Baankiin Islaamaa dhalarraa bilisa tahe akkamiin bu'aa argata?

Baankii Hijiraa/Baankii Zamzam

Madda suuraa, Hijra Bank/Zamzam Bank

Baankiin Islaamaa dhala irraa bilisa tahe seera Shari’aa bu’uura godhachuun hojjetu qarshii kennan caalaa buufatanii fudhachuu ni morma.

Kun seera baankichaan qofa osoo hin taane Quraannis waan dhorkuuf irra jireessaan hordoftoota amantii Islaamaa tajaajila. Tahus namoota amantii kana hin hordofneefis banaadha.

Faallaa kanaan baankiin inni idilee namoota herreega qusannaa banataniif dhala yoo kennu, kanneen qarshii liqeeffatan irraa immoo dhala fudhata.

Kunis madda galii ijoo baankota idileeti.

Baankoti tajaajila dhala irraa bilisa tahe kennan akkamiin bu’aa qabeessa tahu?

Pireezidantiin itti aanaa Baankii Hijraa baatii sadiin dura hojii jalqabee, Mubaarak Shamooloo, akkasumas daariktarri dhimma daldalaa fi kalaqaa baankii dhalarraa bilisaa isa duraa- Baankii Zamzam, Kadir Abbaas malootni baankii dhalarraa bilisa tahe bu’aa qabeessa taasisan jiru jedhan.

Baankiin dhala irraa bilisa tahe barsiisa amantii Islaamaa bu’uura godhachuun socho’us kaayyoo bu’aa buufachuu garuu qaba. Sirni hojii baankii kanaa hundi bu’aa fi kaasaaraa qooddachuu baankichaa fi maamila gidduu jiru irratti hundaa’a.

‘’Maamilootni gara keenya yeroo dhufan bu’aa ykn kasaaraan akka jiraatu murteessaniitu dhufu jechuu dha,’’ kan jedhu Mubaarak, ‘’qarshiin maamilootni keewwatan daldaloota baankichaan eeyyama qaban irratti faayinaanis gochuun bu’aa yoo argateef, maamila waliin bu’aa qooddata, yoo kasaares akkasuma kasaaraa qooddata,’’ jechuun ibsa.

Kunis sirna garagaraa baankichaan kan hojiirra oolu yoo tahu, hojimaatni maamilootni bu’aas, kasaaraas otoo hin qooddatiin qarshii isaanii amaanaadhaan keewwatanis jira.

Sirni hojii baankichaa hojimaata maamilootni miya yookiin tajaajila bitanii dhiyeessuu, abbootii qabeenyaa waliin inveest hamma gochuu gahuu danda’a.

Gurgurtaa irraa madda maallaqaa...

Baankiin dhalarraa bilisa tahe sirna liqaa ‘Waliigaltee gurgurtaa faayinaans gochuu,’ jedhamuun liqeeffataan qabeenya barbaadu bitee dhiyeessa.

Hogganooti baankiiwwan kanaa seera Shari’aatiin dhalli dhorkaa tahus, daldalanii bu’aa argachuun garuu eeyyamamaa tahuu eeruun, baankichi fedhii maamilootaa bu’uura godhachuun ykn qabeenya kana dura biterraa hojmaata maamilootni duubee itti fudhatan tahus dubbataniiru.

Qabeenya bitame baankichi maamilaaf yeroo dhiyeessu akkuma daldala biraa irraa buufateeti.

Kunis mala garagaraan dhiyaachuu danda’a, fakkeenyaaf tajaajilli ‘Muraabihaa’ jedhamu maamilli tajaajila ykn oomisha gatii baankichi ittiin biteefi irraa buufatu ifatti beeksise sirna ittiin dhiyeessudha.

Tajaajilli ykn qabeenyi bitame maqaa baankichaan tahee bu’aansaa gatii yeroo sanatti qabuun kan herregamu taha.

Tajaajilli kuni baankii Islaamaa keessatti harka 50 hanga 60 kan fudhatu yoo tahu kunis qabeenya kanneen akka konkolaataa fi mana kan of keessaa qabatu taha.

Akka Mubaarak ibsutti,’’baankonni akkuma daldalaa tokkoo gabaatti bahanii gurgurtaa daddabarsuu jechuu dha.’’

Gama biraan tajaajilli ‘Baaysalaam’ jedhamu immoo hojii qonnaaf kan dhiyaatu yoo tahu, baankiin dhalarraa bilisa tahe qonnaan bultootaaf qarshii dhiyeessuun bu’aa ykn kasaaraa kan ittin qooddatu dha. Biyyoota kaanitti immoo hojiiwwan oomishaaf qarshiin tajaajiluma kanaan dhiyaata.

