.

Raayyaan ittisaa gadi bu'uun kan sabaan yaadu yoo ta'u, TPLFn loluun, aarsaa kaffaluun hin barbaachisu ture jedhan MM Abiy Ahmand.

''Raayyaan ittisaa eegduu paartii, iddoo dahannoo isa dhumaa paartii ta'uu keessaa ba'uu qaba. Humni Ittisaa kun iddoo dahannoo dhumaa Badhaadhinaa miti kan Itoophiyaati,'' jedhan.

Qormaati guddaan siyaasaafi raayyaan ittisaa walmakuudha kan jedhan MM Abiy, ''Kaabineen ofii malaammaltummaadhaan osoo uummata dararuu raayyaa ittisaatti maxxanee akka deemu eeyyamuu hin qabdan,'' jedhan.

''Carraa hin arganneef malee kaabineen kamuu isin hin geessu. Yeroo rakkoo kan uumata mariisisu isini. Kan loltan, bootteedhaan kan bishaan obaastan isin malee kaabinee miti. Garuu gara fedhanitti isin oofuu fedhu.''

Mootummaan amma aangoorra jiru raayyaa ittisaan akka boonuufi eenyullee akka jalaa tuqu akka hin feene ibsan.

Haata'u malee ''Taatee tokko erga raawwattanii booda hin rafinaa. Hojii tokko xumurre jedhanii yoo raftan kan hojjettanis kan hojjechuuf deemtanis bilaasha ta'a,'' jechuunis gorsan.

Qondaaltonni fi jenaraalonni waraanaa walga'icharra turanis gorsa MM Abiy fudhachuun raayyaa kana keessatti jijjiirama jabaa fiduuf akka onnatan himan.

MM Abiy kan biraa maal jedhan?

MM Abiy Yaad-rimee jijjiiramaa ilaalchisuun wayita ibsaniitti addunyaarratti jijjiirama wayita jedhamu akka waa diiguun balleessuutti hubatama jedhan.

Itoophiyaa keessattis wayita hiriiraa fi gaaffileen jijjiiramaaf akeekan gaafataman misoomaawwan bu'uuraa diiguudhaan akka waan bakka ga'uutti fudhatama kan jedhan MM Abiy, kunimmoo jijjiirama dhugaa fiduuf qormaata ijoodha jedhan.

''Fakeenyaaf shaneen ummata Oromoofin qabsaa'a jedha, garuu qabeenya barbadeessa. Naannoo Haroo Wonciitti humna xiqqoodhaan misoomsina jennee wayita hojii eegallutti, isaan maashina gubaa, hojjetaas hari'aan,'' jedhan.

''Qaamni fageenyarraa akkasiin misooma diigu kun (Warshaa Sukkaaraa Finca'aa, warshaalee simintoo) osoo Finfinnee fi Adaamaa seenuuf carraa argate, hojiinsaa diiguudha,'' jedhan.

Jijjiirama kana sirnaa fi of-eeggannoodhaan hin hooggannu taanaan sochiin misoomaa fi siyaasaa biyyaalessaa hundayyuu bilaasha ta'uu mala jedhan.

Rakkoo hamaa biyyarra ga'uuf giddu seentummaa alaa qolachuudha kan jedhan MM Abiy, muuxannoo jijjiirama addunyaarraa kana barachuu qofa osoo hin taane keessoo biyyaas ilaaluudha jedhan dabaluun.

''Bara mootii Hayilasillaaseerraa kaasee jijjiiramaaf gaaffiin inuma dhiyaata, garuu jijjiiramni uumamu dimokiraatawaa waan hin taaneef rakkoon yeroosii ammallee uummata walficcisiisa. Gaaffiin lafaa yeroos gaafatame hanga yoonaa uummata wal ajjeesisa,'' jedhan.

''Nuuf qormaata kan ta'e dimokiraasii dhabuudha. Hayilasillaaseen, dargiin, ADWU'n hunduu dimokiraatawaa hin turre,'' jedhan.

Dabaluunis Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaas wayita aangoo qabatu carraa jirutti fayyadamee rakkoowwan jiran hin furre jedhan.

''Bara 1983 -84 naannoo Wallaggaa jedhamu ADWUI'n hin bulchu ture, caasaan mootummaa hanga bara 1985tti hin turre, kutaa waraanaa Gibee nama hoogganaa ture Alamisheet nama jedhamutu bulchaa ture.

''Shawaa Kaabaa ADWUI bulchee hin beeku. Lixa Shawaa naannawa Gindabarat hanga filannoo bara 2002tti bulchee hin beeku,'' waan sirna duraa keessa ture yoo yaadatan.

ADWUI'n naannoo Tigraay fi magaalota gurguddoo akka Finfinnee, Hawaasaa, Jimmaa fi kaan keessa ture, bakkeewwan kaan garuu isintu bulchaa ture jechuun raayyaa ittisa biyyaa jajan.

Garuu caasaa mootummaa jabaa dhabuun ammallee biyyattiif qormaata guddaa akka ta'e himan.