Daa’imni ganna 13 konkolaataa oofaa ture balaa qaqqabeen lubbuun dabre

Balaa konkolaataa guyyicha qaqabe

Madda suuraa, CBS

Ameerikaa kutaa biyyaa Teeksaas keessa balaa konkolaataa gaafa Kibxataa qaqqabee lubbuu namoota sagalii galaafateen, daa’imni waggaa 13 oofaa akka ture himame.

Ibsa gaafa Kamisaa qorattoota dhimmichaan kennameen, gommaan bitaa konkolaatichaa jijjiirramee gale dhoo’uun, konkolaataa biraa namoota fe’ee itti dhufaa ture wajjiin walitti bu’e jedhan.

Barattoonni yunivarsiitii goolfii taphatan jahaa fi leenjisaan isaanii balaa qaqqabe Kanaan lubbuun darbeera. Barattoota kanneen keessaa tokko lammii Porchugaal yoo tahu, inni biraa ammo Meksikoo irraati.

Oladeemaan konkolaaticha oofaa tureefi gaheessi isa wajjiin imalaa tures lubbuu dhabuun himameera.

Barattoonni Kaanaadaa irraa tahan lama garuu balaa kana jalaa ooluun, hospitaala keessatti yaalii argachaa jiru.

Bulchiinsa Teeksaasitti qondaalli damee nageenya hawaasaa Saajin Viktar Teylar, bulchiinsa kana keessa daa’imni ganna 13 konkolaataa oofuun seeraan aladha jechuun tajaajila oduu Associated Press’tti himan.

Kutaa biyyaa kanatti daa’imman barumsa kutaa keessaa konkolaachisuu waggaa 14tti eegalu. Ganna 15tti ammoo leenjisaan yookiin gaheessi tokko konkolaaticha keessa jirfaachuun oofuu eegaluu danda’u.

Akka qondaaltonni Geejjibaa jedhanitti, konkolaattonni kunniin wayita fuulduratti walitti bu’anitti saffisa hangamiin adeemaa akka turan beekamuu baatus, lamaanuu garuu ibiddi itti qabatee akka ture himan.

Kanneen lubbuun darbe keessaa hedduun qabattoo teessoorraa kan hin godhanne wayita tahu, isaan keessaa namni tokko konkolaataa keessaa humnaan darbatamee ala baheera.

Namni ganna 38 Henrich Siemens jedhamu imalaa daa’ima wajjiin ture akka tahe kan barame wayita tahu, maqaan gurbaa kanaa garuu hin himamu – maaliif jennaan sababa umrii isaatiin jedhu.

Lammiileen Kaanaadaa lubbuun hafan lamaan hospitaala Lubbock, Teksaasitti argamutti yaaliin taasifamaafii jira.