Olompikii Gannaa Beejing 2022: Chaayinaan dippilomaatonni US Olompiikarraa hafan qeeqxe

Boycott Beijing 2022 flag

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan dippilomaatonni US Olompika Gannaa Beejing 2022 irraa hafuuf karoorfachuu isaanii balaaleffachuun haaloo bahuuf akka jirtullee akeekkachiifte.

Dubbi Himaan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Zhao Lijian Chaayinaan "tarkaanfii deebii kennuu cimaa ta'e" fudhatti jedhan. Garuu tarkaanfiin fudhachuuf jiran maal akka ta'uu malu ballinaan hin ibsine.

Ameerikaan maal jette?

Wixata Ameerikaan dipiloomaatonni ishee Olimpiikii Gannaa Beejiing 2022 irratti akka hin hirmaanne beeksifteetti.

Yaaddoo mirgoota namoomaa irraa kan ka'e dipiloomaatiin Ameerikaa Olimpiikii Gannaa Beejiing 2022 irratti hirmaatuuf garas imalu akka hin jirre Waayit Haawus beeksise.

Haata'u malee atileetonni US hirmaachuu danda'u, deeggarsa mootummaas ni argatu.

Amma dura Chaayinaan lagannaa akka kanaaf deebii jabaa akka kennitu himtee turte.

Baatii darbe pireezidantiin US Joo Baayidan dipiloomaatonni lagannaa akka godhan dhiibbaa cimsaa akka jiran himanii turan.

Dubbi himtuun Waayit Haawus Jeen Saakii Wiixata lagannaan kun hojiirra akka oolu mirkaneessan.

"Hirmaannaan dipiloomaatota US tapha kana irratti wanti hundi sirrii akka ta'e fakkeessa, garuu Chaayinaa kutaa biyyaa Shiinjiyaang keessatti sarbamni mirgoota namoomaa hammaataa fi yakkoonnuu suukkanneessoon raawwatamaa jiru."

"Kana itti dhiifnee hirmaachuu hin dandeenyu," jedhan.

Itti dabaluun "atileetota dorgommii kanaf leenji'aa turan adabuun garuu tarkaanfii sirriidha jedhee mootummaan US hin amanu" jedhan.

Atileetonni taphicharratti hirmaatanis, jilli dipiloomaatotaa irraa hafuun "ergaa ifa ta'e dabarsa" jedhan.

'Olimpiikiin dirree siyaasaa miti'

Imbaasiin Chaayinaa Washingitan jiru deebii kenneen lagannaan Ameerikaa kun "miira chaartara Olimpiikii akka malee kan faallessudha" jedhe.

"Namoonni kun dhufuu fi dhiisuu isaanii namni dhimma qabu hin jiru, dhiibbaan inni milkaa'ina Olimpiikii Gannaa Beejiing 2022 irratti qabu tokkos hin jiru," jedhan dubbi himaan imbaasichaa Liwu Peengiyuu.

Jalqabumaa afeerraan dipiloomaatota Ameerikaaf godhame hin jiru, "kanaaf, lagannaan kun eessaa akka dhufeyyuu hin beekamu" jedhan Aab Liwu.

Ameerikaan lagannaa kana ifa gochuun dura dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Chayinaa Zhawo Liijiyaan, Chayiaan "tarkaanfii jabaan deebii kenniti" jedhanii turan.

"Olimpiikiin Gannaa dirree ergaa siyaasaa itti dabarfatan fi ittiin harka nama micciiran akka hin taane hubachiisuun barbaada," jedhan Aab Zhaawo.

Marsaa hawaasaa Chaayinaa 'Weibo' irratti oduun waa'ee dipiloomaatonni US Olimpiikii lagachuu Kibxata ganama haqamaa turan.

Yaadawwan 1500 maxaansa tokko jalatti kennaman keessa saddeet qofti yoo hafu kaan hundi haqamanii jiru.

Yaadni tokko "Olimpiikiin kan atileetotaati, namootni siyaasaan maaltu walitti fide? Yoo lagattanillee namootni isin miitan, atileetota dabalatee namootuma keessani," jedha.

Qondaalonni mootummoota olaanoo Olimpiikii irratti hirmaachuun waan baratamaadha.

Baruma kana Olimpiikii Tookiyoo irratti jilli Ameerikaa giiftii duree Jiil Baayidaniin durfamu hirmaatee ture.