Kuubaatti namoonni mormiif bahan hidhaan waggaa 30 irratti murame

Madda suuraa, Getty Images
Kubaatti namoonni hiriira mormii farra-mootummaa Adoolessa keessa adeemsifamee ture irratti hirmaata 100 caalan irratti hidhaa waggaa ja’aa hanga 30 tahu itti murtaa'e.
Namoota himataman 129 keessaa nama tokko qofaatu bilisaan gadhiifame, warri kaan garuu hokkora kakaasuufi hannaan balleessaa dha jedhamaniiru.
Biyya odolaa sirna Koominiisittiin bultu kanatti lammiileen Kuubaa kumaatamaan lakkaa’aman hiriiraaf ba’an, ‘’bilisummaa’ jechuun sagalee dhageessisaa turan.
Kuubaatti eeyyama malee uummatni walitti qabamuun seeraan ala dha, kanaanis namoonni 1000 ol to’annoo jala oolaniiru.
Mormiin kuni waggoota dheeraa keessatti isa guddaa dha jedhameera. Biyyattiin rakkoo diinagdee hamaa keessa yeroo jirtutti kan dhagahme yoo tahu, mormitoonni daballii gatiifi hanqina nyaataa irratti sagalee dhageessisaa turan.
Namoonni baayyees akkatti mootummaan Kuubaa weerara Kooviid hir’isuuf tarkaanfii fudhate qeeqaa turan.
Mootummaan paartii Koomiyunistiidhaan hogganamu momrii sana yaalii Ameerikaadhaan deeggaramee mootummaa kuffiisuuf taasifame dha jedhe.
Hiriirawwan mormii otoo hin eegamiin taasifaman hundarratti tarkaanfii kan fudhate yoo tahu, kanaanis yoo xiqqaate namni tokko du’ee kaan immoo mada’anii turan.
Manni murtii hiriirtonni konkolaataawwan garagalchaa, dhagaa, qaruuraa, boombii gaazii qabu poolisii fi waajira Ministeera Keessoo fa’itti darbachaa turan jedhe.
Haa tahu malee Jaavaayir Laarroondoo dhaabbata mirgaaf falmu ’Prisoner Defenders’ irraa, ‘’baayyeen namootaa haala nagaa-qabeessa taheen mormii dhageessisan,’’ jedhan.
Laarroondoon murtii adabbii kuni fudhatama kan hin qabne dha jedhe.













