Namichi Laayibeeriyaa ilma isaa ganna 10 gurguruuf yaale to’annoo jala oole

Maallaqa Laayibeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Laayibeeriyaatti poolisiin nama ganna 29 ilmasaa waggaa 10 gurguruuf yaale to'annoo jala oolchuun himateera.

Namichi ilmasaa kan gurguruu barbaades doqdoqqee hatame bakka buusuuf qarshii argachuuf jecha ture.

Erga to’annoo jala ooleen boodas poolisii magaalaa guddoo biyyattii Monorooviyaa jiruuf doqdoqqeen hiriyyaasaa manasaatii hatame kan doolaara 1000 baasu akka tahe dubbateera

Qarshii kana salphaatti argachuuf filannoon qabu tokko qofa, innis biyya ollaa Laayibeeriyaa deemuun nama ilmasaa bitu barbaaduu ture jedheera.

Namoonni naannoosaas sana gochuuf gara naannoo daangaa deemu akka qabu itti himuu isaanii dubbateera.

Dhimmi gurgurtaa ilmasaa kunis daldaalaadhaan mijeeffamaa ture. Mariin yeroo taasifamaa turettis akka hin qabamneef jecha gurbaa gurgurtaaf dhiyaachaa ture handaaqqoo jedhaniitu waamaa turan.

Haa tahu malee gidduutti poolisiin odeeffannoo argatee abbaa yeroo to’annoo jala oolchu, inni bitu immoo mucaa fudhachuuf gara magaalaa Monorooviyaan ala jirtuttii dhufaa ture.

Akka maddi oduu onlaayinii Laayibeeriyaa Global News Network gabaasetti, mucaan yeroo ammaa eegumsa ministeera koorniyaa jala jira.

Lixa Afrikaatti daddabarsi namootaa dhimma guddaa dha.

Ijoolleen gabrummaa ammayyaaf gurguraman maatii isaanii akka argatan hin eeyyamamuufi yeroo baayyee hojii humnaa yookaan mana keessaa akka hojjetan godhamu.

line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Daa'imman gabaa gurraacha Naayiroobiitti gurguraman