'Abbaa warraakoo dhukkubsataa ibidda volkaanoo irraa hambisuu hin dandeenye'

Madda suuraa, Reuters
Erneestiin Kabuuwoo baqarraa kan deebite erga ibiddi volkaanoo dhohe lafarra yaa’ee dhaabbateen boodadha. Yeroo deebitu abbaa warraa ishee barbaaddus garuu isa argachuu hin dandeenye.
Dubartiin ganna 68 abbaa warraa ishee dhukkubsatu baattee baasuu ijaa hin dandeenyeef, gubataasaatti deebi’uushee Royitarsitti himteetti.
Gaafa Sanbataa voolkaanoon Demookiraatiik Riippaabliikaawaa Koongoo, gaara Inyiraagoongootti dhohe du’a namoota 15f sababa taheera.
Laavaan (ibidda kattaa baqee) otoo naannoo jireenyaa magaalaa Goomaa hin gahiin dhaabbateera.
Kunimmoo du’aa fi manca’insa bara 2002tti mudate hambiseera. Tahus naannoo Buheenee jedhamu lafa Aadde Kaabuwoon faa jiraatan miidheera.
''Qofaa koo hin deemu isa dhiiseen jedheen ture, yeroo wal-fuune gaariifi hamaatti waliif taana jennee turre,’’ jechuun BBCtti himteetti.
''Isa baasuudhaaf deebi’ee deemeen ture garuummoo hin dandeenye. Nan baqadhe, innis achitti gubate. Maal akkan godhu hin beeku, guyyaa kana nan abaara,’’ jetti.
Jiraattonni Gomaa firoota isaanii jalaa badan barbaadaa jiru. Magaalaan jiraattota 670,000 ol qabdu balaan uumamaa irra deddeebiin ishee mudata.
Ijoolleen 170 tahan achi buuteen isaanii hin beekamu, namoonni 150 tahan immoo maatii isaaniirraa adda bahaniiru yaaddoon jedhu jira. Unicef ijoollee maatii waliin hin jirre gargaaruuf wiirtuuleen dabalataa ni dhaabamu jedheera.
Namoota du’an 15 keessaa sagal otoo balaa kana baqatanii balaa tiraafikaan du’an.
Namootni afur immoo mana hidhaa irraa miliquuf otoo jedhanii kan du’an yoo tahu, lama immoo gubataniitu du’an jedhan dubbii himaan mootummaa Paatriik Muyaayaa.

Madda suuraa, Reuters
Laavaan lafarra yaa’aa ture ganda Buheenee yeroo gahu dhaabbate. Manneeniifi gamoo gurguddoo otoo hin hafiin kan dhibbaan lakkaa’aman lafatti owwaale. Deebisanii ijaaruun ji’oota fudhachuu mala.
''Manneetiin ollaa Buheenee keessa jiran hundi gubataniiru,’’ jechuun Bahaalaa Shaamaavuu Associated Press’tti hime.
Laavaan kuni daandii guddaa Goomaa fi Beenii qunnamsiisu qaxxaamuraa ture. Kunis gargaarsi akka hin dhaqqabne rakkisaa taasisee ture. Tahus buufatni xiyyaaraa magaalattii hin tuqamne.
Volkaanoon Gomaa irraa km10 fagaatee argamu yeroo dhumaaf kan dhohe bara 2002tti ture. Yeroos namoonni 250 yoo du’an 120,000 kan tahan immoo mana isaanii dhabaniiru.
Jiraattonni naannichaa mana isaanii dhiisanii deemuu kan jalqaban otoo mootummaan karoora baraaruu hin beeksisiin duradha. Halkan keessa namooti baayyee firaashii fi miya biroo qabatanii yoo yaa’an mul’ataniiru.
Qondaalotni Ruwaandaa namoonni 3,000 ol tahan Gomaa irraa gara daangaa isaaniitti ce’uu himan. Gariin isaanii garuu gaafuma Dilbata gara qe’ee isaaniitti deebi’uu jalqabanii turan. Kaan immoo gara lixa biyyattiitti deemaa turan.

Jiraataan Gomaa Richaard Bahaatii iyya erga dhagaheen booda, samii irraa ibidda xaaxa’u yoo argu akka yaadda’e dubbateera.
''Voolkaanoo isa bara 2002 argeera, yeroos mana keenya hunda mancaasetu darbe,’’ jedha.
Daldalaan naannichaa biraa Keembeeree Ombeenii qe’eetti deebi’e immoo, ’’Gandi Inyiraagoongoo yeroo aartu ijaan argine, ibiddichi hamma mana keenyaatti dhufe, laavaa ijaan argaa turre,’’ jedha.
Jiraattuun biraa Ayiriin Bawumaa immoo jiraattonni jireenya isaanii akka haaraatti jalqabuuf gargaarsi mootummaa isaan barabaachisa jetti.
''Asii uummanni waan hunda dhabetu jira, du’a biraas arguu dandeenya maaltu beeka? Mootummaan warra balaa kanarraa hafan akka gargaaru gaafachaa jirra,’’ jetti
Toom Peeyree Koostaan hojjetaa Kaawunsilii Baqattotaa Noorweey keessaati. Gomaatti maaltu akka mudate akkanaan BBCtti hime.
''Laavaan sun baayyee suuta jedhee adeema ture, sa’aatii tokko keessatti km1 ture saffisni isaa. Garummoo deemuu hin dhaabne ture. Achii manneetii gubuutti ka’e,’’ jedhe. Hojjettoonni namoomaas gargaaruuf yaalaa turanis jedheera.

Madda suuraa, Enoch David/Reuters
Gaarri Nyiragongo voolkaanoo si’ataa addunyaa kanaa keessaa yoo tahu, haalli volkaanichaa garuu sirnaan hin qo’atamne jedhama, kunis Baankiin Addunyaa sababa malaammaltummaan maallaqa kennuu waan dhaabeefi.
Yunivarsiitii Maanchistar Ingilaanditti qorataa volkaanoo kan tahan Maayik Baartan, volkaanoon gaara kanarra jiru dhangala’aa gatii taheef saffisaan adeemuu danda’a jechuun BBCtti himan.
Dhoohinsi voolkaanoo kanaa inni hamaan bara 1977tti kan mudate oggaa tahu, gaafas namoota 600 ol galaafateera.
















