Miidhaan saalaa daa’imman irra ga’u Indiyaatti akkamiin babal'ate?

Indiyaan biyya adunyaa irraa ijoolleen miidhaa guddaan irra gahe keessa jiraatanidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaan biyya adunyaa irraa ijoolleen miidhaa guddaan irra gahe keessa jiraatanidha

Adoleessa 2020, poolisiin Indiyaa, bulchiinsa Assaam, wa’ee fuula Feebuukii shakkisiisa ta’e irratti gabaasi isa ga’e.

Dhabbanni miti mootummaa tokko, fuulli Feesbuukii kun suuraa fi viidiyoo ijoollee akka qabuu fi tarii wantoota haleellaa saalaa da’immannii (CSAM) beeksisaa jira shakkii jedhuun odeeffannoo kana kenne.

Gara ji’a tokkoo booda ammoo, poolisiin qorannoo eegaluun, ganda magaalaa gudditti bulchiinsicha, Guwaahatitti dhiyaate jiru keessaa, namicha umurii ganna 28 tokko to’annoo jala olchan.

Bilbila moobayilii namicha kanaarratti viidiyoon nama jeequ kan yemmuu miidhaan saalaa daa’imman irra ga’u argarsiisu akka ture himan.

“Viidiyoo kunneen arguukoo booda halkan hedduuf hirriban dhabe,” jedha qorataan poolisii Giitanjali Doole.

Namichi kun fuula Feesbuukii fayyadamuun namoota gara marsariitii fi appii wantoota haleellaa saalaa da’immannii (CSAM) agarsisaan gurguruuf geessa jedha poolisiin.

Namichi kun kanarra bu’aa akkamii akka argatu ifa miti, ta’us garuu poolisiin utuu inni hojii kanarraa maallaqa argachuu hin eegaliin to’annoo jala olchinee jedhu. Fuuli Feesbuukii kun amma haqame, dhimichi mana murtiitti ilaalamaa jira.

Namichi, amma mirga wabiin hidhaa irraa gadhiifame, himata irratti dhiyaate hunda haaleera. “Viidiyoo haleellaa saalaa da’immanii interneeta irraa buufadhe hin beeku. Namaafis ergee ykn naaf ergamees hin beeku,” jechuun BBC’tti hima.

Indiyaa keessatti lakkoofsi haleellaa saalaa daa’imman irra ga’uu guddaadha. Bara 2020 keessatti qofa, Wajjirri Galmee Yakkaa Biyyaalessaa yakki akkanaa 43,000 ta’u Seera POSCO ( Ijoollee haleellaa Saalaa irra eeguu) jalatti galmeesseera – kana jechuun gidduu galeessaan garagarummaa daqiiqaa 12 yakki akkanaa tokko ni raawwatama jechuudha.

Roggeessonni garuu, dhimma kana irratti haasa’uuf safuu fi loogiin waan jiruuf, lakkoofsi inni irriin kanarra baayyee guddata jedhanii tilmaamu.

Akka seera Indiyaatti wantoota CSAM ta’an maxxansuun, raabsuu ykn qabaachuun dhorkaa ta’us, yakki kun babal’ateera. Rakkoon kun ammo caalatti yeroo weerara koronaavayirasiitti baayyachaa dhufeera.

Yeroo dhorkiin Covid-19 namooti mana isaani keessa akka turan godhetti, biyyatti keessatti wagga darbe interneeta irratti suuraa fi viidiyooleen haleellaa daa’immanii agarsiisu bayyachaa akka dhufe roggeessotii fi qondaaltoonni poolisii nii himu.

Bulchiinsa kibbaa Keraalaa keessatti yakki kun yeroo weerara Covid dura ture waliin yemmuu madaalamu gara %200 hanga %300 dabaluu isaa, hogganaan poolisii yakka interneetarra bulchiinsicha Manooj Abrahaam himaniiru.

Weerarri Covid kun caalaatti viidiyooti akkana mana keessatti akka hojjataman taasiseera, kunimmoo yeroo hedduu hin gabaafamiin hafa sababiin isaas namootni yakka kana raawwatan miseensota maatii ykn namoota ijoolleen kun beekan waan ta’uufi jedhu Obbo Abrahaam.

