Konkolaachisaa hidhaan waggaa 110 itti murtaa'e waggaan 100 hir’ifameef

Ameerikaa kutaa bulchiinsa Koloraadoo keessatti konkolaachisaa konkolaataa fe’iisaatiin balaa qaqqabisee lubbuu namoota afur galaafate manni murtii hidhaa ganna 110n adabee ture.

Murtoon konkolaachisaa kanarratti dabarfame dheekkamsa hawaasaa hammeessuu hordofee adabbiin hidhaan isaarratti darbee ture waggaa 110 irraa gara waggaa 10tti hir’ateef.

Rojel Aguyileeraa- Mederos, Ameerikaa kutaa bulchiinsa Koloraadoo keessatti bara 2019 ture konkolaataa fe’iisaatiin balaa qaqqabsiise.

Konkolaachisaan sun dhaddacha mana murtiirratti wayita dhiyaatetti balleessa 27tu irratti lakkaa’ame.

Sana booda abbaan murtii ‘seerri kutaa bulchiinsa Koloraadoo hidhaa waggaa dheeraatiin akka adabuu na dirqisiisa’ jechuun adabbii sana irratti murtesse.

Haata’u malee, Kamisa darbe bulchaan Bulchiinsa Koloraadoo Jaared Poolis murtee ’’sirrii hin taane’’ jechuun waggaa hidhaa irratti murtaa'e hir’iseef.

Rojel Aguyileeraa, konkolaachisaa gudeelcha tulluu dhagaan itti heddummatu jala geejjibaa wayita turetti Ebla bara 2019 lubbuu namoota kanneenii kan galaafate.

Konkolaataan fe’iisaa sun tabbarraa gara konkolaattota dhaabbatanitti gadi konkolaate, ibidda kaasuun muddama magaalaa Leekwuud jedhamtutti hammeessee ture.

Namoonni afur -Istaanliy Politanoo kan ganna 69, Wiliyaam Bayiliiy kan ganna 67, Doylii Harrisan kan ganna 61, fi Miguyel Anjil Lamas Arellanoo kan ganna 24 ta'anitu balaa sanaan du'e.

Konkolaachisaan kunis baqataa lammii Kuubaa yoo ta’u, luugamni (brakes) konkolaatichaa ajajamuuf diduu himeera.

To’achuu wayita dadhabuuttillee konkolaattota biraatti akka hin buune yaalaa turuu qondaaltoota biyyattiitti hime.

Haata’u malee abbootiin alangaa namtichi umurii ganna 26 kun akka luugamni konkolaata isaa hin hojjanne dursee ni beeka ture jechuun falman.

Abbootiin alangaa garuu balaan akka hin qaqabne gochu ni danda'a ture jechuun falma.

Abbaan murtii Biruus Joonsi mana murtiitti wayita himan- akka seera Koloraadootti balleessa irratti mirkanaa’e hundaaf adabbii ka’uumsa irratti hundaa'u qaba jedhan.

Abbaa Murtii akkas jedhe: ’’Yoon dandeettii bilisaan murteessaa qabaadhee, addabbiin murtaa'ee jecha kiyya miti,'' jedhe murtoo sana booda.

Namoota bebbekamoo TV irratti agarsiisa garaa garaa dhiyeessan dabalatee walumatti namoonni miliyoona shanii ol ta'an hidhaan Aguyileeraa-Mederos akka hir’atuuf sagalee walitti qabameerratti mallatteessaniiru.

Konkolaachistoonni konkolaattoota fe’iisaa miidiyaalee hawaasaarratti murtoo kanaaf jecha Koloraadoo akka lagatan beeksisaani turan.

Bulchaan Koloraadoo Aab Poolis, dhiifama gochuu, adababbii hir’isuufi adabbiicha gara maallaqaatti jijjiiruuf mirga heeraan kennameef qabu.

Bulchaan kun xalayaa gara Aguyileeraa-Mederosiif barreessan keessatti balaa konkolaataa sana ’’gaddisisaadha’’ erga jedhanii booda ’’Itti yaadame kan raawwatame miti,’’ jechuun barressan.

Itti dabaluun ’’Murtoo haqa maleessa ta'e kana saffisaan geeddaruun waan barbaachiseef haqa dhabdummaa geeddaruun amantii murtoo haqa irratti jiru fi sirna haqaa keenya keessatti fiduun waan barbaachiseef ta’uu himan.

‘’Jireenya kee hafeerratti dhiibbaa ta’iin sun fide waliin qabsaa’uf jirta, garuu waan tokko hin dangatii; namoonni lakkoofsi isaanii sirnaan hin beekamne fira isaanii du’aniifi mada’aan dhabuu isaanii waliin qabsoo keessa jiru,’’ jedhan.

Aguyileeraa-Mederos ganna shanan dhufan booda dhiifamaan akka gadhiifamuuf iyyaata galfachuu ni danda’a.

Murtoo bulchaa Koloraadoo kana garuu namoonni hundi gammadanii hin simanne.

Abbaan Alangaa bulchiinsa naannichaa Aleliksis Kingi gamasaaniin, murtoo Bulchaan Koloraadooo kanatti mufachuu fi ‘’osoo yeroon isaa hin qaqqabiin murtoo hin mallee dabarsanii’’ jette.