Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walabummaa Pireesii: ‘Dhimmoonni ani irratti gaafatame labsii yeroo muddamaa waan ilaallatan miti'
Rogeessaa fi miidiyaalee garaagaraarra hojjechuun kan beekamu Iyyaaspeed Tafaayee hidhaa guyyoota 47 booda guyyoota muraasaan dura hiikameera.
Iyyaaspeed miseensa paartii ‘Samaayaawwii’ yeroo ture irraa qabee waggoota kurnan darbaniif yeroo garaagaraatti, isa ammaa dabalatee al-kudhan hidhameera. Tahus baatii tokkoo ol hidhamuun kun yeroo sadaffaati.
Wayiilota isaa waliin televzyinii Yuutiyuubii ‘Ubuntuu’ jedhamu irratti hojjechaa kan ture Iyyaaspeed waliin BBCn turtii taasiseera.
BBC: Yeroo mana hidhaa galte sana dhukkubsattee akka turte maatii fi michoota keerraa dhageenyeerra. Yaalii akka hin argannes dhageenyeerra. Maaltu si dhukkube?
Iyyaaspeed: Manni hidhaa Itoophiyaa akkuma beekamu, iddoo dhiphaa keessatti namni baayyeen hidhama. Dhukkubni bishaaniif fi afuuraan datbu hinuma jira. Garuu hidhaa galuu koon dura yaalii ilkaanii jalqabeen, kunis yaalii yeroo barbaadu gatii taheef isaan baayyee rakkadheen ture, gara iddoo fooyya’aa na geessaa jedhu eeyyamamoo hin taane. Guyyoota 47 keessatti ulfaatinni koo 7 ol hir’iseen bahe.
BBC፡ Guyyaa hidhamte sana maaltu akka tahe xiqqoo dhageenyeerra garuu mee gabaabsi nutty himi?
Iyyaaspeed: Akka carraa manan ture. Tibba sana namoonni baayyee ni haa hidhamu jedhanii miidiyaa hawaasumma irratti duula geggeessu ture. Kanaaf badaa hin socho’un ture. Naannoo mana keenyaa poolisoota baayyee, poolisii federaalaa,konkolaataa baayyeetu ture. Nama yakka guddaa raawwate tokko kan to’annoo jala oolchuuf jiran fakkaatu ture. Akkuma nama kaanii meeshaan manaafi kan waajira koo sakatta’anii ture, kanaa ala waan addaa hin qabu.
BBC: Kan hidhamte sababa duula miidiyaa hawaasaa sanaani jettee yaaddaa? Yookiin sababni sitti himame jira turee?
Iyyaaspeed: Walumaagalatti gaaffiidhaaf guyyaa lama waamameen ture. Inni tokko gaafan dura galedha, kaanimmoo hidhamee ji’a tokkoon booda dha. Guyyoota lameen kanatti waanti natti himame gargari. Guyyaa jalqabaa miidiyaa hawaasaa irratti akkaawuntiin beekamaa jira inni si’i dha moo? Naan jennaan, isaan hubachiisuu yaalee waan fudhatan natti fakkaata.
Guyyaa 30 boodaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa hordoffii miidiyaalee irratti hojjeteen sanada himannaaf ka’umsa tahu isaaniif ergee ture. Waanti na ajaa’ibe dhimmoota wayitaawoo waliin wal-hin qabatu ture. Waggaa sadii duubatti deebi’anii waltajjii marii tokkorratti waanan dubbadhe sanada ibsu ture. Waan ani itti shakkame labsii yeroo muddamaa waliin wal-hin qabatu.
Jecha kanin kennes himannaa Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa barreesse irratti dha. Fakkeenyaaf, waggaa sadan har’aa ‘’Uummanni Somaalee aadaa, eenyummaafi kaaniin eenyummaa Itoophiyaa keessatti bakka buutummaa hin aragnne jechuun uummata tokko kaanirratti kakaasteetta,’’ kan jedhufaa qaba.
Waggaa lamaan har’aa BBC irratti dhiyaachuun uummata kakaasuu yaaleera jechuun himannaa fuula 10 kan wayitaawaa hin taaneefi dhimmoota waggaa sadii dura jalqabee dubbachaan ture walitti funaananiit bifa himannaa fakkaatuun as baasan.
