Dubartii ogummaa hojii kan dhiiraa qofa jedhamu shamarran leenjisuun milkoofte

Madda suuraa, NANA
Aadde Faaxumaa Adaamaa jedhamu. Lammii Naayijeeriyaa yoo taatu, hawaasa baayyee aadaa cimsee leellisu ummata Sokotoo keessaatti shamarraniifi dubartoota ogummaa makaanikaa kan akka hojii dhiira qofa ta'eetti ilaalamu leenjisuun carraa hojii umaaf jirti.
Aadde Faaxumaan hundeessituu dhaabbata bu'aaf hin dhaabbannee Nana jedhamuuti.
Dhaabbanni isaanii kun kaayyoon isaa shamarraniifi dubartoota aangessuu irratti kan hojjatu yoo ta'u, haaluma kanaan bakka leenjii ogummaa makaanikummaa shamarranii banuun hojjechaa jiru.
Leenjii hanaga ammaatti kennameenis shamarraniifi dubartoonni lakkoofsaan gara 25 ta'an kan umuriin isaanii waggaa 18 fi isaan olii leenjii waggaa lamaa akka argatan taasisaniiru Aadde Faaxumaan.
Shamarranis carraa hojii kana dura dubartootaan yaalamee hin beekamneefi dirree hojii dhiiroota qofaan akka waan hojjatamuutti hawaasichaan fudhatame kanaan leenji'uuf maatii isaan amansiisuuf yeroo cimaa keessa darban jedhu.
Aadde Faaxumaan BBC Newsday'tti akka himaniitti, shamarran barachuuf fedhii qabu. Kanaanis, ilaalcha hojiin makaanikummaa kan dhiiraa qofa jedhu dhara ta'uu isaa mirkaneessaniiru jedhan.
''Gochaan ani raawwadhees shamarran aangeessuu yoo ta'u, kanas kanan itti boonuudha,'' jedhan.
"Amma kunoo maallaqa ittiin argataa jiru. Inniis kan nama jajjabeessuudha," jedhan.
Aadde Faaxumaan sagantaa leenjiichaa kennuuf dhaabuuf karoora qabaatanilleen garuu shamarran hedduun yeroo leenjii ittaanuuf galmaa'uuf dhiyaataa jiran jedhan.
Milkaa'inni shamarran jalqaba leenjii'an hawaasni akka dubartoonnis hojii ogummaa makaanikummaa kana hojjachuu ni danda'u jedhee fudhatuuf akka gargaare abdatu.


















