Waraana Tigraay: Viidiyoo 'marii dippiloomaatota lixaa' miliqee bahe irratti maaltu jedhame?

Viidiyoon miliqfamee baafame jedhame kan dippiloomaatonni duraanii fi ammaa Ameerikaa fi biyyoota lixaa tokko tokko lammilee Itoophiyaa bebbeekamoo fi bakka bu'aa TPLF waliin dhimma Itoophiyaarratti wayita mari'atan agarsiisu tibbana dubbii ijoo ta'eera.

Miidiyaaleen biyya keessaa marii kanas dippiloomaatonni lixaa TPLF aangootti deebisuuf ykn gargaaruuf dhoksaan taasisan saaxilame jechuun gabaasaalee bal'aa irratti hojjetaniiru.

Viidiyoo sa'aatii lamaa ol dheeratuu namtichi lammii Kaanadaa waraana Kaaba Itoophiyaa irratti mootummaa Itoophiyaa deeggaruun marsaalee hawaasaa irratti barreessu Jeef Piirs toora Youtube isaarratti gadi dhiise.

Viidiyoo kanarratti marii godhame kan dursan waggoota dheeraaf jaarsa biyyaa ta'uun Itoophiyaa keessatti dhimma nagaa irratti hojjetaa kan turan Pirofeesar Efireem Yisaaq yoo ta'an, gama TPLF bakka bu'uun ambaasaaddar Birhaane Gabrakiristoos akkasumas lammilee fi dhalattoonni Itoophiyaa bebbeekamoon akka ogeettii diinagdee Dr Illeenii Gabramadin irratti hirmaataniiru.

Somaaliyaatti ambaasaaddara Ameerikaa ammaa Donaaldi Yamamootoo dabalatee ambaasaaddaroonni duraanii fi kan amma hojiirra jiran kan biyyoota akka Biriteen, Gamtaa Awurooppaa, Finlaandi fi Ispeen marii kanarratti hirmaataniiru.

Pireezidantiin duraanii Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) Kuulanii Jaalataa namoota marii kanarratti hirmaatan keessaa tokko.

Maaltu jedhame?

Bakka bu'aa garee Tigraay ta'uu maricharratti kan himan Ambaasaaddar Birhaane Gebrekiristoos bara 2018 erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda akkaataa haalli siyaasaa itti jijjiirame irratti yaada isaanii dhiyeessan.

Rakkoon Itoophiyaa keessaa dhibdee siyaasaatti kan jedhan ambaasaaddar Birhaanen, MM Abiy aangoo biyyattii of jalatti jabeeffachuuf faallaa sirna federaaliizimii biyyattiin ittiin bultuun aangoo mara gara jiddugaleessaatti fudhachuu ibsan.

Waggoota dheeraaf Ministira deetaa Ministeeraa Haajaa Alaa Itoophiyaa akkasumas Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan ambaasaaddar Birhaane, MM Abiy erga aangootti dhufaniin booda seeraan ala pireezidantoota naannolee jijjiiruun namoota isaaniif ajajamaniin bakka buusaa turan jechuun qeeqan.

Akkamiin naannoo Somaalii fi naannoo uummattoota Kibbaatti pireezidantoonni akka jijjiiraman erga ibsanii booda, Tigraayitti wanti walfakkaataa yaalamee milkaa'uu akka hin dandeenyee fi kunis gara waraanaatti akka seenamu sababa ta'uu kaasan.

Waraana Tigraay irratti labsame jedhaniin badii gahee, akkamiin yeroo gabaabaa keessatti humna ittisaa Tigraay ijaaruun akka danda'mee fi milkaa'ina waraanaa humnooti Tigraay argatan bal'inaan ibsan.

Hundeeffama Adda tokkummaa humnoota federaaliistii fi konfederaaliistii Itoophiyaa fi waa'ee fedhii dhaabbilee miseensota addichaa sagalii irraas dubbataniiru.

Kufaatii mootummaa MM Abiy booda hanga mariin qaamolee siyaasaa hunda hirmaachisu godhamee mootummaan cehumsaa ijaaramutti 'bulchiinsi yeroo' yeroo gabaabaaf turu akka hundaa'u dhaabbileen kun yaada qabaachuu himan.

Gaaffiilee dippilomaatonni maricharratti hirmaatanirraa dhiyaateefis ambaasaaddar Birhaanen ibsa kennaniiru.

Somaaliyaatti ambaasaaddara Ameerikaa ammaa Donaaldi Yamamootoo MM Abiy yaalii waraanicha karaa nagaa furuuf godhamaa jiru fudhachaa akka hin jirre eeruun, malli biraa waraanichi karaa nagaa akka xumura argatu gochuun ittiin danda'amu jiraachuu yoo gaafatan dhagaahamu.

