Hodaa Mutaanaa: Misoroonni IS gara Ameerikaa deebi'uuf ol iyyata dhiyeeffate fudhatama dhabe

Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa ol iyyata dubartiin lammii biyyattii garee Islaamik Isteet (IS) jedhamutti makamtee turte gara biyyaatti deebi'uuf dhiyeeffatte fudhatama dhabsiise.

Dubartiin Hodaa Mutaanaa jedhamtu tun kan guddattee Ameerikaa bulchiinsa Alaabaamaa kan Kibba Baha biyyattiitti argamu keessatti ture.

Garee IStti makamuuf gara Sooriyaa kan imalte ammoo bara 2014 keessa ture.

Mutaanaan wayita biyyaa baate sanatti qondaaltonni biyyattii lammii Ameerikaa akka hin qabaanne murteessuun paasiportii ishee haqanii ture.

Hodaanaan wayita ammaa kanatti dubartii umurii waggaa 27ti.

Abbaan ishee gara bara 2019 keessa murtee dhorkaa mana murtii Federaalaa intalli isaanii gara Ameerikaa akka hinseeneef kaa'ame irratti ol iyyannoo dhiyeessanii turan.

Haata'u malee, dhaddachi mana murtii waliigalaa guyyaa Roobii dhimmicharratti osoo yaada omaatuu hin kenniin ol iyyannoo abbaan ishee gaafatan kufiseera.

Intala dippilomaatii Yaman kan taatee Mutaanaan, kan dhalatte Ameerikaatti ta'ulleen haala seera federaalaa Ameerikaatti ijoollee dippilomaatotaa achitti dhalataniif battalatti lamummaan hin kennamuuf.

Abbaan ishee Ahimad Alii garuu himannaa isaanii irratti maatiisaaniif aangoon dippilomaatummaa kan kenname osoo intallisaanii Mutaanaan hin dhalatiin dura akka ta'eefi kun lammii biyyattii akka ishee taasisu himan.

Itti dabalunis Obbo Ahimad Mutaanaan kana dura Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaatiin beekkamtiin lammummaa kennameefiin bara 2004tti paasportii argattee jirti jedhan.

Hedduun dhimma Mutaanaa intala Yunaayiti Kingdamii keessatti dhalachuun IStti makamusheetiin lammummaan Inglizii irraa mulqame Shaamiimaa Beegam waliin wal madaalchisan.

Mutaanaan bara 2019tti ibsa CNNf kenniteen, Ameerikaa bahuun gara Sooriyaa wayita imaltu, ''muuxannoo omaa kan hin qabne, shamarree dheekkamtuufi of tuultu'' akka turte himte jirti.

Maallaqa imala isheetiif ta'u argachuuf osoo maatiinshee hin beekiin barnoota koolleejii ishee adda kutuun maallaqa kennameef gara Tarkii imaluuf tikeettii akka ittiin kutte miidiyaa Ameerikaatti himtee turte.

Mutaanaan wayita IS sana waliin turteettis miidiyaa hawaasaa irratti haleellaawwan shororkessummaa kan dinqisiifataa turte yoo ta'u, lammiilee Ameerikaa kaanis IStti akka makamaniif kakaasaa turte.

Barreeffama toora tiwiitarii isheerratti maxxansiteefi New York Times argateen, ''lammiilee Awustiraaliyaafi Ingiliizii baayyeen asi jiru. Garuu Amerikaanoonni eessa jirtu? Isin dabeeyyiin ka'aa!'' jettee turte.

Mutaakaan yeroo sanaa kaasee IStti makamuusheetiif baayyee gaabbuu ibsuun, barreeffamma garicha jajjabeessuuf miidiyaa hawaasaa isheerratti barreessiteef dhiifama gaaffattee jirti.

Ammaan tanas Mutaanaan nama wayita garee sana waliin jirtutti wal barte tokko irraa mucaa godhattee qabdi.

Abbaan daa'imaas du'eera. Isheenis amma eessa akka jirtu ifa miti.

Odeeffannoo biroo kana waliin deemaniif: