Lammiin Taanzaaniyaa Og-barruun badhaasa Nobeelii injifatan

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaan lammii Taanzaaniyaa, Abdulrazaak Gurnaah baadhaasa Noobeelii Og barruu bara 2021 injifachuun ibsameera.
Gurnaah “dhibbaa koloniin uumu irratti ibsa ifa ta’ee fi gaarummaa agarsiisu, akkasumas hiree baqattootaa gulfii keessa jiran aadaa fi ardii darbee ilaaluu” irratti hojii hojjateef jajameera.
Badhaasi kun Akaadaamii Siiwiidishiin kan keenname yoo ta’u, doolara miiliyoona 1.14 kan ta’udha.
Bara 1948tti Zaanzibaar keessatti kan dhalatan maanguddoon ganna 73 Gurnaah bara 1960n keessa ture baqataa ta’anii gara Ingilaand kan imalan.
Hanga ammaatti asoosamaa 10 fi seenaalee gaggabaaboo hedduu barreessaniiru. Dhiyeenya sooroma ba’uu isaaniin dura, Kanterburiitti, Yunivarsitii Kent keessatti Piroofeesara Afan Ingiliizii fi og barruu kolonii duraa ta’uun tajaajilaa turan.
Kitaabni isaanii Paaraadaayiz kan bara 1994 maxxanfameefi seenaa ilma Taanzaaniyaa keessatti jaarraa 20ffaa keessa guddatee haasa'u badhaasa Booker Prize kan argate ta'uurra darbee maqaa guddaa ittiin horatanaiiru.
Murannoon Abdulrazaak Gurnaah dhugaafi jibbi waa salphisanii ilaaliif qaban akkaan jabaadha'' jedha ibsi koree badhaasa Noobeeli.
''Asoosamni isaa heddummina Baha Afrikaa addunyaa hafe hedduu hin beeknee akka beekamu gumaacheera.''
Zaanzibaaritti kan dalatan Gurnaah bara 1986 Wolee Soyiinkaa og barruun badhaasa Noobeelii bara 1986 erga injifatanii nama og barruu isaan lammataati.
Gaaffiifi deebii bara 2016 taasisanii tureen Barreessaa bara koloniin boodaa ("author of postcolonial and/or world literature") ofiin jettuu jedhamanaan jechoota akkasiin akka of hin ibsine dubbatanii ture.
Badhaasa Noobeelii kan og-barruu bara darbee waloo lammii Ameerikaa Louise Gluck jedhamutu injifate.













