Nezarlaanditti daa'imni ganna 12 abbaasaa mana murtiitti falmuun mirga talaallii Covid fudhachuu argate

Dutch health workers fills syringe with vaccine

Madda suuraa, Getty Images

Nezarlaand magaalaa Groningen keessaatti daa'imni ganna 12 akkawoosaa haalaan dhukkubsatan ilaaluuf jecha abbaasaa talaallii Covid fudhachuuf isa dide mana murtiitti falmee mo'ate.

Talaalliin carraa mucaan kun vaayirasicha maanguddoo kaansarii hamaan dhukkubsatan kanatti dabarsuu hir'isa jedhan abbaan seeraa dhimmicha harkaa qaban.

Nezarlaandisitti talaallii Koronaa oladeemoon ganna 12-17 akka fudhatan kan hayyamame oggaa tahu, garuu kanneen ganna 17 gadii heeyyamni maatiisaanii lameenuu barbaachisaan.

Biyyattiitti talaallicha ija shakkiin ilaaluun dabalaa jira.

Abbaan seeraa Bart Tromp jedhaman kun akka jedhanitti, oladeemaan kun ammuma talaalamuudha qaba - maaliif jennaan, fedhiin isaa, yaaddoo abbaasaarra waan caaluuf jechuun ajaja dabarsan.

Ragaaleen mana murtichaa akka agarsiisanitti, gurbaan kun akkoosaa kaansarii sombaa 'metastatic' dhukkubsatanii fi ''xumura jireenya isaanii irratti argaman'' wajjin hanga danda'een yeroo dheeraa dabarsuu barbaada.

Abbaan mucaa kanaa talaalliiwwan ''sadarkaa yaaliirra jiru'', akkasumas qaama walhormaataa irrattis balaa fidu jechuun kan falmate tahus, abbaan seeraa Tromp garuu, falmiin kee bu'uura saayinsii hinqabu jechuun jalaa busheessan.

Kana malees carraan daa'immanii vaayirasichaan qabamanii haalaan dhukkubsachuuf qaban xinnaa tahus, Covid isa dheeraan miidhamuu danda'u jechuun sodaa qabus ibse abbaan.

Kanaanis carraan vaayirasicha namoota kaanitti dabarsuuf qaban gadaanaa jedhe abbaan daa'ima kanaa.

Haatahu malee abbaa seeraa kana murteesaanii jijjiirsiisuu hin dandeenye.

Haati daa'ima kanaa amma abbaasaa wajjin walhiikanii kan jiran oggaa tahu, murtee daa'imaa kana deeggarteetti.

Akka seera warra Dachiitti yoo maatiin waliigaluudhaa baate, abbaan seeraa murtee daa'ima fayyada jedhamu dabarsuuf mirga qaba.