Amartiin fakkii Yesuus qabu jaarraa warra Roomaa keessa ture Israa’el qarqara galaana Meditaraaniyaaniitti argame

Amartiin fakkii Yesuus qabu kan bara Kiristiyaanota warra Roomaa, Israa’eel qarqara galaana Meeditaraaniyaaniitti argame.

Waajirri Hambaalee Israa’el, amartiin argame kun fakkiin 'Tiksee Gaarii' hoolaa gatiittii isaarratte baate ofirraa jiruufi albuuda magariisaan became qaba jedheera.

Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus ‘’Ani Tiksee Gaariidha,’’ jechuun of ibseera.

Amartiin kun hafteewwan caccabaa doonii lama kan buufata galanaa Sesaariyaatti argaman keessattti argaman keessaati.

Hafteewwan achitti argaman keessaa saantima meetiifi maaldaa warra Roomaa jaarraa 3ffaa fi saantima baayyee kan jaarraa 14ffaati.

Kana malees, arkiiyoolojistoonni bobbocawwan namaa bara warra Roomaas argataniiru.

Waajirri Hambaalee Israa’el dooniin amartiin keessatti argame kun tujuba galaanaa meetira afur tahu keessatti argamee jechuun himeera.

‘’Dooniin kun qarqara galaanaatti akka hin sochoonetti hordamee turus, obonboleettii mudateen ture gara galaanaatti seenee kan taa'e," jedhan Jaakoob Shaarviit, Maariin Arkiiyolojiirraa kan ta'an.

Sesaariyaan hawaasa Kiristiyaanaa turte. Akka Macaafni Kakuu Haaraa jedhutti ammoo iddoon kun lafa Pheexiroos Komaandara Waraanaa warra Roomaatti amantii Kiristiyaanaa fudhate itti cuuphe ta;uun isaa ni beekama.

‘’Kunis namni sanyii Jewishii hin tahiin gara hawaasa Kiristiyaanaatti dabalamuu isa jalqabaati,’’ jedhu Shaarviit.

‘’Asiiti egaa amantiin Kiristiyaanaa addunyaatti babal’achuu jalqabe,’’ jechuun ibsa qorataan kun.

Odeeffannoo kana waliin deeman biroo: