Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii Hoong Koong: Xiyyitiin pilaastikii gaazexeesitu ija tokko jaamse
Gaazexessitoonni Indoneeziyaa hokkara Hong Kongiitti dhukaasa poolisiitiin ija ishee tokko hanga dhumaatti dhabe.
Gaazexessituun Veebii Meega Indaahan yeroo dhukaasni poolisiirra dhukaafamee manatsirrii ittisaaf ijaasheetti kaawqwatte turte erga dhaheen booda ija isheerratti miidhaa gesissuu abukaatoon ishee himeera.
Mormii ji'ootaaf mootummaaerratti godhaa jiruun mormitootarratti miidhaa torbee darbe dhaqabeen mormiin haala adda ta'en itti fuufeera.
Mormitoonni muraasni boombii fi meeshaalee waraana xixiqqoo qabachuun poolisiin faana walitti bu'iinsa keessa jiru.
Walumaa galatti haala adda ta'een guyyaa poolisiin namoota 269 to'annaa jala oolcheera. Namoonni 100 ol ta'an hospitaala kan geeffaman namoonni 30 madaa'aniiru.
Mormii torbee darbe gaafa Kibxata turerratti poolisiin rasaasa pilaastikii 900 yoo dhukaasu gaazii imimmaanessu immoo al 1,400 dhukaaseera. Kunis immoo gaazii imimmaannesu kan ji'oota lamaan duraaf mormitootarratti irratti al 1,000 dhukaafameen kan caaluudha.
Gaazexeesituun miidhamte eenyu?
Dhukaasni dhukaafame fageenya meetira 12 irratti kan manatsirii ijashee dhahe yoo ta'u, ija ishee lamaanis dhaheera jedha abukaatoon gaazexessitu kanaa Miikaa'el Viidlar.
Gaafa Roobii hospitaalaa kan geeffamte yoo ta'u, ijji ishee inni mirgaa ammaan booda ta'suma arguu akka hin dandeenye doktorri mirkaneesseera.
Gaazexeesituun tun gaazexaa Afaan Indooneezhiyaa 'Suara' jedhamuuf kan hojjattu yoo ta'u, uffata gaazexeessummaashee ibsu kan "press" jedhu uffattee turte jedhameera.
Isheenis osoo hin rukutamiin dura yeroo gaazexeessaan biraatti dhukaafamu "Lakkaa hin dhukaasinaa, Nuti gaazexeesitoota" jechaa turte.
Miidhamuu gaazexeesituu tanaan booda bakka bu'aan Indooneezhiyaa kan Hoong Koong'tti argamu lammiileen isaanii iddoowwan mormii itti hammaatu akka baqatan dhaamaniiru.
"Mootummaan Indooneezhiyaa karaa bakka bu'aa isaatiin taatee kana akka qoratu," jechuun 'The Jakarta Post'tti himteetti.
Walitti bu'iinsi kun maaf hammaate?
Mormitoonni kunneen jalqaba waggaarratti seerri haaraa bahuuf turee kan shakkamaa dabarsanii kennuu deegaru mormuun kan eegalame ture.
Booda seerri bahauuf ture hafuulleen mormitoonni garuu mormiisaanii torban hunda fuufaniiru.
Yeroo dhihoo asitti mormiin guddataa dhufuun itti fufee mullataa jira. Namoonni baayyeenis dhiibbaan yaaddoo dinagdee keesa galaa jiru.
Hanga bara 1997'tti Hoong Koong kolonii Biriitan jala turte. Haa ta'u malees erga sanii kaasee qaamuma Chaayinaatti. garuu ammoo Sirna seeraa fi motummaa mataasaanii kan 'One Country' garuu sirna lama jedhamuu qabu.
Hoong Koong sirna Haqaa fi sirna seeraa kan mataashee ta'ee qabdi.Mirgoonni kan akka gurmaa'uufi bilisummaa dubbachuu eegamaniiru.
Ta'us garuu, seerri bu'uraa mirgoota kenneenii bara 2047 keessa yeroon itti darba. Isaan boodas ejjanniin maal aaka ta'u ifa miti.