“Viidiyoota kana keessatti mana keessa akka jiran ni agarta, Kanaaf, wanti hamaa ta’e, namni daa’ima dhiiraa ykn durbaa kana miidhaa jiru, nama manicha keessa jiraatu ta’uu isaadha,” jedha.

Bulchiinsota biroo keessattis haala walfakkaataatu jira.

Gabaasi Fandii Kununsaa Ijoollee Indi’aa yakki CSAM kun, magaalaa gudditti Delhii fi magaala Mumbaay dabalatee magaloota Indiyaa 100 ta’an keessatti baayyee akka dabaleeru hima.

Namootni gocha CSAM kana keessatti hirmaatan %90 dhiirota, %1 dubartoota, kaan ammo adda akka hin baafamne gabaasni kun ni eera.

Dabaluunis namootni hedduun bakka jiran dhorksuuf, seera mootummaa fi eegumsa marsariitii irra jiru jalaa miliquuf jecha VPN akka fayyadamanis ibseera.

Ebla 2020’tti, ogeessitni mirga namoomaa UN, “dhorkiin shochii fi fayyadamtoonni intarneeta dabaluun isaa, wantoota yemmu haleellaan saalaa da’imman irra ga’an agarsiisan uumuu fi raabsuun, kallattiin tamsaasuun, akkasumas ga’eessotni daa’imman irraa haleella saalaa geessisuu barbaadanii fi adamsan interneeta irratti akka baayyatan taasisu mala,” jechuun akeekkachiisee ture.

Roggeessi Mumbaay keessa jiraatu, Sidhaart Pillaay, Hagayya keesa yeroo mucaan ganna 16 tokko dhufee isa haasofsiise, battaluma sana rakkoon akka jiru bare.

Mucaan kun dhiyeenya bilbila inni fi obboleettiin isaa umurii ganna 10 waliin fayyadaman irratti wantoota akka isheen interneeta irratti haleellaa saalaaf adamfamaa jirtu agarsiisu argate.

Appii geemii irratti eegalee sana booda miidiyaa hawaasummatti darbe jedha, Pilaay, kan dhabbata miti mootummaa Aarambi jedhamu, kan miidhamtoota haleellaa saalaa kan viidiyoo fi suraan isaani interneeta irratti baafame haquun gargaaru keessa hojjatu.

“Nagaa gaafachuun eegala, boodarra haasichi gara leellisuutti eegala, akka ‘yeroo hunda wa’eekeen yaada’ jedhutti. Sana booda gara oduu saal-qunnamtiitti geeddarama,” jedha.

Kun “mala baramaa ittin daa’imman leenjisanidha,” jechuun, mala kanaan namni sun ijoollee kanaaf suuraa fi viidiyoo poornii erguun ‘akka isaan waan akkana baranii simatan’ gochuu yaala jedha.

Qondaaltonni viidiyoo fi suuraleen haleellaa daa’immanii akkanaa hedduun, kutaa haasaa cufaa marsaritii dhokataa (dark web) irratti qooduun, namootni adda addaa kaffaltii isaani bitcoin’tiin taasisu jedhu. Amma garuu kun darbeeyyu, miidiyaalee haawasummaa adda addatti darbeera.

Obbo Abrahaam, wantoota akkanaa waliif qooduun haala “qindoomina hin qabnee fi namoota sammuu walfakkaata qaban” gidduutti kan taasifamudha jedhu.

Poolisiin Keraalaa rakkoo kana furuuf, sooftiweerii cimaa kan bakka jireenyaa shakkamtootaa adda baasuu fayyadamuu dabalatee sochii adda addaa eegaleera.

Mala kanaan waggootii lamaan darban keessatti yoo xiqqaate sakkata’iinsi 1,500 ta’u gaggeefamee, namootni 350 to’annoo jala ooluu isaanii qondaaltonni himaniiru.

Rogeessotni akka jedhanitti, Indiyaa keessaati dhimma haleellaa saalaa fi namoota daa’imman qunnamtii saalaaf barbaadan irratti loogii guddaatu jira, kun ammo rakkoo kana furuun akka cimu taasisa.

Obbo Abrahaam, wanta ijoolleen intarneeta irratti hojjatan to’achuun, itti gaafatamummaa maatiidha jedha.

“Wanti ijoon nama naannoo daa’imakee jiru hunda shakkuudha,” jedha.