Hogganaan IS Sheek Koorasaanii ‘Afgaanistaanitti qabame’

Hogganaan IS damee Kibba Eezhiyaa fi Baha Fagoo Kaabuul keessatti qabamuusaa humni tikaa Afgaanistaan ibse.

Hoggaana Ziyaa ul-Haaq Sheek Omaar Koorasaanii jedhamuudhaan beekamu dursitoota buleeyyii garee milishaa lama walii qabame.

Afgaanistaan keessatti baay’innaan kan socho’u garee Taalibaan ta’us IS naannoolee muraasatti ni socho’a akkasumas Kaabul keessatti haleellaa boombii heddu raawwateera.

Qabamuunsaa yoo mirkanaa’e dubbii ijoo ta’a jedhu gaazexeessitoonni.

Namoonni lama isa waliin qabaman keessaa inni tokko dubbii himaa Saahibii fi hogganaa tikaa Abuu Aliidha.

Oppireeshinichi odeeffannoo nageenyaa fi tikaarratti hundaa’uudhaan hoggantoonni buleeyyii IS afur to’annaa jala eega oolfa boodha jedheera humni tikaa Afgaanistaan.

Humni tikaa Afgaanistaan akkas jedheera: “Dhaabbatichi hoggantoota garee shorarkeessitootaa naannichatti argaman adamsuu fi manxaggoo shorarkeessitootaa kukutuu itti fufa” jechuun Reuters gabaaseera.

Yeroo dhihoo asitti IS garee Musliimota Shiyaa, gareewwan xixiqqoo fi namoota heddurratti haleellaa boombii heddu raawwateera.

Akka gabaasa UN bara darbetti Sheek Omar Koorasaanii sababa gahuumsa gad aanaa mul’iseef ture kan bakka buufame ta’us garuu kun kan mirkanaa’e miti

To’annaa jala oolfamuun kunis walii galtee Taalibaanii fi Ameerikaan loltootasaanii baasuudhaaf ji’a Guraandhala keessa walii galanis waldhabdee biyyattiitti taasifamaa jiru dhaabbachuu dhabuusaatiini.