Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Booranaatti hongeen loon bira dabree namarra miidhaa geessisaa jira
Hongeen ganna 40 keessatti isa hamaadha jedhameefi Godina Boranaatti loon kuma dhibbaan lakka'amu galaafate, lubbuu namaafillee yaaddessaa tahaa jira.
Hanqina nyaataa sababa bonaan walqabatee mudateenis, Godina Booranaa Hospitaala Meeggaatti daa'imman yaala argachaa jiraachuufi lubbuun daa'ima tokkoo dabruu BBCn odeeffateera.
Dhimma kanarratti yaadasaa kan kenne Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa, ''Sababa rakkoo nyaataatin, beelaatiin namni hanga ammaatti Oromiyaa keessatti lubbuun isaa darbe hin jiru,'' jedheera.
Jiraattuu Aanaa Miyoo kan tahan Aaddee Lookoo Garboolee daa'imni isaanii ji'a tokkoofi walakkaa hanqina nyaataan miidhamee jennaan Hospitaala Meeggaatti fidan.
Bona dheeratee uummata gaaga'e kanaan isaanis horii dhabaniiru. ''Shan narraa obba'e,'' jechuun kanumaanis hanqinni nyaataa cimaa isaan mudachuu nutti himan.
''Ijoolleen fayyaa miti, hanqina nyaataa qabdi. Lafti bona, horiin nu jalaa dhuman. Lubbuun hin teessiftu, daa'imi [itti hammaate] jennaan kaanee yaane,'' jechuun lubbuu daa'ima isaanii oolchuuf gara hospitaalaa fiduu dubbatu.
''Bonni ganna sadii waan tokkollee horiin hinjiru, obruun baate hinjirtu. Waan nyaannu hinqabnu. Sadarkaa lubbuurra jirra.''
Aadde Lookoon hospitaalicharraa qarqaarsa argachaa akka jiran himanii ''daa'imni amma omaa hinjedhu,'' jechuun dubbatu.
Aabba Waariyoo Jaataniillee akkuma Aaddee Lookoo daa'imni isaanii ji'a sadiifi walakkaa jalaa dhibamee gara hospitaala Meeggaatti fiduu himan.
''Daa'imni garaa kaasa, hin bulgaafata, omaa hin dhugu. Kanaaf, as fiduu dandeenne,'' jedhan.
''Rakkuma bonaan walqabatee aannan hinjiru. Horiin huqqatee aannan hinqaban. Beesseellee waan ittiin bitatan hinqaban. Akka malee miidhame jennaan, mana yaalaa jirra amma.''
Isaanis akkuma Aaddee Lookoo fi horsiisee bultoota kaanitti horii dhabaniiru. ''Looniifi re'ee walumatti gara 15 dhabeera,''
Ijoollee torba akka horatan kan dubbatan Aabba Waariyoon, erga hospitaala galanii daa'mni isaanii fooyya'aa jiraachuu himan.
''Daa'imi amma goomittaa qaba. Guyyaa dheengaddaa akka malee nu lubbeesse, amma goomuutti jira.''
''Waan qalbii namaa yakku''
Medikaal Daayireekatara Hospitaala Meeggaa kan tahan Dr Godaanaa Halakee akka Godina Booranaatti hanqinni nyaataa guddaan jiraachuu eeruun, ''daa'imman qofaa miti, jaarroleefi haadholee dabalatee gaheessota irrattis mul'achaa jira,'' jedhan.
Dr Godaanaan bonaan walqabatee hanqinni nyaataa mudate kun ''baay'ee nu sodaachisee jira,'' erga jedhanii booda ''baay'ee waan qalbii nama yakkaati,'' jechuun miira gaddaan himu.
Ji'a tokko keessatti qofa Hospitaala Meeggaatti daa'imman hanqina nyaataa cimaaf (severe malnutrition) saaxilamanii wal'aansaaf dhufaniiru.
Kanneen keessaa daa'imni tokko humna hospitaalichaan ala waan taheef, riifariin gara hospitaala biraatti ergamuu himan.