Tajaajilli ‘Istisnaa’ jedhamu ammoo daldala yeroo keessa fooyya’aa adeemuf faayinaansii dhiyaatu yoo tahu, hojiiwwan ijaarsa gamoowwanii ofkeessatti qabata.

Fakkeenyaaf namni gamoo ijaaruu barbaadu tokko yeroo liqaa barbaadu karoora guutuu gamoo yaadamee dhiyeessuun baankichi yoo itti amane caal-baasiidhaan ijaarsisaafi. Ijaarsaan booda baankichi bu’aa irraa buufateeti deebisee maamila sanaaf gurguraa jechuudha.

Shariikaafi faayinaansii

Sirni kuni ammoo maamilootni yaadota daldalaa qabaniif qarshii dhiyeessuun gara hojiitti kan geeddaru yoo tahu, baankichi qooda ykn waliigaltee bu’aafi kasaaraa kan ittiin qooddatu dha.

Hojmaata kanaan investimaniiwwan irratti hoggansa waloo kennuu danda’u. Gama kanaan ‘Mudaaraabaah’ kaasuu dandeeya.

Mudaaraabaah sirna faayinaansii baankii dhalarraa bilisaa yoo tahu, maamilli kaappitaal qabu qooduun baankii wajjin haala itti invast godhu dha, yeroo keessa baankichi qooda bu’aa daldalarraa argatu hambifachuu danda’a.

Kana malees baankiin Islaamaa tajaajila ykn oomisha garagaraa kireessuun daldala idila addunyaa bobbaasuun ykn kara biraan galii argachuu danda’a.

Baankoti sirna kana jala jiran qarshii fudhatanii tajaajila ykn gurgurtaa tokko malee ‘’qarshii irratti qarshii dabaluu’ akkasumas ajaja Quraanaan hojjechaa jiraachuu isaanii mirkaneessuu qabu.

Baankiin dhalarraa bilisaa kanneen ‘liqaa’ deebisuu hin dandeenye hin adabu. Namni liqeefatee sababa garaagaraan deebisuu yoo dadhabe ‘’adabbii waan jedhamu hin beeku Shari’aan,’’ jedha Mubaarak.

‘’Kuni ajaja Uumaati. Liqaa kennitaniif namoota hin dhiphisiinaa waan jedhu jira. Yoo dandeessan inumaayyuu dhiisaafi jedha. Kanaaf adabbiin hin jiru,’’ jedhu.

Tahus ‘haqummaa’ yaada jedhuun dhaabota Islaamaa addunyaan qabinsa herregaa fi jaarmiyaa oditiin, fedhii nama qarshii fudhateen adabbiin parsantaa 3 seeraan kaa’ameera. Qarshiin adabbiirraa argame immoo galii baankichaa otoo hin taane dhaabota gargaarsaaf kan kennamu taha.

Baankii dhalarraa bilisaa Itoophiyaatti

Itoophiyaatti tajaajilli faayinaansii dhalarraa bilisa tahe waggoota saddeetiin dura jalqabus, baankiin dhalarraa bilisa tahe garuu kan jalqabe ji’ootaan dura dha.

Itoophiyaatti tajaajila akkanaa kennuuf seerri dandeessisu otoo hin jiraatiin hafuun, Baankiin Zamzam waggaa 13 dura hundeeffamuuf yaada dhiyeessus, bu’aa bahii baayyee keessa akka darbu taheera.

Kunis sirna faayinaansii hunda hammataa tahe irratti kan gaaffii kaase ture.

Tahus bara 2011 A.L.I MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee aksiyooniin baankiiwwan dhalarraa bilisaa gurguramuu kan jalqaban yoo tahu ji’ootaan duras hojii jalqabaniiru.

Baankiin Zamzam hojii jalqabee ji’oota afur keessatti maamiloota kuma 30 fi dameewwan 15 akka horate ibseera.

Baankiin Hijiraas ji’a sadii keessatti dameelee 14 kan banate yoo tahu maamiloota kuma 22 ol argachuu Mubaarak ni ibsa.

Tahus baankonni dhalarraa bilisa tahan tajaajila isaanii hojiirra oolchuuf haaloti mijataa isaan hin dandeessisne jiraachuu kan himu Kadir, ‘’seerri amma jiru hojimaata baankii isa idilee waliin kan hidhate dha, tahus kara mootummaa kana sirreessuuf deebiin gaarii jira, ‘’ jedha.

Mubaarak gamasaan sadarkaa Baankii Biyyaalessaatti qaamni baankiiwwan dhalarraa bilisa tahan hordofuufi to’atu jiraachuu qaba.