Dhalattuun Itoophiyaa-Oromoo Amaanee Badhaasoo Kongireesii Ameerikaaf dorgomaa akka jirtu beeksiste

Beeksisa Amaanee Badhaasoo

Madda suuraa, Amane for Congress

Dhalattuun Oromoo - Itoophiyaa Amaanee Badhaasoo, Ameerikaa kutaa biyyaa Minesotaa magaalaa Seent Pool ‘Fourth Congressional District’ jedhamu bakka buutee Koongireesii biyyattiif dorgomuuf akka jirtu beeksiste.

Shamarreen kuni yoo filamtee darbite Kongireesii Ameerikaa galuudhaan dubartii Oromoo - Itoophiyaa jalqabaaa akka taatus himamaa jira.

Amaaneen Koongireesii Ameerikaatti bakka buutuu naannichaa kan taate, dubartii ganna 67 Betty McCollum jedhamtuufi bara 2001 irraa qabee tajaajilaa jirtu morkatti.

Amaaneen ergaa murtee dorgomuushee kana ibisteen akka jetteetti: ''Gara fuuladuraaf mul'anni haarayaan waan nu barbaachisuuf, Kongiresiif dorgomuuf galmaa'eera,'' jette.

Amaanee Badhaasoo bara 2003tti ijoollee ganna 13 taateeti koolugaltummaan Itoophiyaarraa Ameerikaatti kan godaante.

Amaaneen Yunivarsiitii Hamline jedhamurraa saayinsii siyaasaan kan eebbifamte yoo tahu, muuxannoo hirmaannaa siyaasa hawaasaa waggaa 10 olii qabdi.

Yeroo Pireezidantiin biyyattii ammaa Joo Baayidan duula Meenistootaatti geggeessanitti gahee hoggantummaan hojjetteetti.

Yeroo ammaa magaalaa Seent Pool keessa paartii hojjetaa DFL jedhamu keessatti hoggantummaan tajaajilaa jirti.

Akkasumas Koomishinii Mirga Namoomaafi Haqa Diinagdee magaalattii keessattis hojjetaa jirti.

Gama biraan, Amaaneen Waldaa Qorannoo Oromoo - OSA dabalatee waldaalee dargaggootaa Oromoo idil-addunyaa biroo keessatti hoggantummaa fi qooda hojii kaaniin tajaajilaa turteetti.

Duula siyaasaa amma geggeessaa jirtu kanaan dhimmoota dhiibbaa jijjiirama qilleensaa, wal-qixxummaa sanyii fi haqa diinagdee irratti xiyyeeffachuun akka hojjettu beeksiftee jirti.

Bara 2019 keessa siyaasa Itoophiyaafi dubartoota ilaalchisee gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo wajjin taasisteen, ''dubartoota hoggantummaa paartilee mormitootaa keessatti arguu dhabuun qabsoofi hegeree uummata keenyaa waan baay'ee miidhu jedheen amana,'' jechuun dubbattee turte.

Amaaneen jiraattota ollaa Mineesootaaf ‘'mul’ata ceesisaa fideen dhufeeraa,’' jechaa jirti jedha ibsi paartiishee.

Ergaa viidiyoo fi barreeffamaa marsaalee hawaasaa dhuunfaa ishee irratti gadhiisteenis, hawaasa bakka bu’uuf duulaa jirtuun ’koottaa buna dhugaa’ dhimmoota keenyaa waliin mari’anna jechuun Afaan Ingliiziin ergaa dabarsiteetti.

Naannoo dorgomaa jirturraa deeggarsa gahaa jedhamu kan qabdu yoo tahu, hogganoota hawaasaa Seent Pool, Neslie Yaang jedhama fa'irraa deeggarsa argattee jirti.

Amaaneen hawaasa walitti qabuufi qindeessuudhaan muuxannoo akka qabdu himatti, kanaanis ‘dhimmoota godaantotaa, eegumsa fayyaa, sanyummaa caasaa keessa jiruufi jijjiirama haala qilleensaa irratti hojjechuuf kongireesiin hoggantummaa onnataafi fedhiin guutame barbaada’ jetti ibsa kenname kanarratti.

Shamarreen duula ifatti torbee kana jalqabde kuni lammiilee Itoophiyaa irraayis deeggarsa argachaa jirti.