Haleellaa qawwee lubbuu namaa gaaga'een booda Lebanoon guyyaa gaddaa labsite

Lammileen wayita dhukaasa qawwee baqatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen wayita dhukaasa qawwee baqatan

Wal waraansa magaalaa Beeruut keessatti lubbuu namaa galaafateen booda MM Lebanoon Najiib Mikaatii Jimaata guyyaa gaddaa gochuun labsan.

Haleellaa qawwee kanaan yoo xiqqaate namootni jahaa yoo du'an, namootni 32 ammoo madaa'aniiru.

Dhukaasni kan eegale wayita lammileen biyyatti miseensa garee Musliimaa Shiyaa Hezboollaa fi Amaal jedhamanii ta'an, abbaa murtii dhimma dhohiinsa bara darbe magaalaa Beeruut keessatti mudatee qoratu irratti mormii dhageesisaa turanitti.

Mormicha kan qindeesse Hezboollaan hidhattoota baaxii manaarra turaniin dhukaasni mormitoota irratti akka baname hime.

Mormitoonni akka jedhanitti gartuu Kiristaanaa humna waraanaa Lebanoontu qawwee isnaayipparii itti dhukaasuu eegale.

Gartuun kun hokkora seenaa Lebanoon as dhiyoo keessatti isa hamaa ta'e kanaaf ka'uumsa ta'uu ni waakkata.

"Eenyuyyuu biyyattii harka isaatti akka galfatu hin eeyyamnu" jedhan pireezidantiin biyyattii Maayikil Oon.

Dhohiinsa bara darbe lubbuu namoota 219 galaafateen wal qabatee biyyattii keessa muddama guddaatu jira.

Namni 219 du'uutti dabalataan naannoo dhohiinsichaatti qabeenyi hedduun barbaadaa'ullee amma dura namni itti gaafatame hin jiru.

Hezboollaa fi michootni isaa abbaan murtii dhimmicha harkaa qabu ni looga jedhu, maatiin miidhamtootaa garuu hojii abbaa seerichaa ni deeggaru.

Namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman dhimmichi siyaasaaf oolfamaa jira, abbaan murtii dhimmicha harkaa qabu haa kaafamu jedhu.

Mormitoonni mana murticha fuuldura darbaa osoo jiranii dhukaasni eegale. Hidhattoonni Shiyaa fi milishaan kiristaanaa wayita walitti dhukaasan lammileen nagaa hedduun dawoo barbaacha oliif gadi fiigaa turan.

Mormitoonni wayita gara galma mana murtiitti imalaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni wayita gara galma mana murtiitti imalaa turan

Walitti dhukaasuun sa'aatii hedduuf tureen booda tasgabbiin uumame.

Maddeen hospitaalaa fi waraanaa akka jedhanitti kanneen ajjeefaman gariin mataa keessa dhawaman. Dubartiin mana ishee keessa osoo jirtuu rasaasa miliqxeen ajjeefamtes jirti.

Hogganaan humna waraanaa Lebanoon Samiir Gageeyaa hokkora kana balaaleffachuun, sababni isaa meeshaa waraanaa to'annoo malee namoota hedduu harka galedha jedhe.

hidhattoota Shiyaa garee Hezboollaa fi Amaal

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa jabaatu ture

MM biyyatti lammileen biyyatti akka tasgabbaa'an waamicha dhiyeessan.

Humni waraanaa loltoota bobbaasuu isaa fi nama qawwee baatee karaa irratti argame mara irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise.

Kamisa kaleessaa abbaan murtii mormiin irratti ka'e ol iyyanoo aanga'oonni lama kan miseensa garee Amaal ta'an dhiyeessan kufaa godhe. Namoonni lamaan dhohiinsa sanaan wal qabatee itti gaafatama isaanii bahachuu dhabuun abbaan murtii gaaffii irratti kaasee ture.

Sana booda abbaan murtii sun ni looga jedhamee komiin irratti ka'e.

Security forces are dispatched in Beirut, Lebanon on October 14, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lebanese army soldiers rushed to the scene after the gunfire erupted

Maatiin namoota miidhamanii ammoo hoggantoonni siyaasaa itti gaafatamummaa jalaa miliquuf jecha mana murtii irratti dhiibbaa uumaa jiru jechuun mormu.

"Harka keessan mana murtiirraa sassaabaa" jechuun aanga'aan tokko ministiroota Hezboollaan hidhata qaban abbaan murtii akka jijjiiramu gaafatanitti dubbatan.

Dhohiinsi lubbuu namoota 219 galaafate kan uumame keemikaalli amooniyam naayitireet jedhamu toonii 2750 mana kuusaa keessatti haala sirrii hin taanee kuufame dhoheeti.

Aanga'oonni olaanoon keemikaalli kun akka jiruu fi balaa inni geessisuu danda'us osoo beekanii cal jedhan jechuun komatamu.