Kanneen dhiyoo kanatti dubbadhes dabalamaniiru. Qabiyyeen waliigalaa ani sirna federaalizimii amma jiru kana nan deeggara. Isa ilaalchisee dhimmotan dubbadhetu uummata uummtaa walitti naquutti ilaalame.
BBC: Yeroo hiikamtu hoo sababani sitti himameeraa?
Iyyaaspeed: Poolisiin wabii beekamtii waan jedhu qaba. Isaanan bahe.
Akkan yaadutti odeeffannoon Abbaa Taatiyaa Miidiyaarras kaan irraa argatan himanna banuuf gahaa akka hin taane baraniitu jedheen yaada. Waanuti ija qabu gatii hin turreef hiikame jedheen yaada.
BBC: Qabeeny miidiyaa ati keessaa hojjettu deebia’eeraa? Dhiyootti yaada hojiitti deebi’uu qabdaa?
Iyyaaspeed: Miidiyaan keenyi sakatta’amee ture. Qabeenyisaas fudhatameera. Akkuma beekamu meeshaaleen miidiyaa qaalii dha. Kaameeraa dabalatee waanti baayyee nu jalaa fudhatameera. Yeroo fudhataman wabii qaboo yaa’iitiin mallatteefameeti fuudhaman.
Meeshaalee kunneen abbaan alangee hin barbaachisan abbaatti haa deebi’an jedhullee ergan hiikamee miyoota kunneen argachuu hin dandeenye. Poolisiin deebisuudhaaf eeyyamamaa dha jedheen yaada. Kuni adeemsaa gatii taheef sun gaafa raawwatu ni deebi’a.
Garuu meeshaaleen suni deebi’anis deebi’uu baatanis miidiyaan keenyi guyyoota sadiifi lama keessatti deebi’a jedheen yaada. Hojii keenyatti deebi’uuf qophii dha.
BBC: Buufata itti hidhamtee turte keessa gaazexeessitoonni biroon turanii? Eenyufaadha? Haalli isaa maal fakkaata?
Iyyaaspeed: Gaazexessitoonni hidhamuu isaanii ergan ba’ees, yeroon hidhamee jirus dhaga’eera. Bakka ani itti hidhame gaazexeessaa AP kan ture Amiir fi ogeessa kaameraa Tomaas Ingidaa jiru ture. AHanga ammaa hidhaarra jiru.
Akkuma beekamu gaazexeessummaan bu’aa ba’ii hedduu kan qabuufi miidhaa akka namarraan gahuu danda’u beekanii kan hojjetanidha. Isaanis hojoo gaazexeessummaa sana ture kan hojjechaa turan. Tarii qama mootummaan hin jaallanne dubbisanii ta’uu danda’a.
Kun garuu akka gaazexeessummaatti akka yakkaatti ilaalama jedhee hin yaadu. Yakkadha yoo jedhames mana murtiitti dhiyaachuuf mirga qabaachuu qabu. Hanga gaafa ani bahuutti garuu mana murtiitti hin dhiyaanne.
Kanaaf, mootummaan gaazexeessitoota hafan hunda hiikuu qaba. Carraan nu qaqqabe isaanis akka qaqqabu ‘adaraan’ jedha.
BBC: Namoonni siyaasaa hidhaarra turan akka bahaniif duula taasifaman qindeessaa akka turte ni beekama. Namoonni kun yeroo hidhamtetti bahan. Oduu kana akkamiin dhageesse, miirri isaa akkam ture?
Iyyaaspeed: Dhugaadha wagga tokko ol duulawwaniifi sochiiwwan taasisaa turreerra. Mootummaan tarkaanfii akkasii kana fudhachuuti dhufuun isaa kan nama gammachiisudha.
Hiikamanii bulee isaa ture kan dhageenye. Namoonni hedduun akkuma ofii isaa hiikameetti ilaale ture. Anilleen baayyeen gammade. Akka waanan ofiikoo hiikameetti natti dhaga’ame. Isaan keessaa tokko tokko ejjennoo siyaasan olittiyyu namoota na jaallatan, jaalladhu waan ta’aniif gammadeera.
