Daaktuun goraadee loltuu durii waggaa 900 lakkoofsise qarqara bishaan Israa'elitti arge

Goraadeen kan goota durii lolaan beekamuuti jedhamee amanamuufi waggoota 900 lakkoofsise qarqara bishaanii Israa'el gama kaabaan daaktuutiin argame.

Goraadeen qara-qabeessi meetira tokko dheeratu kun daaktuu bishaanii maqaan isaa Shiloomii Katziin jedhamuun argame. Daaktuun kunis goraadee seena-qabeessa kana aanga'ootatti dabarsee kenneera.

Goraadeen turtii isaarraan kan ka'e orgaanizimoonni bishaan keessaa kan haguugan yoo ta'u, erga cirrachi bishaan keessaa irraa ka'ee bishaan keessatti mul'achuu danda'e jedhamee yaadama.

Abbaan-Taayitaa Godambaalee Israa'el (IAA) akka jedhetti goraadeen argame kun qulqulleeffamee, erga xiinxalamee booda bakka uummanni daawwatu kaa'ama.

"Goraadeen haala gaariirra jiruufi bifa kanaan tursiifame kun, waan miidhagaa qabeenya loltuu gootummaa isaatiif badhaafameeti," jedhan IAAtti garee Ittisa Saamichaa kan ta'an Inispektar Niir Distelfeld.

"Qabeenya dhuunfaa akkasii waggaa hanga kanaa lakkoofsise argachuun gammachuu guddaadha, waggaa 900 duuba deebiyanii waan jaarraa biroo keessa ture, keessumaa hidhannoo, uffataafi goraadee gootaa bara sana arguun namatti tole."

Dursaa Garee Arkiyooloojii Bishaan-jalaa IAA Kobii Sharviit akka jedhanitti, qarqarri galaanaa Kaarmel jedhamu bakka goraadeen kun itti argame, jaarraa dhufaa-darba keessa yeroo balaan dha'icha galaanaa mudatutti bakka dooniiwwan itti baqatan ta'uun gargaaraa ture.

"Haalli bakka sanaa sun baroota sana keessa daldaltoonni gara sanatti akka deeman ni harkisayyu ture; kun ammoo waan gara garaa isaan achitti dhiisan argannoo arkiyooloojiif madda guddaa akka ta'u taasiseera," jedhan.

Gootonni durii lola amantiirratti waliif bahanii wal loluun beekamu ture. Lolli amantii durii kun boodarra Bataskaana Kaatolikii warra Roomaatiin dhorkamee ture.

Lolli amantii beekamaan duulawwan gama baha Meditaraaniyaaniin bittaa Musliimaa jalaa Dachee Ququlluu deebisuuf kaayyeeffate jedhu ture.