Lammiilee Itoophiyaa gareewwan Afrikaa Kibbaa godaantonni akka gadhiisan duulaa jiraniin yaadda'an

Shutters are closed as disgruntled South African job seekers belonging to the anti-foreigners movement called "Operation Dudula" sing slogans and dance while marching through Alexandra township, on March 7, 2022.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daldaltoonni garii hokkorri kahuu mala jechuun suuqiisaanii cufachaa turan

Tibbana nama gara magaalaa Afrikaa Kibbaa Joohaanisbarg deemeef poolisota eeggannodhaan socho’an arguu danda’a.

Kan Aleeksaandiraa immoo adduma.

Maal jennaan lammiilee biyyattiifi godaantota biyya alaa daldala irratti bobba’an gidduu lolli ka’a yaaddoon jedhu ijaa jiruufi.

Lammiileen Itoophiyaa immoo warreen yaaddoo qaban keessaati.

Akka Aleeksaandiraa hin tahiin iyyuu malee Afrikaa Kibbaa maratti garaagarummaan sadarkaa jireenyaa ni mul’ata.

Kanaaf akka sababaatti dhimmoota ka’an keessaa tokko, sirna bulchiinsa biyyattii yoo tahu, kaan immoo ‘’warreen alagaa biyya kana dhuunfachuun nu gahe,’’ komii jedhu dhageessisu.

Biyya lammiileen Afrikaa Kibbaa hiyyummaa akkaan himatan keessatti, godaantonni biyya garaagaraa deeman garuu badhaadhaa jiru.

Dhimma falmisiisaa kana qabatanii gareewwan lama as bahaniiru.

''Sosochii Za Aleeksaandiraa Dudulaa fi Oppireeshiin Dudulaa,’’ jedhamu

Lamaan isaaniiyyuu lammiileen Afrikaa sanada eeyyamaa hin qabne biyya isaaniidhaa akka bahan duula adeemsisu.

Uummata dhiibamneerra, qooda keenya hin arganne jedhu biratti yaadni isaanii deeggarsa argateera.

Gareewwan kunneen maal barbaadu?

Muddama lammiilee biyyattii fi godaantota eeyyama hin qabne gidduutti uumamuuf sababiin inni guddaa hiyyummaa dha. Sirrii haa tahaniis, hin tahiinis komii lammiileen Afrikaa Kibbaa kaasaniif sababa kan jedhan godaantota eeyyama hin qabne dha.

Dudulaa jechuun afaan Zuuluudhaan ‘’asii baasaa’’ ykn ‘’nuuf haa deeman,’’ jechuudha. Kunimmoo gareewwan kunneen maal akka barbaadan ifatti agarsiisa.

Gareewwan kunneen sababiin hundeeffama isaanii tokko, lammiilee biyya alaa Afrikaa Kibbaa jiraachuuf eeyyama seeraa hin qabne achi baasuu dha.

Kana gochuudhaan lammiilee Afrikaa Kibbaaf hojiifi balbala daldalaa akka banan amanu.

Lammiilee Itoophiyaa garas jiran kan hirriba dhorkes kanumadha.

Gaaffiin isaanii,’’lammiileen biyya biraa haa bahan nuti daldalicha qabanna,’’ kan jedhu jechuun BBCtti kan hime jiraataa Johaanisbarg Gazzaahinyi Sumaamoo dha.

‘’Lammiileen Itoophiyaa hojiin isaan hin hojjenne hin jiru,’’ jechuun ibsa.

‘’Hojii mana keessaa, keessummeessuufi taaksii konkolaachisuu fa’i lammiilee Itoophiyaatu hojjeta,’’ jechuun isaan ibsu.

Suuqiin koo cufamaa laata, nan arii’ama tahinnaa, yoo jabaate immoo lubbuu nan dhabaa yaaddoo jedhu qabu.

Kana dura ‘’nu miidhaniiru. Waan biyya hambaatti hojjenne bilaasha godhaniiru,'' jedha Gazzaahanyi.

‘’Naannoo Aleeksaandiraatti lammiileen biyya alaa daldala haa gadhiisan sosochiin jedhu jiraatullee qaamoleen seeraa to’ataniiru,’’ tibbana miidhaa hin geessisne jedhamullee lammiin Itoophiyaa tokko lubbuunsaa darbuu nutti himeera

‘’Akkamiin akka du’e hin beekamu,’’ kan jedhu Gazzaahanyi, ’’Akkamiin akka du’e hin beekamu garuu lammiin Itoophiyaa tokko ajjeefameera,’’ sosochii kana wajjin wal-qabachuu quba hin qabu.

A member of the anti-foreigners movement so-called 'Operation Dudula' ties a banner to a gate during a gathering at a park in Hillbrow, Johannesburg on February 19, 2022.

Madda suuraa, EMMANUEL CROSET

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen mormiif bahan ergaawwan ''Lammiilee Afrikaa KIbbaaf dursa kennaa'' kan jedhan qabatanii bahan

Yaaddoo seera haaraa

Lammiin Itoophiyaa jiraataa magaalaa Pietermaritzburg maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate naannoo isaanii rakkoon akka hin jirre dubbateera.