Dippiloomaatiin Ameerikaa duraanii Viikii Hadilistan ammoo 'yeroo dhiyootti gama waraanaan milkaa'ina akka argattan abdiin qaba' jechuun ambaasaaddar Birhaanetti yoo dubbatan dhagaahama.

Ambaasaaddar Birhaaneen wayita deebisan, aangoon jajjabaan waraanaa fi tikaa Itoophiyaa al kallattiin harka pireezidantii Eertiraa Isaayyaas jiraachuu fi kunis gara mariitti akka hin deemamne danqaa uumuu himan.

Miseensa garee gorsitoota diinagdee MM Abiy Ahimad ta'uu kan himanii fi waggoota dheeraaf dhimma diinagdee Itoophiyaa irratti hojiilee hojjetaniin kan beekaman Dr Illeenii Gabramadin, kufaatii MM Abiy booda diinagdee biyyattii haalaan miidhame akkasumas wal-shakkii fi sodaa hawaasa jidduutti uumame bakkatti deebisuuf karoorri jiraachuu ambaasaaddar Birhaane wayita gaafatan dhagahaamu.

Dr Illeeniin dhiyeenya kana manni isaanii seeraan ala jalaa sakatta'amuu komachuun marsaalee hawaasaa irratti barreessanii turan.

Marichi akkamiin qophaa'e?

Maricha kan qopheesse dhaabbata miti mootummaa 'Peace and Development Center International (PDCI)' jedhamuufi kan pirofeesar Eefreem Yisaaqiin hogganamu yoo ta'u, maricha kan qajeelchaa turanis nama kana.

Dhaabbati kun erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaleen as dhimmoota gara garaa irratti marii walfakkaataa qopheessaa ture.

Kaayyoon marichaa akkamiin Itoophiyaa keessatti nagaa buusuun danda'ama kan jedhu ture jedhu hirmaattota keessaa tokko Dr Illeenii Gabramadin.

Hirmaannaan ani maricha irratti taasise, ta'e jedhamee akka hin malletti hubatameera jechuun tiwiitara gubbaatti kan barreessan Dr Illeeniin, mootummaa Itoophiyaa seeraan filame akka deeggaranii fi jijjiirama mootummaa bu'uura heeraa malee raawwatamu hin deeggaru jedhan.

Itoophiyaaf nagaa soquun alatti yaadota maricha irratti dubbataman kamiyyuu akka hin deeggarres himan.

Viidiyoon miliqee bahe jedhame kun wayita waraanni kaaba Itoophiyaa hammaatee, biyyoonni lixaa hedduun lammileen isaanii Itoophiyaa keessaa akka bahan akeekkachisaa jiranitti gadhiifame.

Waraana Kaaba Itoophiyatti eegaluun ammaan tana gara jiddugaleessa biyyattiitti babal'achaa jiru kanarratti mootummaan Itoophiyaa, biyyoonni lixaa finciltoota deeggaru jechuun komataa jira.

Yaadota viidiyoo miliqee bahe jedhame kana keessatti dubbatamanis komii kanaaf akka ragaatti dhiyeessaa jira.

Dhaabbanni maricha qopheesse maal jedhe?

Dhaabbanni mariicha qopheessee PDCI ibsa baaseen, rakkoo Itoophiyaa karaa nagaa furuuf yeroo garaagaraatti marii wal fakkaataa qopheessaa akka ture himuun viidiyoon ammaa kunis qaamuma kanaa akka tahe ibse.

Gama mootummaa Itoophiyaatiin UNtti ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Taayyee Atsqasillaasee akka hirmaataniif afeeree isaanis hirmaachuuf fedha akka qaban erga ibsanii garuu maricha irratti argamuu akka hin dandeenye ibse.

PDCI ibsa isaa kana keessatti Ambasadar Taayyeef irra dedeebiin gaaffii dhiyeessinee argamuu waan hin dandeenyeef mariicha itti fufne jedhe.

Bara darbes waraanni Itoophiyaa kun yeroo jalqabe amantaa adda addaa irraa namoota akka idil-adunyaatti beekamanii fi lammiilee Itoophiyaa kan hirmaachise sirni kadhannaa nagaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu waldaa Abisiiniyaa Ameerikaa jirutti akka gaggeeffamuu gochuu isaa ibseera PDCI.

Yeroo hundumaa nageenya Itoophiyaaf akka hojjetu ibsuun kun akka malee yoo nu jalaa hubatameef akka dhaabbata keenyaatti dhiifama gaafannas jedheera.

Waraanaa kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoon duran eegalamee amma gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babalate kun karaa nagaatiin akka furamuuf dhaabbileen idil-addunyaafi ergamaan addaa Gamataa Afriikaa akkasumas ergamaan addaa Yunaayiti Isteeti kan Ganfa Afriikaa yaalii taasisaa jiraachunsaanii ni yaaatama.