Volkaanoo Odola Kaanaarii: Manni tokkittiin laavaa odolarra jige keessaa hafuun raajii uume

A house sits surrounded by lava in La Palma

Madda suuraa, Alfonso Escalero

Ibsa waa'ee suuraa, Manni jireenyaa kun maqaa masoo ''miracle house'' jedhua argateera

Suuraan ajaa'ibsiisaa Odola Kaanaariitti manni tokkichi volkaanoon dho'ee laavaa yaa'urraa kophaatti hafe raajii uume.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawasaa mana jireenyaa La Palma'tti argamu kana ''mana raajii'' jedhanii moggaasaniiru.

Canary Islands kaaba-baha Afrikaatti kan argamtu bulchiinsa Ispeen ofiin ofbulchitu yogguu taatu, volkaanoon kun kan dhoo'es gaafa Dilbataa ture. Manneen 200 ol tahan kan mancaa'an oggaa tahu, namoonni 6,000 tahan achii godaananiiru.

Laavaan ykn dhagaan baqe volkaanoo Cumbre Vieja jedhamurraa gadi yaa'u ammallee kan hammaachaa jiru yeroo tahu, saayintistoonni dhoo'insi kun haga yoomii tura kan jedhu beekuu hin dandeenye.

Suuraan ogeessi suuraa Alfonso Escalero'n kaase kun, manni ''raajii'' kun laga laavaan marafamee muldhisa.

Akka gabaasa El Mundo'tti manni kun qabeenya lamee biyya Nezarlaand soorama bahanii Inge fi Ranier Cocq jedhamanii wayita tahu, erga weerarri Koronaa mudate as garas dhaqanii hin beekan.

Dubartiin Ada Monnikendam jedhamtuufi manicha abbaa warraashee wajjin ijaarte, namoota lamaan kana wajjin dubbachuu himtee: ''Amma garas deemuu dadhabnus, balaan irra gahuu dhabuusaatti gammadneerra,'' akka jedhaniin himte.

Lava and smoke can be seen rising from the volcano

Madda suuraa, EPA

Akka dubartiin kun jettuutti, volkaanoo kanaan hiriyoonni namoota kanaa qabeenya isaanii hunda dhabaniiru.

Laavaan achii baqee yaa'u manneen jireenyaa, manneen barumsaa fi oyiruu muuzii galaafateera.

''[Jarri kun] enyuttuu haasawuu hin barbaadan, imimmaantu dursaani,'' jette dubartiin kun.

Waa'ee suuraa amma kanaas wayita dubbattu: ''mana kana namni kunuunsu dhabamee kophaasaa achitti dhaabbachuun isaatti nan gadda,'' jette.

Anga'oonni naannichaa laavaan yaa'u kun taatee keemikaalaa uumuun dhoo'insa qaqqabsiisa, akkasumas galaanatti yaa'ee yoo makame, summeessuu mala jedhu.

Ogeeyyiin dhimma kan hordofan ammoo laavaan yeroo ammaa ''suuta suutaan'' socho'aa jira jedhan. Dhagaan baqe kun galaana qaqqabuufi dhiisuun isaa haga ammaatti hin baramne.

Mootummaan Canary Islands namoota balaa kanaan mana dhabaniif piroojektiiwwan manaa lama bituufi karoora akka qabu beeksiseera.

Ministirri Muummee Ispeen Pedroo Saancheez, Yaa'ii Waliigalaa UN irratti argamanii haasawa taasisuuf La Palma ka'anii kallattiin gara Niiw York kan imalan tahus, yeroo dheeraa achi hin turan. Hojiiwwan yeroo balaa sababa volkaanoon mudate hoogganuuf gara Odolattiitti dafanii deebi'u jedhameera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Voolkaanoo ho'aa keessatti akkamiin suura kaasuu dandeessu?