Tahus seerri godaantota biyyaa baasu ragga’uuf jira erga jedhameen as sosochiin garee Dudulaa dabaleera jedha.

‘’Gareen Dudulaa jedhamu godaantota ni baasna jechuun poolisiis tahe seera mootummaa hin eegnu jechuun ofiin socho’aa jiru,’’ jedha

Akka Gazzaahanyi jedhutti miseensonni garee kanaa,’’waan godhaa jedhaman hunda gochuuf qophii dha.’’

‘’Lammiileen Afrikaa Kibbaa ‘CV’ ykn waraqaa iyyannoo hojii qabatanii taa’aniiru. CV keessan qabadhaa bahaa jechuun duula geggeessu,’’ jedha. Kanaanis yaaddoon dabalaa dhufuu dubbata.

Kanaanis uummatni keenya, ‘’yoo dhufanii nu gubu jechaa sodaa keessa jira. Hospitaala namoonni dhiphina qaban deemaa jiru. Rakkoo baayyee nutti uumaa jira,’’ jechuun hubachiisa.

Qabeenyaafi of eeguuf kaffaltii…

Lammiin Itoophiyaa biraa maqaansaa akka hin eeramne gaafate immoo ji’a ji’aan kaffaltii yoo raawwattan akka hin baane isin taasifna, qaamolee nageenyaa jedhan wajjin hojjechaa akka jiran ibseera.

‘’Hamma yoonaa iddoo ani jirutti namni miidhaan irra gahe hin jiru. Sosochiin kuni garuu jira. Hawaasa bira yaaddoon jiraatullee amma nagaa fakkaata. Keessumaa lammiilee Itoophiyaa biratti ilaalcha gaariituu jira,’’ jedheera.

Seera godaantota baasuuf jedha jedhametu yaaddoo uume jedha.

Sosochii Dudulaa jedhamu kana duuba lammiileen Itoophiyaa illee ni hirmaatu jedha Gazzaahanyi.

‘’Yeroo yerootti jeequmsi ka’u tasgabbeessuuf jecha qarshiiin walitti qabama. Lammiileen Itoophiyaa miseensota garee Dudulaa wajjin tahuun qarshii hirmaatu,’’ jechuun hima.

BBC’n waa’ee sosochii Dudulaa kana dura gabaasus waa’ee hirmaannaa lammiilee Itoophiyaa garuu mirkaneessuu hin dandeenye.

Namni odeeffannoo irraa arganne akka jedhutti rakkoo dur turetu ammallee sammuu lammiilee Itoophiyaa keessaa baduu dide

‘’Akkamiin seerri kuni ragga’a, akkamiin taha namni jedhu jira. Godaantota baayyeetu jira. Kan eeyyama hin qabnes baayyee dha. Sababa kanaan akka duraanii saamichaa fi rakkoon garagaraa ni mudata yaaddoon jedhu jira,’’ jedheera.

‘’Jarri waan tasgabbaa'an fakkaatanillee waamicha wal-fakkaataa dhiyeessaa waan jiraniif guyyoota dhufanitti lammiileen Itoophiyaa akka of eeggatan,’’ yaadachiiseera Gazzaahanyi.

Godaantonni eeyyamni naa kennama jedhanii otoo yaadanii kuni dhalachuun waan gaarii miti jedha.

Disgruntled South African job seekers belonging to Alexandra Dudula Movement march in the township streets during their operation to remove foreign street vendors on pavements and stalls in Alexandra township in Johannesburg on February 13, 2022.

Madda suuraa, PHILL MAGAKOE

Namoonni sosochii kana morman marti dhuunfaadhaan irratti xiyyeeffatamaa akka jiru ibsa.

Sababa kanaan magaalawwan 37 keessa naanna’ee hawaasa dadammaqsaa akka jiru ibsa.

Kanas magaalawwan muraasa keessatti jalqabeera. Guyyoota itti aanan keessattis gara magaalawwan birootti akka deemu himeera.

Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiran boondii Hidha Haaromsaa bituurraa jalqabee gama garagaraan biyya deeggaruu jedheera.

Embaasiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiru deeggarsa isaaniif godhu yoo gaafatamu yeroo ammaa xiyyeeffannoon dhimma biraatti akka tahe akka isaanii ibse hima.

Yaada Embaasii Itoophiyaa gabaasa kanatti dabaluuf yaaliin BBC’n taasise otoo hin milkaa’in hafeera.

Duulli Sosochii Dudulaadhaan taasifamu kuni garuu fedhii lammiilee Afrikaa Kibbaa hunda akka hin taane dubbata.

Faayidaa diinagdee fi hawaasummaa godaantonni qaban eeruun, namoonni kana falman kan akka Pireezidant duraanii Afrikaa Kibbaa, Taaboo Imbeekii jiraachuun immoo abdii isaaniif kenna.

Kanuma keessa miseensi paartii Afrikaa Kibbaa biyya bulchu ‘ANC’ ‘’yeroo xiqqoof malee dhimma kanarratti deebii kennina,’’ jechuun Gazzaahanyi faa xiqqoo hafuura akka baafatan godheera.