Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeeyyiin miidiyaa mana hidhaa jiran himannaa ''qaama bilisa baasuu'' dhiyeessan
Gaazexessitoonnii fi hojjattoonni miidiyaa erga to'annoo jala oolfamanii guyyoota 20 lakkoofsiisan mana murtii sadarkaa federaalaa Dhaddacha hariiroo hawaasaatti iyyata qaama bilisa baasuu (habeas corpus) dhiyeeffatan.
Iyyaticha hordofees manni murtichaa waraqaan ajajaa pooliisii federaalaatiif akka gahuuf erguu abukaatoon himatamtootaa himan.
Abukaatoon himatamtootaa Obbo Taaddala Gabra Madihiin BBCtti akka himanitti, poolisiin federaalaa waraqaa ajajaa fudhachuuf hayyamamaa waan hintaaneef osoo hinkennin deebi'aniiru.
''Hojjattoonni mana galmee erga bilbilaan waliin haasa'aniin booda akka baanuuf nutti himan,'' jedhan Obbo Taaddalaan.
Dhimmicharratti kan gaafataman Ittigaafatamaan Sabaa Himaa Poolisii Federaalaa Obbo Jayilaan Abdii dhimmicharratti ragaa hinqabu jedhaniiru.
Iyyanni dhaddacha hariiroo hawaasaatiif dhiyaate kunis gaazexeessaa Yaayyeesawu Shimallisiin alatti, iyyattoonni 13 ALI Waxabajjii 23 hanga 25, 2013tti mana hidhaa waajjira qorannoo yakkaa poolisii federaalaa tursiifamuusaanii ibseera.
Waxabajjii 25n booda maatii hidhamtoota gaafachuu dhaqaniin odeeffannoon 'gadhiifamaniiru' jedhu akka kennameefi garuu hanga ammaatti mana murtiitti akka hindhiyaannee iyyannichi mul'iseera.
Kanaan alattis Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haala isaan keessatti argaman daawwachuuf yaalii taasisulleen hayyama akka hinargannee fi maatiinis eessa akka jiran akka hin beekne mana murtichaatti beeksiisaniiru.
Iyyannichis ''gochi kun kan nageenya qaamaa heeraan kennamee fi mirgra bilisummaa kan sarbuudha,''jechuun murteewwan lama gaafateera.
"Iyyattoonni karaa itti waamamaatiin eessatti akka geeffamuun hidhaman qaama walabaa kan ta'e Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin qulqullaa'ee akka dhiyaatu,'' jechuun gaaffii jalqabaa dhiyeesseera.
Inni lammaaffaa ammoo ''Ajaja mana murtii malee sa'aatii 48 oliif hidhamanii waan tursiifamaniif bilisummaan qaamaa akka kabajamuuf nuuf haa ajajamuu'' kan jedhuudha.
Himannaan qaama bilisa baasuu namni tokko to'annoo seeraa jala erga oolfameen booda sa'aatii ta'u qabuutti mana murtiitti kan hindhiyeeffamin ture yoo ta'e, abbichaan, abukaatoo isaatiin ykn karaa bakka bu'aa seeraatiin nageenyi qaamasaa eegamuun bilisa akka bahuuf mana murtiitti sirna iyyannoo itti dhiyeeffatudhu.
Manni mutichaas har'a waaree booda galmecha ni ilaala jedhameetu eegama.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haalli qabiinsa gaazexeessitootaa fi hojjattoota Itiyoo-Foramiifi Awuloo Miidiyaa kan adeemsa seeraa hordofe akka ta'uuf beeksisuun isaan ni yaadatama.