Doktorri lammiin ishee Kanaadaa dubartii xiyyaara gara Yugaandaatti balali'aa jirurratti ciniinsuun qabe deessiste

Madda suuraa, AISHA KHATIB
Doktorri lammummaan ishee Kanaadaa ta'e tokko dubartii xiyyaara gara Yugaandaatti balali'aa jirurratti ciniinsuun qabe deessiste.
Ogeettiin fayyaa Dr Ayishaa Kahatiib jedhamtu kun haadha yeroofi bakka hin eegamne kanatti ciniinsuun irra ba'e kana fkalchiisuun daa'imni 'ajaa'ibaa' nagaan akka dhalattu gargaaruu isheetiif guddoo akka gammadde ibsite.
Yunivarsitii Toroontootti piroofesara kan taate Dr Ayishaa Kahatiib, Xiyyaraa Qataar (Qatar Airways)n balalii Dohaa irraa gara Inteebee, Yugaandaatti eegaltee sa’aatii tokko booda kan muannoon gargaarsa ogummaashee barbaadu kun uumame.
Sawud Arabiyaa keessa kan hojjettu dubartiin lammiin Yugaandaa daa’imashee jalqabaa da’uuf akka ciniisifataa jirtu dhageesse.
Kun xiyyaara keessatti.
Daa’imni kun yeroon osoo hin ga'iin dursitee torban 35tti fayyaa guutun kan dhalatte yoo ta’u, maqaan ishee Mirakil Ayishaa jedhamteetti akka Dr Ayishaan himtutti.
Dr Ayishaa Kahatiib yeroo xiyyaricha irratti beeksisi hakiimni jiraa jedhu labsame deebii kennuu irraa duubatti hin jenne.
“Namootni hedduu dubartii kana marsaniin argae,” jechuun BBCtti himti. Yeroo kana dhibee hamaa akka dhibee onneetu uumamee laata jettee yaaddee turte.
“Yeroon itti dhiyaadhu dubartii gadi ciiftee luki ishee gara foddaatti garagalee jirtun arge. Daa’imni ishee ba’aa ture.”
Dr Ayshaa Kahatiib imaltoota lama biroo – narsiifi oggeessa fayyaa daa’immanii MSF- irraa gargaarsa argatteetti.
Daa’imni kun ‘garmalee” boo’aa turte.
Xiqqoo ilaalteenii booda, oggeessi fayyaa daa’immanii achi ture, daa’ima kana gaaritti akka ilaaluuf itti kennite.
“Daa’ima kana yeroon ilaalu haalli ishee gaarii ture, harmee kanas ilaalee fayyaa turte,” jetti Dr Ayishaan.
“Sana booda, ‘baga gammadde durbadhan’ jedheeni. Imaltoonni xiyyaarrichaa hundi yeroo harka walitti rukutan ‘aah edaa xiyyararra jirra, namni hundi nu ilaalaa ture’ jedheen yaade.”
“Taatee kana irratti kan hedduu namatti tolu, harmeen kun daa’imasheef maqaakoo kennuuf murteessuu isheedha.”
Dr, Ayishaanis daa'ima deessistee maqaan Mirakil Ayishaa jedhamu kenname kanaaf faaya mormaa warqee maqaa Ayishaa jedhu afaan Arabaan irratti barreeffamee jiru ofirraa baastee kenniteef.

Madda suuraa, AISHA KHATIB
“Doktora wayita xiyyaarri Laga Naayil irra meetira kuma 10 ol fagaatee balali'aa jirutti ishee deessiste kana akka yaaddattuuf jedheen kennaa kana kenneef,”jette Dr. Ayishaan.
Kun kan uumame Muddee 5 irratti ta’us, Dr Ayishaa Kahatiib Kaanadaa Torontoo keessatti dhibamtoota Covid wal’aanuun ko’ommattee waan turteef reefuu torban kana suuraalee hojii qajeelummaashee kana kan maxxansite.
Muddee 18 irratti Yugaandaa- bakka hojjatoota leenjisaa turte- irraa deebite.
Yeroo gara manaatti deebitus, ammas balalii irratti waamichi haakima barbaanna jedhu biraan dhufe.
“Gaarummaan isaa haakimni biraa jira ture,” jetti Dr Ayishaan.
“Anis yeroos: Kun kan keeti. Ani torban lama dura da’umsa gargaareen ture. Yoon na barbaadde barchuma 25A irran jira ittiin jedhe.”
Odeeffannoo biroo kana waliin walfakkaatan isinitti toluu danda'an:
- Daa’imni reefuu dhalate qodaa kosii xiyyaaraa keessatti argame
- Dubartiin Sawudii irraa Finfinneetti imalaa turte xiyyaara keessatti lakkuu deesse
- Dubartiin Afgaan baqannaarra turte xiyyaara keessatti deesse
- Dubartiin xiyyaara keessatti Covid'n qabamuu barte sa'aa 5'f mana fincaanii keessatti adda of-baaste














