Libaanositti rakkoon dinagdee hammaate biyyattii tajaajila ibsaa dhabsiise

Madda suuraa, Reuters
Libaanos sababii rakkoo dinagdee cimaa biyyattii mudate irraa kan ka'e tajaajilli ibsaa adda citee guutummaatti dukkana keessa bulte.
Maddeen mootummaa Rooyitarsiitti akka himaniitti buufataaleen annisaa elektirikii lama, Deir Amaar fi Zaahraanii hir'ina boba'aatiin cufamaniiru.
Maddeen ibsaa ''Sanbata kaleessaa waaree booda guutuummaan'' hojii kan dhaban yoo ta'u, guyyoota ittaanan muraasaafis deebiisanii hojii kan eegalan hinfakkaatu, jedhan.
Libaanos waggaa tokkoofi wallakkaadhaaf rakkina dinagdee cimaa fi haqina boba'aa cimaan mudateera.
Rakkoon kunis ummata biyyatti wallakkaa iyyuummaaf saaxiluun, maallaqa biyyattii gatii akka dhabu taasiseera. Kanarraa kan ka'e ummanni aanga'oota siyaasaa irratti mormii akka dhageessisan taasise.
Hanqinni sharafa alaa ammoo dhiyyeessitoota elektirikaa biyya biraatiif kanfaltii akka hinraawwanneef danqaa itti ta'e.
Ummanni Libaanos irra caalaan annisaa dhunfaadhaan maddisifaman fayyadamuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Haata'u malee kun ammoo sababii hirina boba'aa biyyattii keessa jiruutiin baayyee mi'aadha.
Dhiyeessiin ibsaa osoo akka ammaa gutummaatti hincufamiin dura, ummannii guyyaatti sa'aatii lama qofaaf ibsaa argataa ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Dhaabbanni elektirikii mootummaa Liibaanos ibsa baaseen akka mirkaneessetti, dhaabbileen lamaan waliitti elektiriikii biyyattiin barbaaddu %40 maddisiisan cufamaniiru.,
Cufamu isaaniin biyyattiin ''guutummaan ibsaa malee dukkana keessa'' akka galtu taasisuu kaasuun, ''ammatti deebisanii hojii eegaluudhaaf haalli itti danda'amu akka hin argannee'' ibseera.
Al Jazeeraan akka gabaaseetti, kaaba magaalaa Halbaatti uummannii waajjiraalee dhaabbata ibsaa motummaa fulduratti hiriira bahaniiru.
Jiraattonni magaalaa Tiripoolii ammoo gummaa gubuudhaan daandii cufaa turan jedhaameera.
Biyyattiin erga dhohiinsa Beeruuti kan Hagayya 2020 mudatee badiinsa lubbuu namoota 219 fi kanneen 7,000 ta'an amma miidhaaf saaxilaman taasiseen booda rakkoo dinagdee cimaaf saaxilamte jirti.
Balaa dhohiinsaa sana hordofuunis motummaan biyyatti aangoo kan gadhiise yoo ta'u, innis siyaasni biyyatti akka laafu taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi buraanii aangoo gadhiisee waggaa tokkoon ol, Najib Miaati Fulbaana darbe Ministira Mummee ta'an.
Baatii darbe gareen milishaa Hezibollaa hirina biyya keessaa salphisuuf jecha boba'aa Iraan biyya galchee ture.
Mormitoonni ammoo garichi dhiyeessitii boba'aati fayyadamuun dhiibbaa isaa biyyattii keessatti babal'ifachuuf jechuun morman.