Kana malees daa'imni reefu dhalatee ji'a tokko hin guunne tokko rakkoodhuma kanaan lubbuun isaa darbuu Dr Godaanaan nutti himaniiru.
Daa'imman hospitaala kanatti amma yaala argachaa jiran sadan garuu bayyanachaa akka jiran Dr Godaanaan dubbatu.
Dr Godaanaan dabaluun dhimmichi sadarkaa hospitaalaa qofatti daanga'ee kan hafu miti jechuun, ''buufata fayyaatti gadi bu'anii otoo sakatta'anii waan baay'ee argachuu danda'an,'' jedhan.
Waa'ee hongee naannichatti mul'achaa jiruun walqabatees, asiin dura bonni hammaatee yeroo garagaraatti uummatarraan rakkoo gahus, kan yeroo ammaa kanaa haalaan cimaa tahuu kaasu Dr Godaanaan.
''Asii dura akkana cimee hinjiru. Ka sadarkaa lubbuu namaatti deemee suni hinjiru. Amma garuu sadarkaa lubbuu namaatti deemee, baay'ee sodaachisutti jira.''
Itti gaafatamaan kominikeeshinii Godinichaa Aabba Galma Miyoo gamasaaniin ''bonaan walqabatee namni hanqinaan baay'ee qabamuutti jira. Horiilleen nam jalaa baay'ee dhumuutti jira,'' jedhan.
Dhimma kana irratti kan gaafanne Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir odeeffannoo akka hin qabne, garuu ammaan achi akka qulqulleeffatan himan.
''Sababa adda addaatif namni du'uu danda'a. Sababa rakkoo nyaataatin, beelaatiin namni hanga ammaatti Oromiyaa keessatti lubbuun isaa darbe hin jiru. Midhaan gahaatu Booranarra jira. Kuusaan nuti Booranatti qabnu gahaadha,'' jechuun BBC'tti himan.
''Booranni loon qaba. Loon sunimmoo jalaa miidhamaa jira. Aannan durii, dhadhaan durii sun hin jiru. Sanarraa kan ka'e hanqinni dabalata nyaataa uumamuu danda'a.
''Kuni bakka hundattuu waan uumamuu danda'udha. Kanaan ala hanqinni nyaataa kan uumamu hin jiru. Kan uumamellee hinjiru. Fuuladurattis hin uumamu.''
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Roobii Amajji 03, 2022 godina Booranaa kan daawwatan yoo ta'u, yeroo gabaabaa keessatti hawaasa miidhame deggaruun jijjiirama qilleensaa uumame qolchuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadii fi Preezdaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuun godina Booranaa aanaa Yaabbellootti rakkoo uummata hongeen miidhamee bal'inaan gamaggamuuf daawwannaa taasiseera.
Balaa hongee cimaa Gaanfa Afrikaatti mudateen akka naannoo Oromiyaatti godina Booraanaa irra miidhaa cimaan qaqqabuu MM Abiy Ahimad daawwannicharratti kaasaniiru.
MM Abiy proojeektiiwwan bishaanii yeroo giddugaleessaa ammoo rakkooleen osoo hin mudatiin furmaata kennuuf kan dandeessisan ta'uu kaasaniiru.
Akka Godina Booranaatti gogiinsa hammaate kanaan walqabatee beeyladoonni 170,000 du'uu fi 50,000 kan tahan ammoo qarqaarsa namaan lafaa kaafamaa jiraachuu miidiyaan mootummaa OBN dhiyeenya kana gabaaseera.
Naannichatti Godinaalee Booranaa fi Baalee Bahaa qofatti sababa hongee kanaan horiin 130,000 caalan dhumuu, Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir BBC'tti himanii turan.
''Irra caalaan xiyyeeffannaa kan kennine lubbuu namaa baraaruu irratti. Uummanni Booranaa kanaan dura sagantaa Safety Net keessa hin jirre - kanneen of danda'anii jiraachaa turan 166,000 ol harka namaa keessatti kufanii gargaarsa eeggachaa jiru,'' jedhan.