Adurreen badee ture waggaa 11 booda warrasaatti deebi’e

Iskootilaanditti adurreen madaqoo waggaa 11 dura badee ture maatiisaatti deebi’e.

Qaxurreen Ferguus jedhamu manasaa naannoo Forrees Moreey’tti argamurraa bara 2010tti bade.

Ji’a tokko dura tola ooltota Eegumsa Adurree biyyattiin, km100 ol fagaatee iddoo Aberdiin jedhamutti argame.

Ferguus mala kompitaraa (microchip) jedhamu fayyadamuun erga adda baafameen booda maatisaatti deebi’e.

Waggoota kana hunda eessatti akka dabarse icciitii tahus, gara iddoo Aberdiin jedhamu kanaa garuu konkolaataan hin geeffamiin hin oolle.

Guddistuun adurree kanaa Fiyoonaa Matar, ’’lubbuun jira jedhanii gaafa naa bilbilan dhugaa hin seene,’’ jetti.

‘’Asii fi achi adeemuu jaalata, gaaf tokko garuu bahee deemee achi as hin deebine. Balaa wayiitu isa mudate jennee gaddinee turre,’’ jette Fiyoonaan.

''Ammallee lubbuun jira waan jedhu yeroon dhagahu nan nahe, isayyuu hamma kanaa fagaatee.’’

Akka Fiyoonaan jettutti, Ferguus wiirtuu Eegumsa Adurree irraa xiqqoo tahee guddifachuun fudhatamus otoo hin badiin dura waggaa afur qofa isaan wajjin jiraate.

Manatti yeroo deebi’ees akka manicha baruuf kutaa addaa keessa kaa’amee adurree haaraa Ozii jedhamtu wajjin wal-baraa jira.

‘’Yeroo baannuufi sukkumnu gammadaadha, sagalee guddaas baasaa ture,’’ jechuun himti Fiyoonaan.

‘’Namatti hin bu’u, cululuqaasaatu jira, yeroo kana hunda namni isa kunuunsaa ture jira malee ala bulaa hin turre.’’

‘’Tola ooltoti Eegumsa Adurree isa yaadnuun ol deemanii isa argan guddoon galateeffadha,’’ jechuun dubbatti Fiyoonaan.

Aliis Palomboo, qondaalli Eegumsa Adurreefi hariiroo mootummaa Iskootilaand, ’’guyya guyyaatti malli ‘microchipping’ jedhamu adurree fi guddistoota isaan kunuunsaniif hangam barbaachisaa akka tahe argaa jirra,'' jedhan.