Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaa Kaabaa ji'a kana keessa maaliif misaa'eloota hedduu furguggiftee?
Kooriyaan Kaabaa qorqara bishaan Jappaanitti balaastik misaa'ela fageenya gabaaboo furgugaaste. Kun yaalii agarsiifannaa kanaan dura hin baramiin dhiyeenya raawwatamedha.
Misaa'eloonni kunneen buufata xiyyaaraa Piyoongiyaangitti dhiyoo argamu tokkorraa Wixata dhukaafamuu humni Kooriyaa Kibbaa himeera.
Jaappaanis yaalii misaa'elaa jedhame kana gaggeeffamuu isaa mirkaneessiteetti.
Kun torbana lama keessatti misaa'ela Kooriyaan Kaabaa furgugaaste afuraffaadha.
UN ammoo Kooriyaa Kaabaa balaastikiifi meeshaalee waraanaa Nukilaraa akka hin yaalle kan dhorke yoo ta'u qoqqobbii cimaas irra kaa'eera.
Haata'u malee, biyyattiin Baha Eeshiyaa kun irra deddeebiin dhorkaa irra kaa'ame cabsaa kan jirtu yoo ta'u gaggeessaan biyyattii Kiim Joong -un humna ittisa biyya isaa cimsachuuf dhadateera.
Jimaatarra, balaastik misaa'ela fageenya gabaabaa baabura konkolaaturraa dhukaasuu kan himte yoo ta'u, isa dura guyyaa tokko ammoo misaa'elawwan haypparsoonik jedhe lama yaaliif dhukaasuus ibsiteetti biyyattiin.
Haypparsooniik misaa'el kun adda baasuuf rakkisaadha jedhama.
Kooriyaan Kaabaa maaliif amma misaa'ela furguggiftee?
Yaaliiwwan irra deddeebiin daddafee taasifamuun kuniifi ji'a Amajjii keessa ta'uun isaa waan hin baratamnedha. Kooriyaan Kaabaa misaa'ela kan dhukaaftu qophiiwwan siyaasaa barbaachisoo yeroo kabajattutti ykn shaakalawwan loltummaa waloo US-Kooriyaa Kibbaa waliin taasisaniif akka mallattoo dallansuu irraa qabdu agarsiifachuufidha.
Kooriyaan Kibbaa yeroo baayyee meeshaalee waraanaa kan dhukaastu humna misaa'elaa ishee gabbifachuufi yeroo hunda qophii ta'uuf yoo ta'u, yaaliiwwan dhiyeenya kana keessa taasifamaa jiranis kanuma kana mirkaneessan fakkaatu, jedha dhaabbata Carnegie Endowment for International Peace jedhamutti ogeessa kan ta'an Ankiit Pandaa.
Kana malees, "Kiim Joong-un dhimma keessoo biyyattiis ilaalcha keessa galchuun kana ni taasisu: Yeroo rakkoon dinagdee mul'achaa jirutti, misaa'elawwan dhukaasuun kun dhimmi ittisa biyyaa ammallee dursi kennamuuniif hin dhaabbanne," akka ta'e agarsiisa jechuun BBCtti hime Mr Pandaan.
Kooriyaan Kaabaa yeroo ammaa kanatti rakkoo kufaatii dinagdee hamaa keessatti argamti. Kun ammoo sabababa weerara Covidi ittisuuf jedhuun sochii daldala alaa Chaayinaa waliin qabdi ture uggurteefidha.
Chaayinaan siyaasaafi dinagdee Kooriyaa Kaabaa adda-durummaan biyya deeggartudha.
Mr Kiim dhiyeenyuma kana biyyattiin rakkoon hamaa 'wallaansoo jiraachuufi jiraachuu dhabuu keessa' akka jirtu kan amane yoo ta'u, misaa'eloota haypparsoonikii dabalatee humna waraanaa biyyattiis akka cimsatan dhaadateera.
Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa nukilaraa akka dhaabduuf mariin US waliin tures erga pirezidaantiin US Joo Baayidan gara aangootti dhufee dhaabbateera.
Bulchiisni Baayidanis torban darbe keessa qoqqobbiiwwan isaa jalqabaa Kooriyaa Kaabaarra kaa'eera. Qoqqobiin kun ammoo deebii yaaliiwwan jalqaba ji'a kanarratti Kooriyaan Kaabaa taasifteefidha.
Kanaaf, dhukaasni Wixataa kun qoqqobiiwwan sanaaf "deebii cimaadha" akka ta'e agarsiisuuf jedhameera.
Yaaliiwwan kunneen sababii Chaayinaatiinii?
Dhuklaasawwan misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa kun Olompikiin Gannaa baayyee jaallatamaafi eegamu Chaayinaatti gaggeeffamu jalqabuun dura torbanoota durseeti. Olompikiin Gannaa Chaayinaatiif ergaafi faayidaa siyaasaa guddaa qabu kun Beejing keessatti Guraandhala 4 jalqabamuuf jira.
"Yeroo Beejing Olompika jalqabsiisuuf jettutti Kooriyaan Kaabaa karre ishee duratti [misaa'ela] akka yaaltu ni hayyamti jedhee hin yaadu," jedha xiinxalaa Kooriyaa Kaabaa Chad O'Carroll fuula Tiwiitara isaarratti.
"Kun yoo itti fufee gaggeeffame garuu, [Kooriyaan Kaabaa] waan ta'e tokko irratti Chaayinaa irratti dallanteetti jechuu dandeenya."