Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessituu Awustiraaliyaa ''Chaayinaa basaasuun'' himatamte dhaddachatti dhiyaatte
Manni murtii Beejiing himata basasaa gaazexeessituu Awustiraaliyaa Cheeng Leey irratti dhaddacha dhokataa gaggeessaa jira.
Aadde Cheeng dhoksaa mootummaa karaa seeraan alaan biyya biraaf kennuun himatamte. Maatiin himata isheerratti dhiyaate ni haalu.
Dhaalattuu Chaayinaa kan taate lammiin Awustiraaliyaa kun, Hagayya 2020’tti to’annoo jala oolfamuu ishee dura, miidiyaa mootummaa Chaayinaa CGTN jedhamuuf hojjechaa turte.
Awustiraaliyaan irra daddeebiin to’annoo jala oolfamuu ishee irratti yaddoo qabu ibsuun, “haqi baramaa ta’e,” akka jiraatuuf gaafateera.
Waa’ee himata yakkaa Cheeng ittiin himatamte irratti waan muraasa qofaatu beekama.
Chaayinaatti ambaasaadarri Awustiraaliyaa, Giraam Fileechar Kamisa haasaa gazexeessitoota waliin taasisaniin, innii fi anga’ootni Awustiraaliyaa biroon dhadacha kana irratti akka hin hirmannee dhorkamuu isaani ibsaniiru. Chaayinaan yeroo hedduu rakkoo siyaasaa fidu mala sababa jedhuun lammilee biyya biraa mana murti akka seenaniif hin eeyyamtu.
“Kun wanta baayyee yaaddessaa, quubsaa hin taanee fi gabbisiisadha. Adeemsi dhooksaan gaggeeffamu kun seera qabeessa kan jedhu irratti wanta mirkaneeffanne dubbannu hin qabnu,” jedheera. Dabaluunis Awuustiraaliyaan “mirgaa fi fedhii Aadde Cheengiif cimsitee falmuu itti fufti,”jedhaniiru.
Kana dura Aadde Cheeng yeroo hiidhaa turtetti fayyaan ishee akka hubamee ture gabaafameera, amma garuu ‘haala gaarirra’ akka jirtu Fileechar ibsaniiru. Abukaatoon ishees kana mirkaneesseera.
Ambaassador Fileechar dabaluunis, Awustiraaliyaan Aadde Cheeng ijjoollee ishee waliin haasuu akka dandeessuuf akka eeyyamamuufiif gaaffachuu ibsaniiru.
“Erga isheen hidhamtee eegalee harmee isaanii waliin wal qunnamanii hin beekan,” jedhan.
To’annoo jala olfamuu dura Cheenga waggootii dheeraaf Beejing keessatti hojjechaa kan turte yoo ta’u, ijoollee ihee lamaan dabalatee miseensotni maatii ishee hedduun Awutiraaliyaa keea jiraatu.
Hagayya 2020tti, tasa TV irraa dhabamuun, maatii fi hirriyyoonni ihee qunnamuu hin dandeenye. Miidiyaan sagantaa ingiliffaa Chaayinaa ishee qacaree ture CGTN’s marsariitii isaa irraa odeeffannoo wa’ee ishee jiru hunda haqe.
Chaayinaan jalqaba dhimma nageenya biyyaan akka to’atamte ibsuun, Guraandhala bara darbeetti ammo himata basasaan seeran hidha galcheera. Maatiin ishee maaliif akka isheen to’annoo jala oolfamte hin beeknu jedhu.
Waliigaltee Chaayinaa waliin taasisaniin bakka buutonni ji’atti takkaa akka ishee daawwatan Awustiraaliyaan ni himti.
Hariiroon Chaayinaa fi Awustiraaliyaa gidduu jiru waggootii darban keessatti laafaa dhufee, waldhabdeewwan dippilomaasii fi gabaa uumeera.