Naamibiyaa - Biyya Afriikaa omisha anniisaa haayidiroojiiniin beekamuuf hojjattu

Madda suuraa, Getty Images
"Amma kunoo dhumarratti maappii gubbaarratti argamna,'' jedhan Filiipp Baalhoowaa, waa'ee magaalaa kibba Naambiyaa qarqara galaanaa oongeen hamaan mudatee Lüdaritiiz ilaalchisuun.
Magaalaan qarqara galaanaa tunis duraan daldala almaaziifi qurxummiitiin galii olaanaa argataa kan turte yoo ta'u, amma garuu hojii dhabdummaafi dulluma buu'uuraalee misoomaarraan kan ka'e rakkoo keessatti argamti.
Ta'us amma pirojaktiin haayidiroojiinii magariisaa warraaqsa sadaffaa jedhame abdiin olaanaan itti kennameera.
Miseensi mana maree magaalattii Filiip Baalhoowaa pirojaktiin kun jiraattoota magaalattiif carraa hojii akka uumuuf abdii qabaachuu himu.
Pirojaktiichii guutummaan kan milkaa'u yoo ta'e, lakkoofsi namoota hoji-dhabeeyyii magaalattii parsantaa 55n ni hir'ata jedhan.
''Magaalaa waggoota 15n darbaniif damee diinagdeetiin rakkina keessa turteef pirojaktiiwwan akkasii kun jiraattoota biratti kaka'umsaafi abdii olaanaa kan uumuudha'' jedhan.
Pirojaktiin haayidiroojinii magariisaa kunis eddoo dhiheenya magaalatiitti argamuutti kan eegalamuuf karoorfame yoo ta'u, waggaa waggaan haayidirojinii tonii kuma 300 ni omisha jedhamee eegama.
Kaayyoon pirojaktiichaas anniisaa aduufi qilleensaatti fayyadamuun bishaan soogidda irraa qulqullaa'ee keessaa molokiloota haayidirojiin adda baasuudha.
Haayidirojiiniin haala akkasiin walitti qabamuus walitti fufiinsaan madda aaniisaa ta'uu akka danda'u himama.
Dhaabbanni pirojaktiicha eegaluuf caalbaasii mo'ate Hyphen Hydrogen Energy qophiisaa xumuuruun bara 2026tti hayidirojiinii omishuu kan eegalu yoo ta'u, waggoota 40 dhufaniif hojiicha keessa akka turu eegama.
Dhaabbatichis ijaarsi pirojaktiichaa hanga waggaa afur fudhachu akka danda'u fi namoota kuma 15 kallattiin carraa hojii akka uumuu himeera.
Pirojaktiichi guutummaan hojii wayita eegaluutti ammoo dabalataan namoota kuma sadiif carraa hojii akka uumu eegama.
Carraa hojii kana keessaas kanneen parsanataa 90 jiraattoota naannichaa ta'us jedhameera.

Madda suuraa, Getty Images
Jeemsi Miinyuupe gorsaa damee diinagdee biyyattiifi Komishinara haayidiroojinii yoo ta'an, Magaalaan Loodariitiz teessuummaa pirojaktii akkasiitiif mijatu qabdi.
Magaalattiin galaanaatti dhiyaachushee, aduun argamuu fi naannichi qilleensa qabaachuunsaa eddicha pirojaktiichaaf filatamaa taasisa.
Kana malees magaalaa qarqara galaanaa tun tajaajiila buufata galaanaa kennuunshee barbaachisuummaa gara biraati.
Gorsaan kun akka jedhaniitti, pirojaktiin kun qaama karoora pirojaktoota pirezidaantii biyyatiin qabamii tokkoodha.

Madda suuraa, Getty Images
"Pirezidaantichi diinagdeen naannichaa akka dadamaquufi sadarkaa idil-addunyaatti barbaadamtu akka taatuuf damee walitti fufiinsa qabu ijaaruu karoora qabu,'' jedhan.
Galiin pirojaktii Haayidiroojiin irraa argamu ammoo qonnaa, loojistikii fi dhiheesittii annisaa deegaruuf gummaacha olaanaa akka qabaatu himame.
Kana maleess annisaan haayidiroojiinii kunis tajaajila babuuraatiif hojiirra waan ooluuf gara biyyoota olaatti erguufiif yaadameera.
Akkasumas fedhii dhiyeessitii ibsaa biyyaa keessaa guutuuf illeen gahee olaanaa qabaata jedhameera.
Kana malees ammantaa anniisaa cilee Afriikaan Kibbaa alaa galchitu baayyee xiqqeessa jedhameera.
Sochii Naambiyaan gama kanaan taasiftuuf deeggarsa walitti qabachuufis Jarmanii, Beeljiiyeem fi Neezarlaandii waliin waliigalte mallatteessaniiru.
Waliigalattis pirojaktiin kun doolara biiliyoona 9.4 akka barbaachisu ibsameera.
Bara 2020tti oomishi Naamibiyaa kan waliigalaa doolaara biiliyoona 10.7 ta'utu himame.















