Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaafamtuun Noobeelii Nagaa baranaa miidiyaa hawaasaa balaaleffatte
Badhaafamtuun Noobeelii Nagaa baranaa, gaazexessituun lammii Filippiinsi Maria Ressa kaampaaniiwwan miidiyaaleen hawaasaa US walqoodinsa facaasu jechuun balaaleffatte.
Gaazexessitoota lama badhaasa Noobeelii Nagaa baranaa injifatan keessaa tokko kan taate Maria Ressa, Noorweeyitti argamtee badhaasa ishee yeroo fudhattu dubbii dubbatteen, teeknoolojiiiwwan gurguddoon ''vaayirasiin sobaa hunda keenya akka faalan hayyamaniiru'' jette.
Gaazexessituun hundeessitoota marsariitii oduu 'Rappler' jedhamu keessaa taate kun, Feesbuuk jibbinsa babal'isuun bu'aa argata jechuu himatte.
Dubartiin ganna 58 kun, kaampaniiwwan intarneetaa US ''humna isaanii akka rabbiin, dhugaa fi gaazexesitootarratti looguun walqoodinsa faacaasu'' jette.
''Fedhiin keenya guddaan jibbaafi hokkora... sirnaakkoo odeeffannoo keenya keessa jiru jijjiiruudha.''
Feesbuuk dhiyeenyatti mala fayyadamtootni attamiin 'news feed' isaaniirratti waan dhufu to'achuu akka danda'an gargaaru beeksisaa jira. Miidiyaan hawaasaa kun algoorizimiin isaa akkamiin qabiyyeewwan akka beeksisu ilaalchisee yeroo dhiyoo as gaaffii guddoo keessa galeera.
Ressan gaazexessaa lammii Raashiyaa Dmitry Muratov kan gulaalaa gaazexaa 'Novaya' jedhamu waliin badhaasa Noobeelii isaanii Noorwaay magaala Osolootti argamuun Jimaata kaleessaa fudhatte.
Lameenuu badhaasa kana kan injifatan qabsoo bilisummaa pireesii kabachiisuuf taasisaniifi.
Muratov gama isaan sagantaa badhaasa isaanii itti fudhatan irratti hirmaattotni ol ka'anii gaazexessitoota hojii isaaniirratti osoo argamanii ajjeefamaniif yaadannoon akka godhamu gaafatanii, ''gaazexessitooni Raashiyaa yeroo dukkanaa keessa jiru'' jedhan.
Gaaazexessitootni 100, miidiyaaleen, quuqamtootni mirga namoomaa fi dhaabbileen miti-mootummaa dhiyeenya kana Ministeera Haqaa Raashiyaatiin ''ergamtoota alaati'' jedhamaniiru jedhan. ''Raashiyaa keessatti kana jechuun ''diina uummataati jechuudha.''
Raashiyaa keessatti namni bar-kurneewwan hedduuf mirga bilisaan yaada ibsachuuf qabsaawe kun, biyyattii keessatti gaazexessitootni hojii isaanii dhabuu, biyyaa bahuuf dirqamuu, jireenya idileellee akka hin gaggeessine ta'uu isaanii dubbatu.
Hagayya darbe badhaasa kana injifachuuni isaa yoo ibsamu Mootummaan Federeshinii Raashiyaa (Kremlin) ''nama oogummaa qabuufi goota'' ittiin jechuun baga gammadde jedheeniira.
Lameenuu qorannoo gaazexessummaa mootummoota isaanii hin gammachiifne hojjechuun doorsisaaf saaxilamaniiru.