Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hidhaan manaa Obbo Daawud Ibsaa itti jiran seeraan ala, atattamaan haa gadhiifaman'-Boordii Filannoo
Boordiin Filannoo Itoophiyaa dura taa'aan ABO Obbo Daawud Ibsaa ji'ootaaf ''mana ofii keessatti hidhamanii turuun seeraa ala waan ta'eef atattamaan haa gadhiifaman'' jechuun komishiii Poolisii Federaalaafi tajaajila tika biyyaalessaaf xalayaa barreesse.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI Sadaasa 23, 2014 fi Sadaasa 30, 2014 paartilee siyaasaa biyyattii waliin walga'ii taa'erratti hooggantoonnii fi miseensonni paartilee siyaasaa hedduun labsii yeroo muddamaatiin hidhamuu mirkaneeffadheera jedhe.
Boordiin kun paartilee siyaasaa mataa walitti qabee hoogganuu, komii paartilee siyaasaa qorachuun furmaata itti godhuu, paartileen mirga heera mootummaa fi seera boordichaan kennameef akka fayyadaman mirkaneessuu fi paartileen akka of guddisanii fi of fooyyessaniif deeggarsa gochuuf dirqama qaba.
Haala kanaan boordiin kun koree komii paartilee siyaasaa keessummeessu naannolee biyyattii kanneen akka Beenishaangul Gumuz, Uummattoota Kibbaa, Uummattoota Kibba-lixa Itoophiyaa, Sidaamaa, Amaaraa, Oromiyaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hundeessuun hojjechaa jira.
Gareen komii paartilee qoratu kun paartii biyya bulchu keessaa nama tokko, boordii keessaa nama lama, akkasumas paartilee komii qaban keessaa nama tokko tokko of keessaa qaba.
Adeemsa komii paartilee hordofuu kana keessatti, gareen naannoo Oromiyaa, Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa Bitootessa 2, 2021 irraa eegalanii manaa akka hin bane dhorkamuun hidhamanii jiraachuu eeruun komii dhiyeesseera.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa akka jedhutti garee kana keessaa miseensonni lama ALI gaafa Guraandhala 21, 2014 gara mana Obbo Daawud Ibsaa deemuun komii kana qulqulleessaniiru.
Namoonni haala Obbo Daawud keessa jiran qulqulleessuuf imalan kunneen gabaasa dhiyeessan keessatti wayita isaan mana hayyu duree ga'an kan balbala irraa bane qama nageenyaa uffata siivilii uffate ta'uu eeran.
Gareen kun obbo Daawud daawwachuuf eenyuufuu akka hin eeyyamamnee fi namni kamuu yoo daawwachuu fedhe eeyyama barreeffamaan qabatee dhufuu akka qabu akka itti himame gabaasan jedhe boordichi.
Isaanis eessaa fi maaliif akka dhufan erga gaafatamanii booda akka seenaniif eeyyamamuufii himan.
Miseensonni garee kanaa Obbo Daawud bira seenuun dura sakatta'iinsa cimaa keessa akka darbanii fi bilbila qabatanii seenuun akka hin danda'amne erga itti himamee booda waan kana hunda raawwatanii akka hayyu duree kana daaawwatan ibsan.
Gareen kun Obbo Daawud Ibsaa Ebla 2, 2021 irraa eegalanii akka manaa gadi hin baane qaamolee nageenyaa mootummaan ugguramanii jiraachuu adda baasuun boordichaaf ibsaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaas Obbo Daawud Ibsaa manatti hidhamanii turuun, ''mirgi bilisaan socho'uu heera mootummaan kennameef akka sarbame'' hubateera.
Gameessi duree paartii siyaasaa ta'an kun ''seeraan ala manatti hidhamanii hagana turuunsaanii herrega kamiinuu fudhatama waan hin qabneef hatattamaan dhaabbachuu qaba'' jedhe boordichi.
Qaamoleen nageenyaa qe'ee hayyu duree buufatanii jiran kaafamuun mirgi bilisaan socho'uu isaanii akka eegamuuf gaafateera boordiin kun.
ABO maal jedhe?
Hogganaan sab-qunnamtii ABO obbo Lammii Gammachuu ejjennoofi xalayaa koreen Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hayyu duree isaanii ilaalchisee baase akka lamatti kan ilaalu ta'uu BBC'tti dubbatan.
Obbo Dawuud ji'ootaaf ''meeshaaleen qunnamtii isaanii fudhatamee manni itti cabee'' manatti hidhaa turuu isaanii koreen kun hubatee amma tarkaanfiin fudhate ''haalaan gaariidha'' jedhan.
Gama kaaniin garuu erga hidhaa manaa keessa turanii waggaa tokko guutuuf kan dhiyaatan ta'uu isaafi dhaabni isaaniis irra deddeebiin iyyachaa turuu hubachiisuun tarkaanfichi barfateera yaada jedhu kennan.
Turtii yeroo ji'oota 11 ta'uu kana keessatti ''qaamanis ta'e bilbilaan argaa hin turre'' kan jedhan obbo Lammiin ''haalli keessa jiran kana jennee dubbachuu hin dandeenyu'' jedhan.
Nyaatniifi dhugaatiin barbaaachisan bitamanii balabalarra kaahamaafi akak turan beekna jechuunis dubbatan.