Miseensi Koongirasii US suuraa ayyaanaa qawwee qabatee ka'e balaaleffatame

Madda suuraa, @REPTHOMASMASSIE
Miseensa Koongirasii Ameerikaa ayyaana dhalachuu Iyyasuus Kiristoosiif maatii isaa waliin qawwee loggomatee suuraa ka'e balaaleffannaan cimaan mudate.
Suuraan kun haleellaa qawween barattoota irratti Mishigaanitti raawwate guyyaa mraasa booda gadi dhiifamuun isaa aarii namootaa jabeesseera.
Bakka bu'aan kutaa biyyaa Keentakii Toomaas Maasee suuraa kana tiwiitarii irratti yoo maxxansu; "Baga ayyaana geessan! Abbaa Gannoo (Saantaa) adaraa rasaasa fidii koottu" barreeffama jedhu waliin maxxanse.
Suurichi maatii hedduu haleellaa qawween miidhaan irra gaheen akkasumas namoota siyaasaa gama lamaaniinuu balaaleffatameera.
Suuraan isaa mormii erga kaaseen booda Aab Maaseen tiwiitarii irratti barreeffama deeggarsaa deebisee qoodaa ture, akkasumas warreenisa mormaniif deebii kennaa ture.
Namoonni hedduun "miira namootaaf dhima hin qabu" jechuun isa qeeqan.
Suuraan Aab Maasee haleellaa qawwee mana barnootaa Mishigaan keessatti lubbuu ijoollee afurii galaafatee fi torba ammoo madeesseen booda ta'uun balaaleffannaa isa mudate itti jabeesseera.
Torbee darbe mucaan waggaa 15 tokko qawwee abbaa isaa butatee bahee barattootarratti rasaasa firfirse.
Maatiin mucaa kanaa ajjeechaa kanaan himatamaniiru.
Haleellaan qawwee akkanaa Ameerikaa keessatti baratamaadha. Yeroo mara haleellaan akkasii yoo raawwatu falmiin mirga qawwee hidhachuu haqamuu qaba hin qabu deebi'ee ka'a.
Yeroo hedduu mirga qawwee hidhachuu lammilee Ameerikaa deeggaruun kan falman miseensoti paartii Riippabliikanii gariin suuraa Aab Maasee kana yoo morman gariin ammoo deeggaranii jiru.
"Ani ayyaanaaf wantin barbaadu yoo jiraate ... bakka bu'oota akka Tomaas Maaseeti," jechuun Rippabliikaan Hoosee Kaastiiloo barreesseera.
'Kana qawween' akka jedhan bakka bu'aan Koloraadoo ammoo "kana keennaan ayyaanaa natti tolu" jechuun barreesse.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo jalqabaaf Keentakii bakka bu'uun Koongirasiif kan filatame Toomaas Maasee mirga qawwee hidhachuu lammiilee Ameerikaa cimsee deeggara.
Kaka'uumsa namoonni siyaasaa to'annoo qawwee gochuuf taasisan hundas jabeessee morma. Kun haleellaa qawween raawwatamu hin hambisu jedha.
Eebla darbe namni tokko qawwee bitachuuf daangaan umurii kaa'ame waggaa 21 irraa gara 18 akka gadi bu'u seera wixineessee ture.
Dhimma suuraa isaa kanarratti deebii akka kennu gaaffii BBC'n dhiyeesseef irratti deebii hin kennine.
Bara 2020 qofa haleellaa qawween raawwatamuun lammileen Ameerikaa 20,000 ta'an ajjeefamaniiru. Kun bar-kurnee lamaan darban keessatti lakkoofsa namoota ajjeefamanii isa olaanaadha.

Namticha Gaanaa qe'eetti qawwee tolchu:
