Walumaa galatti garuu wantota lama kaasuun narra jira. Tokkoffaan, akkuma yeroo dheeraadhaa jechaa turretti warri hidhaman hiikamanii wanti hundumtuu gara taa’anii waliin mariyachuutti dhufuu qaba kan jedhu, garaa garummaan siyaasaa waliin taa’anii mariyachuutiin furamuu qaba kan jedhu ani akka dhuunfaakootti, miidiyaa keenyaanis wanta jechaa turredha. Mootummaan tarkaanfii fudhachuu jalqabuun isaa gochaa jajjabeeffamudha.
Haata’u malee, ammallee hidhamtoonni hedduun jiru. Bakka ani itti hidhamee turettiyyu gaazexeessitoota dabalatee namoonni baayyeen jiru. Manneen hidhaa gara garaa keessa aanga’oota siyaasaa gara garaatu jiru. Tarkaanfichi kan adda ciccite ta’uu osoo ta’uu baatee gaariidha. Kana ta’uu baannaan, qabxii siyaasaa murtaa’e argachuuf kan taasifamu hadhaba keessa turreti akka hin deebinen jedha. Wantichi tittiifuu osoo hin taane hundaaf roobuu qaba.
Hidhaatii yeroon bahutti wantonni hedduun jijjiiramanii na eegan. Tokko dhimma marii biyyaalessaati. Kun wanta gaariidha. Haata’u malee, Itoophiyaa keessatti wantota hedduu yaalleerra. Yaaluudhaaf jecha qofa kan taasifnu yoo ta’e wanta argachuu qabnu akka hin dhabne yaaddoon qaba.
Fakkeenyaaf, filannoon gaggeeffameera. Callisaan gochuuf qofa taasisuufi karaa sirrii ta’een gochuun addaa addadha. Carricha akka hin balleessine sodaan qaba. Waliigaltee biyyaalessaa uumuudhaaf mariin taasifamu dhimma yaalamee hin beeknedha. Yaaluun erga hin oollee sirriitti qoratameefi itti yaadamee qama hunda kan hirmaachisu yoo hin taane biyya keenya akka carraan ishee darbu taasisaa jirra jedheen yaada.
Jalqaba irraa kaasee filannoo komishinarootaa, hirmaattota filachuu, akkasumas saganticha qopheessuu irratti yaadawwan gara garaa kan hirmaachise ta’uu qaba. Hojjetanii xummuranii booda “kattaa kan ani bukeessa tolchaa” ta’uu hin qabu.
BBC: Akka nama siyaasa Itoophiyaa hordofuutti waraana gaggeeffamaa jiru ilaalchisee jijjiiramawwan jiran aalatee haalonni siyaasaa amma jiran walumaa galatti bu’aa akkamii qabatee kan dhufu sitti fakkaata?
Iyyaaspeed: Mana hidhaa waanan tureef dhimmicharratti xiinxala hin bilchaatiiniifi kan gitu akkan hin kennineef waanan sodaadhuuf wanta tokko qofaa yaa jedhu.
Waraan ilaalchisee Fulbaana tokko irratti maaltu ta’uu mala jennee tilmaamawwan keenyee turre. Tilmaamawwan keenye keessaa tokko yeroo turaa deemanitti qaamoleen hunda biratti nuffiifi dadhabuun nu dhufa jennee turre. Waraanni dinagdeefi lubbuu namaa kan nyaatu wanta dadhabsiisaadha jennee turre.
Qaamoleen yeroo dahaban mariidhaaf ni taa’u kan jedhu tilmaama kenninee ture. Amma gara dadhabuu sanatti deemaa jiru natti fakkaata.
Qaamoleen lamaanuu carraa kana akka yeroo ittiin bitachuufi aara galfachuutti akka hin fuhanne, akkasumas sirnaan akka itti fayyadaman nan abdadha.
Wanta dhufe irratti qaamoleen gammachuu hin qabne akka jiran natti dhaga’ama.
Mancaatii qaqqabeefi gara fuula duraattis qaqqabuu kan malu sanarra tarkaanfiiwwan amma fudhatamanitu caala; jajjabeeffamuus qabu jedheen yaada. Haalduree jalqabame irratti xiyyeeffannoon taasifamuun wanta gaarii natti fakkaata.