Raashiyaan badhaasa Noobeel booda gaazexeessitootaan 'wakiila biyyoota alaa' jechuun labsite

Gaazexeessaan walabaa Raashiyaa Dimtry Muratov badhaasa Nagaa Noobelii argatee sa'aatii muraasa booda, qondaalooti Raashiyaa maxxansawwanii fi gaazexeessitoota baayyee ‘ergamtoota biyyoota alaa,’ jechuun adda isaan baasan.

Gareen qorannoo Bellingcat jedhamuufi gaazexeessan BBC Raashiyaa Andrei Zakharov’llee maqaan isaanii tarree kana keessa galeera.

Gaaleen ‘ergamtoota biyyoota alaa’ jedhu kanneen mormii siyaasaa agarsiisan ittiin waamuuf yeroo bulchiinsa Sooviyeet faayidaarra oolaa ture.

Ergasii miidiyaalee dhuunfaa fi dhaabota miti-mootummaa maallaqa alaa argatu jedhaman waamuuf oolaa jira.

Gaafa Jimaataa koreen badhaasa Noobeelii gaazexeessaa Muratov gaazexaa walabaa Novaya Gazeta jedhamu Raashiyaatti ‘bilisummaa of ibsuuf’ falmuuf kaan waliin tahuun hundeessuutti isa leellise.

Gaazexaan isaa gaazexoota walabaa maqaan ‘ergamaa biyyoota alaa’ jedhamu hin kennamiinifiyyuu malee, badhaasa argateef deebii kenneen, ‘’namoota ergamoota biyyoota alaa jedhamuun adda baafamaniifi Raashiyaa irraa ari’amaa jiran gargaaruu yaalla,‘’ jedhe.

Ministeerri haqaa Raashiyaa gaazexeessitoota sagaliifi dhaabota sadii tarree ‘ergamoota biyyoota alaa’ jedhu jala dabalee galcheera jedhe.

Gareen qorannoo Bellingcat Neezarlaanditti kan galmaa’e yoo tahu, qondaalota Raashiyaa saaxil-baasuu irrattii bobba’ee ture.

Marsariitii US’tti galamaa’e MNews.world fi kaanillee tarree ‘ergamaa biyyoota alaa’ keessa galaniiru.

Kanneen tarree sanatti dabalaman keessa gaazexeessitoonni BBC Raashiyaa fi TV channel Dozhd-kan baatii Hagayyaa keessa maqaa kanaan adda baafame, ni argamu.

BBCn deebii dhimma kanaaf kenneen: ''gaazexeessaan keenyi waajira Moskoo ‘ergamaa alaa’ jedhee adda baasamuusaa BBC’n jabeessee morma,’’ jedhe.

BBC Raashiyaa ‘’waggoota 80 darbaniif madda odeeffannoo sirriifi loogii hin qabne kennuun dubbattoota afaanichaa tajaajileera,’’

‘’Yeroo ammaa kana dhimmi dursa kenninuuf gaazexeessaa keenya Andrei deeggaruufi waayilooti isaa yeroo murteessaa kanatti gabaasuu akka itti fufan taasisuudha,’’ jedhe.

Namni ‘ergamaa alaa’ jedhamuun maqaan kennameef galmaa’u, ji’a jaha jahaan sochii dalagaa fi faayinaansii isaa gabaasuun irra jiraata.

Qabiyyeen isaa hundi ergaa miidiyaa hawaasaa dabalatee ergamaa biyyoota alaa tahuu isaan waan agarsiisu eeruu qaba.